Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Obbo Taayyee Danda'aa dhuguma sanada dhiifamaa mallatteessuu didee?
Hidhamtoonni himanni isaanii akka adda cituuf haaldureen mootuummaan kaa'e maali?
Bara haaraa Itoophiyaa sababeeffachuun, namoota siyaasaa dabalatee hidhamtoonni 600 ta'an torban darbe keessa mana hidhaatii hiikamuu Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa beeksise ture.
Haa ta'u malee, namoota yakka walfakkaatuun himatamanii murtii argatanis ta'ee dhimmi isaanii mana murtiin ilaalamaa jiru hedduun sababa dhiifama gaafachuu didan jedhuun mana hidhaa keessatti hafaniiru.
Namootni dhiifamaan gadhiifaman kanneen yakka shororkeessummaa fi yakkoota ciccimoo biroon himatamanii fi murtiin itti kennamedhas.
Namoota gadhiifaman keessaa, namootni siyaasaa akka Kiristiyaan Taaddalaa, Doktar Kaasaa Taashagaarii fi Doktar Caanee Kabbadaa kanneen yakka shororkeessummaan himatamanii dhimma isaanii mana murtiin ilaallamaa turan keessaa isaan muraasa.
Haa ta'u malee, namoota yakka walfakkaatuun himatamanii dhimmi isaanii mana murtii keessatti ilaalamaa kan jiru fi itti murtaa'es namootni siyaasaa naannoo Amaaraa fi naannoo Oromiyaa irraa akkasumas ogeeyyiin miidiyaa mootummaa federaalaan himannaa cimaan irratti banamee kanneen hidhaarraa hin gadhiifamne keesssati.
Hiikamuu namoota siyaasaan boodaa dhimmi isaanii ijoo miidiyaa kan ta'e, deetan duraanii Ministeera nagaa Obbo Taayyee Danda'aas kanneen hidhaarraa hin hiikamin hafan keessa jiru.
Obbo Taayyee Danda'aa sanada dhiifamaa mallatteessuu didan yaadni jedhus miidiyaa hawaasaa irratti qoodamaa ture.
Dhimma kana irratti BBC'n haadha warraa obbo Taayyee Dnada'aa addee Sintaayyoo Alamaayyoo gaafateera.
Akka adde Sintaayyoon jedhanitti, gareen komishinii mirgoota namoomaa karaa alkallattiin obbo Taayyee dubbisuu himan.
Odeeffannoo hanga yoonaa ani qabuun dhimmoota tokko tokkorratti gareen mirgoota namoomaa Itoophiyaa baatii muraasan dura waliin dubbachuu beeka, al kallattinis ta'u. Garuu sadarkaa sanadi dhiifamaa dhiyaateefi mallatteessurra hin geenye.
Marii sana irratti waantotni akka ulaagatti dhiyaatan maal maal isa jedhu odeeffannoo bal'aa hin qabu garuu, waan dhiyaate sanatti obbo Taayyeen hin gammadne.'' jechuun BBC'tti himan.
Akka aaddee Sintaayyoon jedhanitti, jalqabumarraa qabxilee ulaagaa dhiifamaa jedhamanii tarreeffaman sana irratti Obbo Taayyeen waliigaluu dhabuun, kanneen dhiifaman gadhiifaman sana keessatti akka hin hammatamne taasiseera.
Baatii muddee darbe keessa ture Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataa Obbo Taayyeen ''meeshaa waraanaa heeyyama hinqabne kilaashiin tokko, kaazinaa kilaashii lama fi rasaasa kilaashii 60 seeran alaa qabatanii argaman'' jechuun hidhaa cimaa waggaa 7fi ji'a lama akkasumas birrii 5,000 akka adabaman kan murteesse.
Haaldureen mootuummaan kaa'e maal ture?
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa, namoonni gadhiifaman dhimma isaanii "haala addaan akka ilaalamuuf" gaaffii dhiyeeffatanii jedhe.
