Iraan keebilii interneetii galaana jalaa kutuu maltii?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Miidiyaalee fi gareewwan siyaasaa mata-jabeeyyii Iraan, Ulaan Hormuz sarara daldala ijoo boba'aa qofa osoo hin taane, ulaa tarsiimawaa sarara intarneetii ta'uu haasawuu isaanii itti fufanii jiru.

Akka gabaasawwan kanneenitti, dandeettiin dhiibbaa uumuu Iraan galaana jala, jechuunis sararoota keebilii intarneetii idil-addunyaa bishaan jala darban keessa jira.

Akka karoora isaaniitti, Iraan keebiloota galaana jalaa naannoo sana keessa darban i to'achuu dandeessi.

Yaadni falmii interneetii muruu kun lolli Iraanii fi US-Israa'elii hammaachuu hordofee Ameerikaan Ulaa Hormuz ugguruu booda dhalate.

Akka karoora isaaniitti, Iraan keebiloota bishaan jalaa naannoo sana keessa darban irratti to'achuu dandeessi.

Tarkaanfiin akkasii gufuuwwan seeraa fi teeknikaa walxaxaa baay'ee qaba. Ta'us, mariin kun carraaqqii Iraan dandeettii ittisa ishee tooftaalee baramaa hin taaneen babal'isuuf gootu mul'isa.

Kun egaa, bu'uuraalee misoomaa intarneetii ijoo addunyaa balaaf kan saaxilu.

Kun jalqabbii waraanaa Ulaa Hormuz ta'uu danda'aa?

Waggoota kurnanootaf, Ulaan Hormuuz sarara boba'aa ijootti ilaalamaa ture. Boba'aan addunyaa 20% karaa kana darba.

Keebiloonni galaana jalaa kunneen qunnamtii idil-addunyaa fi ragaalee faayinaansii Awurooppaa, Giddu-galeessa Bahaa, fi Eshiyaa gidduu jiru daddabarsu.

Akka ragaa dhaabbata Taataa Koomunikeeshins jedhamu kan bu'uuraalee misoomaa qunnamtii addunyaa hordofuutti, sirnoonni keebilii qunnamtii gurguddoon akka Falcon, GBI fi TGN-Gulf Ulaa Hormuz keessa darban ragaalee Galoogalaana Parshiyaa Faarsi, Awurooppaa, fi Eeshiyaa gidduu daddabarsa.

Siistamni TGN-Gulf jedhamu qofti Omaan, UAE, Kaataar, Baahireeni, fi Sa'ud Arabiyaa networkii idil-addunyaa guddaa wal qunnamsiisu dha.

Fars News Agency'n dabalataan akka gabaasetti, dhaabbileen teeknoolojii gurguddoon akka Google, Meta, fi Microsoft sararoota kanneen yeroo kamiyyuu caalaa itti fayyadamaa jiru.

Akka madda oduu kanaatti, sirnoonni faayinaansii akka SWIFT keebiloota bishaan jalaa kanneen irratti hirkatu.

Gabaasni Fars News Agency akka jedhutti, "Jaarraa 20ffaa keessa yoo boba'aan oomisha ijoo addunyaa ta'e, jaarraa 21ffaa keessa immoo odeeffannoon boba'aa addunyaati," kan jedhu yoo ta'u, Iraan amma masaanuuwwan ishee lamaan caalaa dhiibbaa jiyoo-poolitikaa guddaa akka qabdu agarsiisa.

Miidiyaan Ashraq News garee IRGCtti dhiyoo ta'eenis ilaalchi walfakkaataan kan ibsame yoo ta'u, keebiloota galaana jalaa kanneen akka "meeshaa waraanaa Iraan" kan "Ameerikaa fi michoota ishee jilbiiffachiisuu ittiin dandeessuutti" gabaase.

Falmiin keebiloota galaana jalaa ilaallatu kun, wayita hoggantoonni Iraan biyyoota Galoogalaanaa tarkaanfii waraanaa Ameerikaa deeggaraniiru jechuun himachaa jiranii fi Iraan imaammata nageenya naannichaa irra deebitee fooyyeffachaa akka jirtu deddeebitee akeekkachiisaa jirtutti dhagahamaa jira.

Keebiloonni galaana jalaa maaliif fayyadu?

Akka gabaasa dhuma baatii Eebilaatti Royitersiitti tajaajilli intarneetii idil-addunyaa dhibbantaa 99 (99%) ta'u keebiloota faayibarii optiksii galaana jala diriirfamaniin dadabarsama.

