Walitti bu'iinsa Moyyaalee hordofee, Somaliland fi Puuntlaand keessatti maaltu adeemaa jira?

Madda suuraa, SM
Lammiileen Itoophiyaa Somaliland, Puntland fi Naannoo Somaalee keessa jiraatan, haleellaa fi doorsisni isaan irratti raawwatamaa jiraachuu eeruun, 'sodaa nageenyaa' keessa akka jiraan BBC'tti himan.
Jiraattonni lammii Itoophiyaa Somaliland magaalaa Booramaa keessa jiraatan, guyyoota lamaan darban keessatti qofaa manneen isaanii 150 ol barbadaa'uu fi saamichi irratti raawwatamu himaniiru.
Jiraataan Booramaa tokko, nageenya isaaf jecha maqaan isaa akka hin ibsamne gaafate, miidhaan kun walitti bu'iinsa Moyyaalee keessatti uumame hordofee akka hammaate dubbate.
''Utuu nuti badii tokko hin qabaatin dargaggootni fi shamarraan wal gurmeessanii warra lammii Itoophiyaa keessumaa kan Oromoo irratti xiyyeeffachuun nutti duulan,'' jedha.
Hanga ammaatti haleellaa kanaan lubbuun namaa darbuun akka hin dhaga'amin jiraatan kun BBC'tti himan
Haa ta'uu malee, qabeenya barbadeessuu, saamichii fi dubartoota irratyi gudeeddiin raawwatamuu himan.
Akka jiraatan kun jedhutti jirattootni heduun buufata xiyyaaraa Booramaa keessa, muraasni ammoo bakka waajjirri miti mootummaa jiru adda addaatti baqatanii jiru.
Jiraatan biraa manguddoo fi jaarsa biyyaa kan Itoophiyaarraa dhaquun magaalaa Booramaa keessa jiratan BBCtti dubbatan ammoo, miidhaan lubbuu namarra akka hin geenya jaarsolee biyyaa fi qamolee mootummaa waliin dubbachuu isaani himan.
Kanaanis lammiileen Itoophiyaa gara 5,000 ta'an buufata xiyyaaraa keessatti walitti qabamanii akka argaman himu.
Humnoonni nageenyaa waan kana dhorkuuf yaalaa jiru garuu dargaggootni miidhaa kana geessissaa jiran humna isaanii ol taanaan namoota bakka tokkotti haala eeguu danda'aniin walitti qabuu himan.
Namoonni buufata xiyyaaraa kana keessatti walitti qabamanii jiran kunneen murtii mootummaa eegata jiraachuu himan manguddoon kun.
"Amma ummatni buufata xiyyaaraa keessatti walitti qabame jiru, mootummaan gara jireenya idileetti akka nu deebisu yoo barbaade yookaan gara biyya keenyaatti akka gallu yoo murteesse, nu beeksisaa jennee gaafannee deebii eegaa jirra," jedhu.
Itti dabaluunis, odeeffannoowwan fi suuraalee sobaaa akka miidhaan hawaasa Somaalee irra ga'eetti fakkeefamee facaafamu haala jiru hammeessaa jiraachuu dubbataniiru.

Madda suuraa, AWDAL MEDIA GROU
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Haaluma wal fakkaatuun, jiraattonni lammiilee Itoophiyaa magaalaalee Hargeysaafi Puntland keessa jiraatanis, haleellaan fi doorsisni namoota Oromoo irratti xiyyeeffate akka jiru himaniiru.
Akka isaan jedhanitti, dhimma kana ilaalchisee Imbaasii Itoophiyaatti iyyannoo dhiyeessanis hanga ammaatti deebii gahaa argachuu hin dandeenye.
Jiraataan magaalaa Gaarowee BBCn dubbise akka jedhanitti, sababa walitti bu'iisa Moyaaletti dhagalateen hawaasa Itoophiyaa achi jiraatan, keessumaa Oromootarratti xiyyeeffachuun haleellaan garaa garaa irratti gaggeeffamaa jira.
"Lola amma Moyaaletti deemaa jiruun wal-qabatee lammiileen Itoophiyaa as jiraatan yaaddoo nageenyaa guddaa keessa jirra," jechuun keessumaa miidiyaan hawaasaa dubbicha hammeessaa akka jiru ibsa.
Sodaachisifi haleellaan lammiilee Itoophiyaarratti gaggeeffamu qaamolee nageenyarraa osoo hin taane, namoota gurmaa'aniin ta'uu hima jiraataan Puuntilaand, magaalaa Gaarowee kun.
"Ijoolleen 'duuriyyeen' wal-gurmeessitee wal-gurmeessitee nama keenyarratti tarkaanfii fudhatan," jechuun saamichi, reebichaafi sodaachisi garaa garaa gaggeeffamaa akka jiru ibse.
Kana malees, jiraataan magaalaa Jigjigaa tokko BBC'tti akka himetti, yeroo ammaa [yeroo itti BBCn dubbise] magaalattii keessatti dhukaasni dhaga'amaa jiraachuu himuun, jiraattota Oromoo magaalaa keessa jiraatan biratti yaaddoo nageenyaa uumeera.
Jiraattonni BBCn dubise kunneen namoonni walitti bu'iinsa keessatti hirmaannaa hin qabne sababa eenyummaa isaanii qofaan miidhamuu akka hin qabne, mootummaan nageenya lammiilee hundaa eeguu fi rakkoo kana hatattamaan furuuf tarkaanfii akka fudhatan gaafatan.
Bulchiinsi naannoo Awdal, magaalaa Booramaa keessatti lammiilee Oromoo irratti haleellaa raawwatame balaaleffachuun, namoota gocha kanaan shakkaman keessaa tokko tokko to'annoo jala oolchuu fi kaan barbaadaa jiraachuu ibse.
Koreen nageenyaa naannichaa ibsa gaazexeessitootaaf kenneen, gochi kun aadaa ummata Somaliyaa akka hin taaneefi nageenyaa fi maqaa Somaliland miidhuuf kan qindaa'e ta'uu bulchaan naannichaa Hasan Daahir Haaddii himaniiru.
Kantiibaan magaalaa Booramaa, Mahamuud Sheek Ibraahim, miidhamtootaa dhiifama gaafachuun, gochi kun hojii mootummaa akka hin taane eeran.
Dargaggoonnis odeeffannoo miidiyaa hawaasaa irratti tamsa'u hin mirkanoofne hordofuu akka hin qabnes akeekkachiisaniiru.
Ajajaan Poolisii naanichaa gama isaan namoonni lammilee Oromoo irratti haleellaa raawwachuu keessatti hirmaatan hedduun to'annoo jala ooluu, kaan immoo barbaadamaa jiraachuu ibseera.
Lammiileen Oromoo haleellaa sanaan miidhaman gara bakka nageenyi isaanii eegamutti geeffamanii jiraachuus eeran
Qondaaltonni kunneen namoonni gocha kana raawwatan seeratti akka dhiyaatanis ibsniiru.
Walitti bu'iinsi Magaalaa Mooyyalee keessatti humnoota naannoo Somaalee fi Oromiyaa giddutti torban darbe mudate hordofee ummanni 50,000 ta'u gara daangaa Keeniyaatti ce'uu Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii beeksisera.

























