'Lakkoofsi madoo Allaamaaxaafi Koramitti akkaan dabalaa jira'

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

Dhaabbatni Doctors without Boarders jedhamu lola Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamuu eegaleen lakkoofsi namoota madaahanii akkaan dabaluu beeksise.

Dhaabbatichi ibsa Wiixata Fulbaana 28/2026 baaseen magaalota naannoo Tigraay Allaamaaxaafi Koram jedhamanitti lakkoofsi namoota madaahaanii akkaan dabalaa jiraachuu hime.

Dhaabbatichi Fulbaana 22 hanga 25 gidduu lakkoofsi namoota lola adeemaa jiruun madaahanii 180 irraa gara 420 guddachuu beeksiseera.

Madoo hedduun gara hospitaalota Koramiifi Allaamaaxaa yaa'aa waan jiraniif sochii lubbuu baraaruusaa jabeessuu dhaabbatichi ibseera.

Doctors without Boarders namootni waraana adeemaa jiraniin madaahan warra waraanatti jiran haata'uu namoota nagaa lola keessa rukutaman haa ta'u adda hin baafne.

Ammoo hospitaalota Sheraaroo, Shiree fi Koram keessatti fayyaa haadholiifi daa'immanii dabaltee tajaajila fayyaa kennamu cimsuuf tattaafachaa jiraachuu hime.

Dabaluunis sababa waraana adeemaa jiruun hospitaala Allaamaaxaatti tajaajila fayyaa kennu adda kutuu beeksiseera.

Hospitaalaa ala bahuun waldhaansi ogeeyyiinsaa kennaa jiranis adda cituu mirkaneesseera.

Lakkoofsi namoota waraana keessa madaahanii akkaan dabalaa jira jechuunis hime.

Akka maddeen mootummaatti dhiyoo jiran gabaasaniifi AFP'n waabeffatetti magaalaan Allaamaaxaa harka loltoota mootummaa galtee jirti.

Dhaabbatichi sababa waraana adeemaa jiruun buqqaatii uummataa mudatu hordofaa akka jiruufi fedhii buqqaatota kanaa guutuufis naannoo Tigraay, Amaaraafi Affaar keessatti socho'aa akka jiru himeera.

Yaaddoonsaa guddaan yeroo waraanni gaggeeffamu kana namootni nagaan miidhaaf saaxilamuufi tajaajila fayyaa argachuu dhabuu akka ta'e hime.

Dhaabbatichi naannolee Tigraay, Amaaraa, Affaar, Somaalee, Oromiyaa fi kaan keessattis tajajila fayyaa kennuurrattiu gargaarsa gochaa jiraachuu eereera.