Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Raashiyaan bu'uuraalee misoomaa fi dimokiraasii keenya haleeluuf cimsitee hojjechaa jirti- UK
Raashiyaan humna ishee guutuun bu'uuraalee misoomaa murteessoo irratti xiyyeeffachuun basaasaa waan jirtuuf UK'n yeroo murteessaa keessa jirti jedhe Dhaabbanni Basaasaa Guddaan UK.
Daarektarri GCHQ, Aannii Kiist-Butlar, yaaddoowwan UK mudachuu malanii fi tarkaanfiiwwan isheen barbaachisa jette dhiheessuuf yaaddi.
GCHQ jechuun Teessoo Olaanaa Komunukeeshinii Mootummaa UK jechuudha. Dhaabbilee basaasaa gurguddoo UK sadan keessaa tokkodha.
Kaan dhaabbilee tikaa MI5 fi Tajaajila Tikaa Icciitii MI6 jalatti hammatamu.
GCHQ nageenya saayiberii irratti xiyyeeffachuun hojjeta. Baajata guddaa biyyattii keessaa warra argatan keessaas isa tokko.
Kiist GCHQ haleellaa saayiberii fi yaalii ajjeechaa shiraan qindeesitu hanbisuu fi ittisuuf dadhabee hojjechaa jira jette.
''Yeroo jeequmsaa fi weerara akkasii kanatti'' yaaddoo Raashiyaa xiqqeesuuf GCHQ dadhabbii tokko malee Humna Ittisaa fi Tikaa waliin hojjeta jette.
Raashiyaan ajjeechaa ofisera duraanii UK, Aleeksaander Litvinineenko keessaa harka hin qabu jette.
Bara 2006 hoteela Landan tokko keessatti carallaa poloniyeemii shayee isaatti gochuun ajjeesan.
Kanaaf ammoo UK'n Raashiyaa himatte. Dabalataan bara 2018 UK, Saalsibaarii keessatti hojjetaa tikaa duraanii Raashiyaa Sergee Iskiriippaal irratti yaaliin ajjeechaa gaggeeffameera.
Kunis keemikaala narvii keessa galuun ajjeesu Novichook jedhamu Raashiyaan hojjette qabannaa balabala isaarra gochuun ajjeesuuf yaalan.
Dhiyeenya ammoo erga Raashiyaan guutummaan bara 2022 Yuukireen weerartee Raashiyaan biyyoota Lixaa irratti waraana saayiberii guddaa banteetti.
UK'n waraana kana keessatti Yuukireen deeggarti. Ibsa ishee keessatti Kiist akkuma UK'n deeggarsa ishee cimsuun Yuukireeniif kennaa deemtuun Puutin dirree wwaraanaatti duubatti deebi'aa jira jette.
Jalqaba bara kanaatti dooniiwan waraanaa Raashiyaa dhokatan hedduun daangaa bishaanii UK galanii turan.
MM UK, dooniiwan kanneen akka to'achuu malu akeekkachiiseera.
Chaayinaan ammoo saayinsii fi teeknoloojiin humna guddoodha jette. Keessumaa meeshaalee baay'ee ammayyaa'oo tahan fayyadamuun tika, saayiberii fi dhaabbilee waraanaa keessatti bal'inaan hojjetaa jiru jette.
Addunyaa teeknoloojii AI fagaachaa jirtu keessatti UK fi michoonni ishee warra kaan dursuuf carraa xiqqoo qabaachuu himte.
Indaastirii teeknoloojii keessatti akkasumas dhaabbilee barnootaa fi tajaajila uummataa keessatti wal tumsuun yoo hojjenne morkattoota keenya dursuu dandeenya jette.
GCHQ yakka saayiberii qindaa'aa qolachuuf yeroo dheeraa akka balleessu himuun kunis dhaabbilee UK saaxilamoo tahanitti vaayirasii fi haleellaa saayiberii gaggeeffama aturuu ibsite.
Kiist kutaa hojii keessanii hanga kutaa jireenya keessaniitti haleellaa saayiberii irraa bilisa tahuu keessan mirkaneessuu qabdu jette.
Tarkaanfiiwan murteessoon ammoo paaswoordii irraa koodii icciitii akka darbitu eeyyamutti jijjiiruu fi haleellaa saayiberii irraa bilisa tahuuf isa kana duraa irra dachaa 10 xiyyeeffannoo kennuu barbaaachisa jette.