Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haakariin Maanchistar Siitii barbadeessuuf yaale Ruyii Piintoo eenyu?
Maqaan Ruyii Piintoo jedhamu maqaa deeggartoonni Maanchistar Siitii akkaan beekanidha. Deeggartoonni kilabichaa maqaa nama kanaa qofa osoo hintaanee hojiisaas sirriitti beeku.
Piintoon haakarii lammii Porchugaal kilaba kubbaa miilaa beekamaa Maanchistar Siitii galaafachuuf yaaledha.
Namni kun marsariitiisaa Football leaks jedhutti fayyadamuun dokumantiiwwan kilabichaa icciitiin guutaman heddu maxxanseera.
Imeeliiwwan keessoo kilabichaa, waligalteewwan ispuunsarummaafi ragaaleen kaffaltii silaa icciitii kilabichaa turan dirreetti baaseera.
Gochaan Piintoo kun Maanchistar Siitiin seerota faayinaansii cabseera jedhamuun akka himatamu taasise. Jimaata darbemmoo kilabichi himatawwan irratti dhiyaatan 115 keessaa harka caalmaan murteen balleessummaa irratti murameera.
Namoota tokko tokkoof Piintoon ga'eessa waggaa 37 kaayyoo badaa qabatee yakka odeeffannoo hatuu raawwatedha.
Kaanif immoo Piintoon shaampiyoonaa dhugaa badiiwwanfi icciitiiwwan xuraa'oo tapha akkaan jaalatamu keessa jiran saaxiledha.
Haa ta'u malee namni kilaba guddaa kana galaafachuuf yaale kun eenyu?
BBC Sport eenyummaa nama falmisiisaa Ruyii Piintoo baruuf barsiisotasaa duraanii, namoota siyaasaa Porchugaal, gaazexeessitootaafi gorsaa faayinaansii Maanchistar Siitii duraanii haasofsiisera.
'Tarii haqni akka barbaachisu itti dhagahamee ta'uu danda'a'
Barsiisaa ji'ogiraafii Ruyii Piintoo kan turan Maariyoo Faalkaawoo, "Ruyiin akkuma daa'ima kamuu ture. Daa'ima gaarii namoota walii hariiroo uumuu danda'u ture. Garuummoo nama baay'ee haasa'u hinturre" jedhu.
"Baay'inaan daree keessatti kan hinargamne ta'us barsiisota walin hariiroo gaarii qaba ture. Haa ta'u malee abbaansaa barnootasaa haalaan hordofaa waan tureef dhumarratti salphumatti ture barnootasaa kan darbe" jechuunis himu.
Dabalataan yeroo ijoollummaasaatti Piintoon fedhii kompiitara fayyadamu akka qabus barsiisaansaa duraanii kun himu.
Porchugaal dhiyeenya magaalaa Poortoo naannoo Vila Nova de Gaia jedhamutti kan guddate Ruyii Piintoon, mana barumsaa Eskolaa Sekundaariyaa Almeeyidaa Gaarret jedhamutti barate.
Abbaansaa Obbo Firaansiiskoon jalqaba warshaa kophee keessatti hojjechaa kan turan yemmuu ta'u booda keessa garuu hojii bittaaf gurgurtaa meeshaalee duriirratti bobba'anii turan.
Haati Piintoommoo wayita Piintoon daa'ima wagga 11 turetti du'aan addunyaarraa boqotan.
Bara 2019 keessa wayita hundeessaan marsariitii Football Leaks, Ruyii Piintoodha jedhamu amanuuf akka itti ulfaate kan himan barsiisaansaa duraanii, kilaba Poortoo deeggaruunsaa gochaawwan tokko tokko akka raawwatuuf isa kakaasuu akka hin oolle himu.
Dabalataan "tarii akka yeroo baay'ee dargaggootatti dhagahamu innis haqni akka barbaachisu itti dhagahamee ta'uu danda'a" jechuunis himaniiru.
'Saaxiltoota ijoo Awurooppaa keessaa tokko'
Ruyii Piintoo bara 2015 keessa ture marsariitii Football Leaks kan hundeesse. Kaayyoon isaas "wantoota dhokatoo kubbaa miilaa keessa jiran" saaxiluu akka ta'es himee ture.
Marsariitii kana erga hundeessee booda Piintoon jalqaba gaazexeessaa lammii Porchugaal kan ta'e Antooniyoo Vaarellaa ture kan qunname.
Haa ta'u malee Piintoon waggootaaf maqaafi eenyummaasaa isa sirrii dhoksuun ture. Maqaa masoo Joon jedhuun bekamas ture.
Piintoon yeroo jalqabaaf ji'a Fulbaanaa bara 2015 keessa imeelii akka ergeef kan himu Antooniyoo Vaarellaa, "Waajjira Reekard (gaazexaa ispoortii afaan Purchuguyiiziin hojjetu) keessa taa'ee osoon jiru imeeliin Fuutbool Liiks irraa ergame na qaqqabe.
Battalatti marsariiticha keessa seenee ilaale, odeeffannoowwan dhageesses ta'e dubbistee hinbeekne heddutu achi keessa jira. Ergasii marsariitichi waan akkaan, akkaan barbaachisaa akka ta'e waliigalle" jedha.
Haa ta'u malee odeeffannoowwan marsariitii Fuutbool Liiks irratti maxxanfaman gaazexaa isaaniirratti maxxansuun gaafii seeraafi naamusaa akka itti fide gaazexeessichi hima.
"Fuutbool Liiks odeeffannicha karaa seeraan alaatiin akka argate hubanne. Haa ta'u malee battala odeeffannicha marsariitiirratti maxxansan odeeffannichi kan uummataa ta'a.