Haa ta'uu malee namootni himannaa walfakkaatuun waggootaaf hidhamanii turan garuu sababa dhiifama gaafachuu diduutin osoo hin hiikamiin hafuu isaanis ibse.
Komishinarri Olaanaan Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa Birhaanuu Adaloo komishiinichi gaaffii hidhamtootni dhiyeeffatan mootummaa bira geessee waligaltee uumuuf baatii shanii oliif irratti hojjataa turee jedhan.
Haa ta'uu malee Mootummaanis haal-duree tokko tokko kaa'uun hidhamtoota ulaagaa fudhachuu barbaadan waliinis marii dhuunfaa taasifamaa turuu eeran.
Akka BBC'n maatii hidhamtootaa irraa qulqulleeffatetti hidhamtootni yakka adda addaatiin himataman kunneen mootummaa irraa dhiifama argachuuf sanada dhiifamaa mallatteessuu qabu.
Sanadni dhiifamaa kun namni dhiifama gaafatu himata galmee isaa irratti dhiyaate amanee balleessaa ta'uu isaa fudhachuu qaba jedha.
Badii raawwate kanaafis itti gaafatamummaa akka fudhatu mallattoo isaan mirkaneessa.
Namni sanadicha mallatteesse, gara fuulduratti gocha walfakkaatu keessatti yoo hirmaate, ykn badii biraa qabaate mootummaan tarkaanfii barbaachisaa akka irratti fudhatu kan waadaa galchisiisudha.
Obbo Taayyee danda'aa qofaa utuu hin taane, namootni Siyaasaa naannoo Amaaraa fi ogeeyyiin miidiyaa dhiifamni hin taasifamneef biroos haal-duree sanada keessa jiru hin fudhannu jechuun mallatteessuu didaniiru.
Haa ta'u malee, dhimmi namoota dhiifama gaafachuu diduu isaanitiin mana hidhatti hafanii maal akka ta'uu fi hangamiif akka mana hidhaa keessa turan waanti ibsame hin jiru.
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa akka jedhutti, namoonni yakka walfakkatan himatamanii gad hin dhiifamni gaaffii dhiifamaa waan hin dhiyeessineef adeemsa gadhiifamuu keessatti hin hammatamne jedhe.
Garuu maatiin hidhamtoota kan biroo sadii BBC'tti akka himanittis, namoonni hin gadhiifaminis dhimma isaanii haala addaa keessatti ilaalamee akka gadhiifaman gaaffii dhiyeeffatanii turan.
Haa ta'uu malee, garaagarummaan kan uumame sababa sanada dhiifamaa jedhamee dhiyaate mallatteessuu fi dhiisuti.
''Hidhamtoonni hidhaatti hafan sanadni dhiifamaa dhiyaate kan isaan ilaallatu akka hin taane ibsuun mallatteessuu didanii.''jedhan maatiin hidhamtootaa.
Isaan akka jedhanitti, hidhamtootni hedduun isaani himanni isaanii ammallee adeemsa mana murtiirra jira.
Kanaaf, dhiifama gaafachuu osoo hin taane, mootummaan yoo himata isaanii adda kutuuf murteesse, seera hordofee haal-duree malee himata isaanii akka dhaabu barbaadu.
Komishinarri Olaanaa KMNI Birhaanuu Adaloon garuu, himata adda kutuuf gaaffii dhiyeessuu fi haal-duree mootummaa kaa'e fudhachuu fi mallatteessuun barbaachisaa ta'uu ibsu.
Seerri maal jedha?
Akka ogeeyyiin seeraa jedhanittimmoo, himata himatamaa tokkoo adda kutuun aangoo abbaa alangaa ti.
Akka isaan jedhanitti, himata tokko adda kutuuf himatamaan gaaffii dhiyeeffachuun ykn haal-duree tokko mallatteessuun dirqama miti.
