NASAn Addeessa irratti buufata ijaaruuf adeemsa eegaluu ibse

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

US Addeessarratti karoora buufata ijaaruu qabdu galmaan gahuuf NASAn adeemsa eegaluu beeksise.

Roobotiwwan, dirooniwwaniifi konkolaattota achirra qubatan kam fa'aa akka ta'anis ifa godheera.

Abbaan qabeenyaa Amazon kan ta'e Jeef Beezoos dhaabbanni isaa waa'ee hawaa qoratu Blue Origin jedhamu konkolaattota gara addeessaa imalan akka omishuuf kanneen kontiraanni kennameef keessaa tokkoodha.

US osoo Pireezidaant Doonaald Tiraamp bara aangoo isaa in xumurin deebitee addeessa irra qubachuu barbaaddi. Tiraamp bara 2029tti aangoo isaa xumura.

Haa ta'u garuu ilmi namaa addeessarra deebi'ee akka qubatu gochuuf NASAn Chaayinaa waliin dorgommii keessa galee jira.

Bara dorgommii hawaa haaraa godhamaa jiru kana keessatti Chaayinaa dursee addeessarratti buufata ijaaruuf NASAn dhiibbaa keessa galuunsaa waan hin oolledha.

Chaayinaanis bara 2030tti addeessarra qubachuuf karoorsitee hojjataa jirti.

NASAn bara 20032tti addeessarra karaa bantii kibbaatiin buufata dhaabbataa anniisaa nikularaafi aduutiin deeggarame ijaaruuf bajata dolaara biliyeena 20 ramaduusaa Bitootessa darbe beeksisee ture.

Gaggeessaa NASA kan ta'an Jaareed Isaakmaan akka jedhanitti, dhaabbatichi karoora kana ifa gochuunsaa "US ammas addeessarra qubachuurraa abdii akka hin kutanne agarsiisa" jedhan.

Bufanni dhaabbataadhaan NASAn addeessa irratti ijaaru kun US qorannoowwan saayinsii, albuudawwan gati jabeeyyii ta'an jiraachuu malan barbaaduu fi gara fuulduraatti bifa salphaa ta'een gara addeessaa deemuun akka danda'amu gochuudha jedhame.

Haa ta'u garuu qorattoonni baay'een akka jedhanitti, yeroon itti NASAn addeessarratti buufata ijaaruuf qabate kan dhugoomu miti.

US Ebla darbe qorattoota hawaa afur ergama Arxeemis II jedhuun naannawa addeessatti erguu dandeessus, Chaayinaan dursitee addeessarra qubachuunshee waan hin oolle ta'uu himu saayintistoonni.

"Chaayinaan dursitee yoo achi geesse baay'edhuma nan dhibu," jedhu Open Yuunivarsiititti saayintistii waa'ee addeessaa kan ta'an Dr Simiyoon Barbar.

Akka isaan jedhanitti NASAn meeshaalee ittiin addeesarra qubatan qopheessurratti rakkoo akka qabu ibsan.

Karoorri Sagantaa NASAn addeessaratti buufata dhaabbataa ijaaruuf qabu kun gulanataa sadi kan qabuudha.

Namoonni osoo addeessarra hin qubatin dura, ejansiin hawaa kun (NASAn) roobotiwwan achirra qubataniifi dirooniwwan erguu barbaada. Kunis haala teessumaafi wantoota rakkisoo ta'an addeessa jiran adda baasufi

Ittaansuun konkolaatonni ykn maashinoonni qorattoota hawaa baachuun addeessarra ittiin deeman akkasumas meeshaalee kominikeeshiniifi saayintifikii baatan garas ni geeffamu.

Kaampaaniwwan Blue Origin, Intuitive Machines, fi Astrobotic maashinoota kanneen akka hojjataniif NASA wajjin waliigaltee godhaniiru.