Kiristaal Paalaas hiree waancaa Piriimer Liigii Arsenaal fi Maanchister Siitii murteessaa?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Peep Gaardiyoolaan ibsa miidiyaaleef har'a kenneen yeroo dheeraa gubuu hin barbaanne. Ariitiidhaan bahe.

Tapha boru galgalaaf qophaa'uuf ariifachuu hin hafne. Peep Gaardiyoolaan qabxii Arsenaal argate miira taphattoota kee miidheeraa jedhamee yoo gaafatamu:

Hanga ammaa taphattootakoo hin argine. Yeroo hundaa guyyaa tokko boqonnaa nan kennaafii'' jedhe.

Miirri keehoo akkami jedhamee kan gaafatame Gaardiyoolaan amma kanan yaadaa fi irratti xiyyeeffadhee jiru tapha Kiristaal Paalaasidha. Waanan hojjechuu qabu hojjechuudha.

Akka leenjisaatti hojiikorraa barachaa deemuu, waan to'annookee keessa jiru irratti hojjechuu, waan kana dura haala gaariin hin hojjenne bareechitee hojjechuu irratti xiyyeechauu qabda. Akkas goonee bakka argamuun nuuf malu irratti argamuudha'' jedhe.

Gaardiyoolaan tapha Kiristaal Paalaas dursee miidhamni Roodrii fi Kuusaanoov maal irra akka jiru gaafatamee, fooyya'uu isanii hime.

Har'a akka shaakala hojjetaniifi tapha torban kanaafis akka qophii tahan dubbate.

Maanchister Siitiin Roobii boruu Kiristaal Paalaasiin morkata. Maanchister Siitiin boodatti hafus morkii waancaa keessa turuuf Paalaasiin mo'achuu qaba.

Yoo injifatee bahe Arsenaal qabxii lamaan qofa Maan Siitii caala. Tahus Arsenaal taphni dhumaa isaa Kiristaal paalaas waliin taha.

Kileba duraanii Eeezzee kan waancaaf Arsenaal wlaiin morkatuu fi kileba Maark gehii, dursaa taphattootaa duraanii Paalaas kan Maan Siitii keessaa morkatu.

Kileboonni lamaan; Arsenaalii fi Maan Siitii taphoota isaan hafan kan mo'atanii torban xumuraa gahan tahe lameeniifuu Kiristaal paalaas waancaa murteessuu danda'a.

Kiristaal Paalaas yoo Arsenaaliin qabxii gachisiisee Siitiin ammoo Aston Viilaa mo'ate garaagarummaa galchiidhaan tokkoon isaanii shaampiyoonaa tahu.

Akka amma jiruun Arsenaal waggaa 22 booda shaampiyoonaa kan tahu fakkaata.

Gaardiyoolaan waa'ee tapha boru Kiristaal Paalaas waliin qabuu fi Paalaas waancaa murteessuuf gahee qbau yoo gaafatamu akkas jedhe.

''Kiristaal Paalaas morkachuun akkaan cimaadha. bara leenjisummaa Rooy Huudsan akkasumas amma Oliiver Gilaaziner jalatti Paalaas baay'ee cimaadha.

Tarii xumura waancaa Awurooppaa Liigiif waan gahaniif xiqqoo rakkachuu malu.

Leenjisaan isaaniis akka dhumarratti hojii gadhiisu kana dura ibsameera.

Taphattoota ciccimoo qabaatanis haalonni kunneen akka durii isaanii morkataa jabaa akka hin taane dhiibbaa irratti qabaachuu malu'' jedhe Gaardiyoolaan.

Taphni Arsenaal Kiristaal Paalaas waliin qabu tapha waancaa Konfireensii Awurooppaa Paalaas xumuraaf qabu dursee tahuun isaa Arsenaaliif carraa gaariidha.

Gaardiyoolaan ammoo isaan taphattoota piroofeshinaalaati. Nuunis haalaan morkataniiru. Kaleessa Liidsi Yuunaayitid kufaatiirraa ooluu isaa erga mirkaneeffatee of oolchuuf kan dhama'aa jiru Tootenhaam wlaiin akkamiin akka taphatan argineerra jedhe.

Kana dura Astoon Viilaa wlaiin taphannee ture. Waancaaf taphatan hin qaban ture. Nun garuu waancaa mo'achuuf turre. Akkamiin akka taphatanii muddama keessa nu galchan yaadattu jedhe Peep.

Kiristaal Paalaasis akkasuma godha jedheen abdadha jedhe. Garuu taphni waancaa isaanii guyyaa sadii booda akka tahe osoo beekanii Arsenaaliin morkatu.

Haala kana keessatti paalaas Arsenaaliin mo'ata ykn qabxii gachiisiisa jedhanii yaaduun hin fakkaatu.

Peep Gaardiyoolaan ammoo ammayyuu abdii hin kutanne. Waancaa akkuma yeroo kaanii yaadaa jirra jedhe.

VAR galchii West Haam haqee Arsenaal qabxii sadii guutuu argachuu ilaalchisee Gaardiyoolaan akkas jedhe.

''VAR kaleessa dhufe miti. Waa'ee isaa kana duras irraa dubbachaa turre. Waa'ee murtoo sanaa garuu dubbachuuf ani nama sirrii miti, ana hin ilaallatu'' jedhe.