Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Iraan karoora marii Ameerikaaf dhiheessitee deebii eegaa akka jirtu ibsite

Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii biyyi isaanii karoora marii qabxiilee torba qabate karaa mariisistoota Qataar gara Ameerikaatti ergitee deebii eegaa jiraachuu ibsan.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Gaazexeessaan Yugaandaa mootii tahuun gonfoo keewwachuuf

    TV biyyaalessaa Yugaandaa keessaa gaazexeessaan hojjetuufi namni ganna 56, Ilmi Mootii Edwaard Ruukiidii Kijaanaangoomaa Niyaaboongoo 2ffaa bulchiinsa mootummaa aadaa afur biyyattii keessaa mootii mootummaa Tooroo jedhamutt tahuun gonfoo mataarra keewwachuufi.

    Namni umriisaanii ganna sadiitti aangootti dhufanii waggaa 31f kan hogganaan turan Oyoo Niiyimbaa Iguuruu Ruukidii 4ffaa dhukkuba kaansariin umriisaanii ganna 34 lubbuun isaanii darbuun hordofee adeemsi muudamaa atakaaroo keessa seenee ture.

    Aadaa kana keessatti ilma mootii ifatti beekamutu mootii du'e bakka bu'uu danda'a,kuni tahuu dhabuurraan atakaaroon kuni ka'e.

    Maatiin akka jedhanitti mootiin duraanii Oyoon daa'ima xiqqoo kan qabu yoo mootiin itti aanus isa akka tahu dhaame du'e.

    Tahus daa'imni kuni ifatti namatti mul'atee hin beeku kanamalees koreen nama 21 qabus dhimma kana hin mirkaneessine.

    Mootiin inni du'e Oyoon ifatti aangootti hin muudamne waa'ee ijoolleefi haadha warraa isaaniis waanti beekamu hin jiru jedhameera.

    Haa tahu malee haati mootii duraanii akkaatuma ergaa dhaammataniin muudamni taasifamuu qaba jechuun falmu.

    ''Mootii haaraa dhufeef sirni kan taasifame iddoo mucaan koo awwaalamee meetira muraasa siqeeti,'' jechuun dubbiin ''hadhooftuu dha,'' jedhan.

    Haa tahu malee koreen gonfoo kana kennu aadaa Tooroo bu'uura godhachuu jechuudhaan fedhii haadha mootii duraanii kufaa godheera.

  2. MSF namoonni madaa'anii hospitaalota Koram, Allaamaaxaa fi Shireetti yaalamaa jiran 720 ga'uu ibse

    Dhaabbatni Doctors without Boarders jedhamu lola Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamuu eegaleen lakkoofsi namoota madaahanii akkaan dabaluu beeksise.

    Dhaabbatichi ibsa Wiixata Fulbaana 28/2026 baaseen magaalota naannoo Tigraay Allaamaaxaafi Koram jedhamanitti lakkoofsi namoota madaahaanii akkaan dabalaa jiraachuu hime.

    Dhaabbatichi Fulbaana 22 hanga 25 gidduu lakkoofsi namoota lola adeemaa jiruun madaahanii 180 irraa gara 420 guddachuu beeksiseera.

    Madoo hedduun gara hospitaalota Koramiifi Allaamaaxaa yaa'aa waan jiraniif sochii lubbuu baraaruusaa jabeessuu dhaabbatichi ibseera.

    Deeggarsa dhaabbatichaan Fulbaana 25 namoonni miidhaman 300 ta'an hospitaala Kaaba Lixa Tigraay, magaalaa Shireetti argamu, Iskuul Hospitaala jedhamu seenaniiru.

    Doctors without Boarders namootni waraana adeemaa jiraniin madaahan warra waraanatti jiran haata'uu namoota nagaa lola keessa rukutaman haa ta'u adda hin baafne.

    Ammoo hospitaalota Sheraaroo, Shiree fi Koram keessatti fayyaa haadholiifi daa'immanii dabaltee tajaajila fayyaa kennamu cimsuuf tattaafachaa jiraachuu hime.

  3. Iraan karoora marii Ameerikaaf dhiheessitee deebii eegaa jirti

    Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii biyyi isaanii karoora marii qabxiilee torba qabate karaa mariisistoota Qataar gara Ameerikaatti ergitee deebii eegaa jiraachuu ibsan.

    Kora Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniif wayita Niwu York turan gaazexeessitootti kan dubbatan Abbaas Araagchii, ''karoorri Tehraan qabxii torba qabu Waashingitan gaheera. Waayit Haawus karaa mariisistootaa akka deebii kennitu eegaa jirra,'' jedhan.

    ''Galmi keenya ijoon Ameerikaan haal-dureewwan keenya akka bartuudha. Addunyaan akka Iraan karoora qabdu baruu qabdi. Haal-dureewwan keenya haqa qabeessaa fi sababaan kan deeggarameedha. Ameerikaan furmaata naga qabeessa akka barbaaddu ibsiti. Nutis furmaatuma kana dhiheessine.''

    Ministirri dhimma alaa Abbaas Araagchii biyyisaanii Iraan sagantaa nukilaraa isheerratti ''ejjennoo qabdu laaffisteetti,'' gabaasa jedhu kuffisaniiru.

    ''Hololli dhagahamaa ture. Garuu ejjennoon Iraan akka hin geeddaramne ibsuu feena. Ulaa Hormuuz banuurratti karoorri qabnus ifa,'' jedhan.

  4. Akkam jirtu?

    Tamsaasa kallatttii eegalleerra. Mariin Iraan fi US ammallee gar tokkotti hin baane.

    Dhimma kanaa fi haala Baha Giddugaleessaa akkasumas odeeffannoo biyya keessaa fi addunyaa isin biraan geenya.

    Tamsaasa kallattii armaan duraa asii banachuun odeeffannoo argachuu dandeessu.

    Akkasumas odeessaalee keenya karaa Marsariitii (Website), Instagram, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas ni argattu.