Gama naamusaan yoo ilaalte dhimmichi walxaxaadha. Garuummoo fedhiin ummataa gaafii naamusaatii oli. Goolabni keenyas kanuma ture" jedha.
Naannoo jalqabaatti Piintoon kilaboota Porchugaal kan akka Benefikaafi kilaba innumti deeggaru FC Poortoofaa irratti hojii odeeffannoo saaxiluu hojjete.
Itti aansuunis Kiristiyaanoo Ronaaldoo, Liyonel Meesiifi Neymaar dabalatee dokumantiiwwanfi haasaawwan taphattoota, kilabootafi ejantoota beekamoo ilaallatan saaxile.
Boodarra Piintoon barruu Jarman keessa maxxanfamu Der Ispiigel irratti kan hojjetu gaazexeessaa Raafa'el Bushmaan qunname. Gaazexeessicha akka amanu erga mirkaneeffatee boodas dokumantiiwwan miliyoona kurnaan lakka'aman dabarsee itti kenne.
Gareen gaazexeessitootaa barruu Der Ispiigel jedhamus dokumantiiwwan Ruyii Piintoon itti kenname erga xiinxalanii booda gabaasawwan ciccimoo hojjetan.
Miseensa garee gaazexeessitoota kunneenii kan ta'e Kiristoof Winterbaak bara 2019 wayita Piintoon magaalaa Lisban keessatti hidhaarra turetti qaamaan arguun Piintoo haasofsiisera.
"Saaxiltoota Awurooppaa keessa jiran, yookiin tarii akkuma addunyaatti jiran isaan ijoo keessaa (Piintoon) tokko" jechuun gazexeessichi himeera.
Piintoon 'gootamoo' 'hattuudha'?
Nama siyaasaafi diplomaatii Porchugaal kan turan Anaa Goomez, mana hidhaatti argamuun Piintoo haasofsiisaniiru, dhaddacharratti argamuunis ragaa isaaf bahaniiru.
Aanaa Goomez namoota Piintoof himata osoo hintaanee eegumsatu malaaf jedhan keessaa isaan tokko.
"Michuu qaamolee haqaafi qorannoo yakkaa keenya akka ta'u godhamuutu irra jira. Angawoonni biyyoota Awurooppaa namoota malaammaltummaa hojjetanfi yakkamtoota akka adamsaniif gargaarera" jedhan.
Waa'ee imeeliiwwan Maanchistar Siitii, Piintoon saaxile kan gaafataman diplomaatiin duraanii kun, "waan dhoksan erga hinqabaanne rakkoonsaanii maali?" jechuun deebisaniiru.
Gaazexeessaan sooramarra jiru Hoozee Kaarlos Fireetaas gama isaatiin, "namoota muraasaaf Piintoon gootadha, namoota hedduuf garuu nama gaarii miti" jedheera.
Waggoota jahan darban jireenyi Pintoo kan barame irraa baay'ee adda ture
Waggoota jahan darban jireenyi Pintoo kan barame irraa baay'ee adda ture
Bara 2019 keessa Haangaarii keessatti kan toatame Piintoon, Porchugaaliif dabarfamee kennameera.
Porchugaal keessattis kutaa tokko keessatti qofaasaa hidhameeraa akkasumas hidhaa mana keessaarra tureera.
Himata Porchugaal keessatti irratti banameenis yakkawwan humnaan maallaqni akka kennamuuf yaaluu, odeeffannoo karaa seeran ala ta'een argachuufi yakka waljijjiirraa odeeffannoo karaa seeran alaatiin argachuu jedhaniin bara 2023'tti hidhaan daangeffame waggaa afurii irratti murtaa'e.
Murteen kun garuu battalatti hojiirra kan oolu osoo hintaanee wantoota gochuu qabu osoo hinraawwatin yoo hafe hojiirra kan ooludha.
Ji'oota muraasa boodammoo himata Faransaay keessatti irratti banameen hidhaan daangeffame ji'oota jahaa irratti murtaa'e.
Amajjii bara darbemmoo himanni biraan Porchugaal keessatti irratti banamuun dhimmisaa magaalaa Lizban keessatti ilaalamuu eegaleera.
Fuutbool Liiks dhiibbaa akkamii uume?
Dhiibbaan odeeffannoowwan Piintoon waggoota 10 dura saaxile uume ammallee mul'achaa jiru.
Kilaboota gochaa Piintoon adda durummaan dhiibbaan irra gahe keessaammoo kan akka Maanchistar Siitii hinjiru.
Gorsaa faayinaansii kilabichaa kan turan Isteefan Borsan, "miidhaawwan qaqqabsiisuu danda'u kilabichaaf ulfaataa ta'uu danda'u jedheen yaada. Kilabichillee waan kana dandamachuun rakkisaa itti ta'uu mala" jedheera.
Piintoon akka qabsaa'aa bilisummaatti ilaalamuu hinqabu kan jedhan gorsaan faayinaansii duraanii kun, "wanti inni raawwate yakka ta'uusaa ni beekna, kanaafis himatameera" jedhan.
Namoota tokko tokkoof Piintoon haakarii yakkamaa odeeffannoo kilabootaa hate ta'us kaanif immoo goota xurii dhokataa ispoortii jaalatamaa kubbaa miilaa keessa jiru saaxiledha.
Kana gidduutti wanti hin haalamne garuu lammiin Porchugaal kun kompiitarasaatti fayyadamuun ispoortii kubbaa miilaa addunyaa raasee jira.