West Haam goolii haqamerratti ol iyyachuuf
West Haam tapha Arsenaal waliin taphaterratti goolii haqame ilaalchisuun garee daanyotaa- Professional Game Match Officials (PGMO) jedhamitti iyyata akka galchu ibse.
Gooliin Kaaluum Wilsan imala morkii waancaa Arsenaal kan gufachiisuu fi West Haamiif abdii kufaatii jalaa ooluu kan fidu ture.
Garuu erga VAR taphataan West Haam morma gooli eegaa Arsenaal Deeviid Raayaa hudhuu mirkaneessee gooliin sun haqameera.
Murtee kanarra ga'uun daqiiqaa afur caalaa fudhate.
Murteen VAR kun tapha baranaa keessatti isa guddaa fi muddama cimaan guutame ture.
West Haam murtee akkaan falmisiisaa kana booda erga gooliinsaa haqamee komii qabuu fi xalayaa ibsa dabalataa gaafatu qaama PGMO jedhamu kanaaf dhiheessuuf jira.
ergaa sagalee daanyaa dirree irra ture Kiriis Kavanaag fi daanyaa VAR Daren Ingilaand gidduu tures gaafachuuf jedhu.
Gooliin kun haqamuu Arsenaal qabxii shaniin Maanchistar Siitii caalee tokkoffaarra akka ture taasiseera.
Sadarkaa 18ffaarra kan jiru West Haamitti ammoo abdii liigicha keessatti hafuu dukkanneesse.
Jifataan duraanii Ingilaand fi Maanchistar Yunaayitid Waayin Roonii VAR goolii sana haquunsaa ''dhugaatti hojii akkaan gaarii ta'eedha,'' jedhe.
''Balleessaa ifatti mul'atu,'' jedhe.