Waajjirri Muummee TV Tigraay Maqaleetti argamu dirooniin haleelamuu AFPn gabaase

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Waajjirri muummee TV Tigraay magaalaa Maqaleetti argamu dirooniidhaan haleelamuu miidiyaan Faransaay- AFP jedhamu gabaase.

Namoonni maqaansaanii akka hin eeramne himuun AFPtti dubbatan ''sagalee haleellaa diroonii akkaan rifaasisaa ta'e dhageenyee gamocha keessaa fiignee miliqne,'' jedhan.

Haleellaa Dilbata, Fulbaana 27, 2026 raawwatame jedhame kana ilaalchisee TPLF irraas ta'e mootummaa federaalaa irraa yaadi kenname hin jiru.

BBCn hooggantoota miidiyichaa akkasumas jiraattota magaalattii dubbisuuf yaaliin taasise, sababa malli quunnamtii adda citee jiruuf, hin milkoofne.

TVn Tigraay afaan mootummaa nananochaa ta'uun kan tajaajilu yoo ta'u, torban dura hidhattoonni torba qindoomina uummachuu isaanii karaa miidiyaa kanaa dabarsan.

Sababa kanatti Abbaan Taayitaa Biroodkastii Itoophiyaa TV Tigraay yeroo hin murtoofneef uggureera.

Akkasumas miidiyaalee TV kana madda godhatan irratti tarkaanfii akka fudhatu ibseera.

AFPn suuraa gaazexeessaan naannawa waajjira miidiyaa kanaa ture kaase kan qoode yoo ta'u, suuraa kanarraa gamoon fulleen isaa caccabee fi aaraan gurraacha'etu mul'ata.

Gaazexeessaan biraan miidiyaan kun hojjettoota 400 akka qabu eeruun, haleellaa booda tamsaasi adda cituu AFPtti himeera.

Haleellaa kanaan miidhaan qaqqabe hanga ammaatti hin baramne.

Roobii darbe humnoonni Tigraay TPLFn hoogganaman buufataalee xiyyaaraa naannocha keessatti argaman sadi to'achuu hordofee waraanni hammaateera.

Kana hordofee Daandiin qilleensaa Itoophiyaa ''yeroo hin murtoofneef'' balalii gara naannochaatti taasisu adda kutuu ibseera.

Walitti bu'iinsi haaraan humnoota federaalaa fi humnoota Tigraay gidduutti ka'e kun babal'achuu hordofee, guyyaa Jimaataa tajaajilli bilbilaa fi interneetii Itiyoo Telekoom adda citeera.

Hidhattoonni TPLF daangaawwan karaa naannolee Amaaraa fi Affaariin jiran irratti haleellaa cimsuu booda waraanni hammaataa deemaa jiraachuun himamaa jira.

Hojjettoonni dhaabbilee gargaarsa namoomaa AFPn dubbise magaalaan Eribtii jedhamtu to'annoo TPLF fi michoota isaa jala galuu himan.

Magaalaan kun bakka naannoon Tigraay naannoo Affaar daangessurratti argamti.

Maddeen AFP kunneen humnoonni TPLF kunneen naannoo magaalaa Afdeeraattis dhihaataa jiraachuu dubbatan.

BBCn gabaasaa AFP kana qaama walabaa irraa mirkaneeffachuu hin dandeenye.

Maddeen AFPn dubbise yoo xiqqaate namoonni kuma 150 ta'an sababa kanatti qe'ee isaaniirraa buqqa'uu ibsan.

Garuu lakkoofsa namoota buqqa'anii isa sirrii himuun rakkisaa ta'uu dubbatan.

Fiildi Maarshaal Birhaanuu Julaa gamasaaniin ibsa karaa miidiyaa Raayyaa Ittisa Biyyaatiin guyyaa afur dura kennaniin ''humnoota fedhii fi ajandaa qaamolee alaa raawwachuuf qindaa'an waliin wal waraanaa jirra,'' jedhan.

''Shaabiyaa [Ertiraa] fi TPLF Sudaan malee, Masirii malee akkasumas humnoota sanaan achi jiraniin ala kophaasaanii yoo walitti dabalamanillee gatii hin qaban. Yoo gargar baba'an ammoo hiikuma tokkollee hin qaban,'' jedhan qondaalli waraanaa Itoophiyaa kun.

Mootummooti Ertiraa, Sudaaniifi Masrii finciltoota Itoophiyaa hidhachiisu himannaa jedhu haalaniiru.

Waraanni mootummaa federaalaa fi TPLF gidduu waraanni waggaa lamaaf adeeme Waliigaltee Piriitooriyaan xumuramus yeroo dhihoon as garuu waliigalticha diiguun tokko isa kaaniin komachaa tureera.

Jaarsummaa Gamtaa Afrikaan gara araaraatti yeroo dhufan uummati 600,000 akka ajjeefame gabaafameera.

TPLF mootummaa ''Ministara Mummee Abiy kuffisuu…'' gareelee hidhatan biroo waliin qindoomina uumuu beeksiseera.

Waraana torbee darbe jalqabe kanaaf TPLF mootummaa gaafatamaa gaafa godhu, mootummaan ammoo tattaaffi biyya hunkuruuf taasifame jechuun qeeqeera.

Kaaba Itoophiyaatti yeroo kanaan dura waraanni geggeefame mootummaan Ertiraa waraana Itoophiyaa deeggaruun lolaa ture.

Waraanaan booda garuu yeroo Ministarri Mummee Abiy gara aangootti biyyooti hariiroo isaanii haaromsan lama lammata walgaareffachuu jalqabaniiru.

Gamoon mummee miidiyaa dirooniin haleelamuun kan dhagahame bara 2013 fi 2015 waraanni Tigraay deebi'ee ka'uu danda'a yaaddoon jedhu yeroo dabaletti dha.

Akka AFP'n gabaasetti humnooti Tigraay Roobii darbee eegalee daangaalee Affaarii fi

Ameerikaa, UK, UAE fi biyyooti biroo TPLF fi hidhattoonni kaan mootummaa federaalaa irratti haleellaa raawwachuu mormaniiru.

Aangawoonni TPLF gama isaaniin haleellaa kana kan raawwatan humnooti federaalaa haleellaa irratti raawwachuun booda tahuu himanillee qaamni walabaa kana mirkaneesse hin jiru.

Hogganaan Olaanaa Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Guuteerees Jimaata darbe yaaddoo isaanii kan ibsan yoo tahu ''keessumaa haala itti dirooniin faayidaarra oolaa jiru akkasumas namoota nagaa irratti miidhaan irra gahuu dhagahuun isaanii akka isaan yaaddesse,'' dubbiihimaan isaanii himaniiru.

Daangaalee Tigraay keessatti waraanni kuni adeemsifamaa kan jiru yoo tahu mootummaan Naannoo Amaaraafi Oromiyaa keessattillee hidhattoota lolaa jira.

Ertiraan waraana kana keessatti mootummaa Itoophiyaa mormuun hirmaachuu dandeessi yaaddoon jedhu qaamoota garagaraan dhiyaachaa jira.

Gamtaan Afrikaas biyyooti ollaa dhimmoota lola kana hammeessuu danda'an irraa akka of qusatan yaadachiiseera.