Ogeeyyiin seeraa kunneen, labsii seera yakkaa fi adeemsa falmii haaraa keewwata 207 keessatti himata kaasuu fi dhaabuu ilaalchisee qajeelfamni jiru kana kan agarsiisu ta'uu ibsu.
Keewwata 207(1) jalatti, abbaa alangaa himanni itti fufuun faayidaa uummataa caalaa himata kaasuun faayidaa qaba jedhee yoo amane, murtiin mana murtii osoo hin kennamin dura yeroo kamiyyuu mana murtiitti beeksisee himata isaa kaasuu akka danda'u eera.
Keewwata 207(2) jalatti ammoo, falmiin mana murtii yoo xumurame, garuu utuu murtiin hin kennamin dura, abbaa alangaa himata dhaabuu akka danda'us ibsameera. Haala kana keessatti, himata sana gara fuulduraatti deebisee banuuf mirgi isaa eegamadha.
Ogeessi seeraa Obbo Solomoon Gezaahiny akka jedhanitti, himatamtoonni shororkeessummaa himataman kanneen himanni isaanii dhaabbatees ta'e kan hin dhaabbanne, ammallee seeraan himaatamtoota dha.
Akka isaan jedhanitti, seera haaraa keessatti himata dhaabuuf haal-dureen addaa kaa'ame hin jiru.
Seera Sirna Falmii Yakkaa Itoophiyaa fi Labsii Lakkoofsa 943/2008, kan Waajjira Abbaa Alangaa Federaalaa hundeessu keessattis, aangoon himata yakkaa kaasuu ykn dhaabuu abbaa alangaaaf kennameera. Garuu himata dhaabuuf haal-duree akka jiraatu waanti caqafame hin jiru.
Marii Biyyaalessaa keessatti waanti ka'e maali?
Mootummaan gadhiifamuu hidhamtoota 600 ol kana bu'aa Marii Biyyaalessaa waliin walqabsiisee ibseera.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad, ergaa bara haaraa Itoophiyaa bara 2019 ilaalchisuun dabarsaniin, hirmaattonni Marii Biyyaalessaa namoonni "sababa adda addaatin" hidhaman dhiifamaa fi akkataa ulaagaa seeran akka gadhiifaman gaafachuu isaanii eeran.
Akka Ministirri Muummee jedhanitti, mootummaan gaaffii kana fudhatee, namoota adeemsa sana irratti waliigalame gadhiiseera jechuun ibsan.
Akka isaan jedhanitti, kaayyoon gadhiifamuu hidhamtootaa, bu'aa Marii Biyyaalessaa "jaalala, dhiifamaa fi nagaa" gara hojii qabatamaatti hiikudha.
Hirmaattonni Marii Biyyaalessaas, mariin biyyaalessaa araaraa, jaalalaa fi dhiifamaan akka deeggaramuuf, akkasumas haala siyaasaa biyyattii bal'isuuf, mootummaan namoota siyaasaa sababa kamiiniyyuu mana hidhaa jiran akka gadhiisu gaafachuun isaanii ibsameera.
Haa ta'u malee, maatiin hidhamtoota hin gadhiifaminii fi namoonni sanada dhiifamaa mallatteessuu didan, mootummaan ergaa Marii Biyyaalessaa guutummaatti hojiirra hin oolchine jedhu.
Akka isaan jedhanitti, kaayyoo fi yaadni Marii Biyyaalessaa haal-duree kaa'uu osoo hin taane, namoota siyaasaa mana hidhaa jiran hundaaf akka dhiifamni taasifamu gaafata.
Hirmaattonni Marii Biyyaalessaa lama BBC'f yaada kennanis, mootummaan hidhamtoota siyaasaa hedduu gadhiisuun gaarii ta'us, ergaan marichaa namoota siyaasaan walqabatee hidhaman hunda akka gadhiifaman gaafachuudha jedhu.