Dhaabbanni qorannoo bu'uuraalee misoomaa teelikoomii TeleGeography jedhamu, keebiloota Ulaa Hormuz keessa darbanii fi hojjechaa jiran AAE-1, Falcon, fi Gulf Bridge International akka ta'an adda baasee jira.

Danqamni aannoo sana keessatti uumamu kamiyyuu tajaajila intarneetii naannichaa, hojiiwwan baankii, fi sararoota daldalaa irratti dhiibbaa geessisuu danda'a.

Qabatamaan maaltu karoorfame?

Miidiyaaleen leelliftoota sirna Iraanii fi namoonni mootummaatti dhiyoo ta'an Iraan keessatti keebiloota bishaan jalaa kallattiin kutuuf ykn to'achuuf waamicha hin goone.

Bakka kanaa, gibira walitti qabuu fi bulchiinsa diijitaalaa naannichaa to'achuuf akka ejjennoo jabaa qaban addeessaniiru.

Akka hoggantoonni Iiraan jedhanitti,Ulaa Hormuz gar-tokkeen bishaan ittisa biyyaa Iiraan keessatti kan argamu yoo ta'u, kutaan inni kaan immoo Omaan jala kufa; kanaan kan ka'es, Teeraan keebiloota kana to'achuuf bu'uuraalee misoomaa naannichaa irratti aangoo seeraa fi bulchiinsaa fayyadamuu dandeessi.

Miseensi paarlaamaa Iraan tokko madda Oduu Faarsitti akka himetti, tarkaanfiiwwan adda addaa kanneen akka keebiloota galaana jalaa heyyama gaafachuu, keebiloota diriiraniif kaffalchiisuu fi galii ishee dabaluuf jecha ijaarsaa fi suphaa keebiloota sanaa irratti Iraan hirmaachisuu akka dabalatu dhiheessaniiru.

Keebiloonni galaana jalaa yeroo baay'ee kuusaa faayibar optiks baay'ee ta'an kanneen dandaawuu sibiilaa ittisuuf oolanirraa kan tolfamani dha.

Iraan keebiloota kanneen to'achuuf mirga seerri kennuuf qabdii?

Iraan akka falmitutti, dooniiwwan karaa ulaa kanaan darbuuf mirga qabaatanis, kun "aangoo bulchiinsaa biyyootni handaara galaanaa" irratti qaban hin dhorkatu.

Haa ta'u malee, seerotni galaanaa idil-addunyaa hiika abbummaa Iraan bu'uuraalee misoomaa toorawwan qunnamtii idil-addunyaa irratti qabaachuuf dhiyeeffattu kana gaaffii keessa galchuu danda'u.

Humnoonni gurguddoon addunyaa akka Ameerikaa fi biyyoota Awurooppaa yaalii Iraan bu'uuraalee misoomaa intarneetii idil-addunyaa qoqqobuu ykn qaraxa gam-tokkee fe'uuf gootu kamiyyuu hin fudhatan.

Akkas dooniiwwanii, keebiloota galaana jalaa yeroo hundaa hordofuun rakkisaa dha, akkasumas waliigaltee idil-addunyaa wal xaxaa mootummoota fi dhaabbata dhuunfaa gidduu jiruun hogganamu.

Tarkaanfiin ta'e jedhamee sarara keebilii kana danquuf fudhatamu kamiyyuu, tarkaanfii jabaan idil-addunyaa Iraan irratti akka fudhatamu gochuu danda'a.

Falmiin akkasii amma maaliif ka'e?

Yaadni kun kan ka'e Iraan Ulaa sarara Ulaa Hormuz fayyadamuun dhiibbaa uumuuf beeksifnaani.

Iraan dabalataan ollootni Ameerikaa waliin tumsa hin goone akeekkachiifte.

Yaadni Iraan hagam hojiirra ooluu danda'a?

Yaaliin dhaabbilee qunnamtii intarneetii addunyaa irratti seera baasuu ykn gibira fe'uuf godhamu kamiyyuu, gufuuwwan teeknikaa fi siyaasaa gurguddoo dhalchuu danda'u; kunis yeroo diinagdeen Iraan dhiibbaa cimaa jala jiru kanatti caalaatti addunyaa irraa adda ishee fo'uudanda'a.

Tarkaanfiin akkasii Iraan mataa ishee irrattis dhiibbaa fiduu danda'a.

Diinagdeen biyyoota Galoogaana Paarsiyaa baay'ee intarneetii irratti kan hundaa'e yoo tahu, gufuun kamiyyuu kan sararoota qunnamtii galaana jalaa irratti uumamu qunnamtii fi daldala naannoo Iraan iyyuu miidhuu danda'a.