Obaamaan yeroo duula Dimokiraatotaaf gaggeessutti Tiraampiin cimsee qeeqe

Ibsa waa'ee viidiyoo, Daawwadhaa: Filannoon walakkeessaa UStti gaggeeffamu 'Tiraamp dhaabuuf carraa isa dhumaati' jechuun dubbate
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Pirezidaantiin duraanii Ameerikaa Baaraak Obaamaa waraana Iraaniifi gatiin meeshaalee dabaluu ilaalchisee bulchiinsi Tiraampitu itti gaafatama jechuun qeeqe.

Obaamaan dubbiin Tiraamp kan qeeqe filannoo walakkeessaa UStti gaggeeffamuuf jedhuun warra Dimokiraatotaaf duula deeggarsaa yeroo gaggeessuttiidha.

Lammiileen Ameerikaa filannootti fayyadamuun bulchiinsa Tiraamp "maal na dhibdee bulchiinsi kun godhutti xumura gochuu qabna," jedhe.

Obaamaan jaalattootasaafi deeggartoota paartii Dimokiraatotaa Ohaayotti walitti qabamaniif haasaa kan taasise yoo ta'u, "filannoon kun carraa keenya isa dhumaati" jechuun bulchiinsa Tiraamp dura akka dhaabatan waamicha godhe.

Tiraamp ammoo Joorijiyaatti argamuun deeggartoota isaafi paartii Rippaabilikanootaaf haasaa taasiseen "seenaa Ameerikaa keessatti iddoo seena qabeessa ta'e irra jirra" jechuun waa'ee godaantotaafi taarifaa irratti mikii guddaa gonfachuu hime.

Filannoon walakkeessaa Ameerikaa Sadaasa 3, 2026 gaggeeffamu paartiin kamtu Kongiresii keessatti teessuma olaanaa akka argatu kan murteessu yoo ta'u, bara aangoo Tiraamp hafe keessatti karoora bulchiinsa isaa galmaan gahuuf illee dhiibbaa guddaa kan qabaatudha.

Dimokiraatonni filannoo kanaan teessuma Kongiresii harka caalu kan dhuunfatan yoo ta'e, karoorawwan Tiraamp hojiirra oolchufi murteewwan inni kennu dura dhaabbachuuf carraa isaaniif kenna.

Ammuma irraa kaasuun sagaleen kennamuu kan eegale yoo ta'u, Tiraamp haadha warraa isaa Giiftii Duree Melaaniyaa waliin ta'uun sagalee kenneera.

Baaraak Obaamaa Sambata bulchiinsa Ohaayoofi Mishigaanitti deeggartoota Dimokiraatotaa waliin duula filannoo gaggeesseen, Tiraamp fi kaabinoota isaatti qoosuun qeeqe.

Haasaa isaa keessatti Tiraamp Waayit Haawus miidhagsuuf dhama'a jechuun itti qoose.

Tiraampfi kaabinoota isaatiin "ni gaha yeroon itti jettan ammaadha" jechuun lammiileen biyyattiif Dimokiraatotaaf sagaleesaanii akka kenna waamicha godhe.

Doonald Traamp fi haadha warraasaa Melaaniyaa Tiraamp
Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp haadha warraasaa kan taate Giiftii Duree Melaaniyaa wajjin Filooriidatti sagalee kenne

Tiraamp gatii boba'aarratti daballiin mudachuu hin haalle. Garuu daballiin kun "yeroo gabaabaaf kan turu" ta'uu ibsuun Ameerikaan yeroo gara yerootti jabaataa dhufte jedhe.

Sababa waraana Iraanifi Yukireeniin gatiin boba'aa US keessatti gadi bu'uu dhiisuun Tiraamp irratti dhiibbaa guddaa fideera.

Tiraamp deeggartota isaatti yeroo dubbatu: "taarifa irraa maallaqa guddaa argachaa jirra" jechuun diinagdee biyyattii doggomuuf akka gargaaru ibse.

Rippaabilikaanonni mana maree lachuu kan mo'atan yoo ta'e, lammiileen Ameerikaa gaheessa ta'an tokkoon tokkoo isaanii dolaara 5,000 akka argatan waaaa gale.

Warri Dimokiraatotaa "fayyaa keessan saamu" akkasumas "daangaa keessan sarbu" jechuun deggartoota isaatti dubbate.

Dimokiraatonni biyyoota akka Liibiyaa, Yaman, Somaaliyaafi Heeyitii fa'aarraa godaantonni akka dhufan godhu jechuun jechoota arrabsoon qeeqe.

Tiraamp biyyoonni kun "shororkeessummaan kan faalamaniidha" jechuun ibse.