Hayyuun Booranaa boqotan Dr Abdullaahii Shonqoloo maaliin yaadatamu?

Madda suuraa, Abdullahi Shongolo
Qorataa aadaa, seenaa fi Antiroopoolojii Booranaa Dr Abdullaahii Shonqoloo umrii isaanii 68tti addunyaarraa boqotan.
Abdullaahii Shonqoloo bara 1958 Magaalaa Mooyaaleetti dhalatan barnoota isaanii sadarkaa duraa achuma Mooyaaleetti barachuu addunyaa barnootaa kan jalqaban hayyuu beekamaan kun barnoota isaanitti cimuu biyya keessaa fi awurooppaatti hanga PhDtti baratanii jiriu.
Keeniyaa kutaalee garaagaraatti hojjetanii jiru. Ministeera Barnootaa Keeniyaa keessatti misooma sirna barnootaa irratti yeroo hojjetaa turanitti hanga hoggansaatti tajaajilanii jiru. Barnootaaf biyya Swiidinitti erga deemaniis awurooppaa jiraachaa qorannoo gaggeessaa turuu seenaan isaanii ni hima.
Waldaa Ogeeyyii Booranaa kan turan Dr Abdullaahii Shonqoloo, addatti immoo qorannoo aadaa, afaan, seenaa hawaasa Oromoo Booranaarratti gumaacha olaanaa godhan. Kitaabota hedduus barreessaniiru.
Dr Jaatanii Ungulaa Halakee gosaa fi michuu Dr Abdullaahii Shonqoloo nama waa heddurratti kitaabolee qorannoo gumaache jedha.
"Wanni Gadaa, aadaa, finnaa Oromoo marti karaa afoolaan himamaa waan tureef akkaataa dhalootaaf darbuu danda'uun walitti qabanii galma kana keessatti tursiisuuf ture." Kanarratti gumaachi Dr Abdullaahii jabaa ture jedhu.
Dr Abdullaahiin kitaaboleen barreessan keessa Borana proverbs in cultural context(Afaan Booranaa fi Ingiliffaan kan barreeffame), Gumii Gaayoo Assembly (Gumiin Gaayoo gaafa 1988 kora teessu inni kora san keessa turee booda waan gaaf san dubbatame kan itti barreesse), Poetic of Nationalism (kitaaba Pirofesara beekamaa biyya Jarmanii Gutter jedhamu waliin qore, makmaaksaa fi walaloowwan Waaqoo Qoxoo, aadaa fi sabboonummaa fi kitaaba kana keessatti qore) keessaayi. jedhu Dr Jaatoon.
Kitaabni biraa inni beekameen immoo Research on Pastoralism, Politics and Ethnicity and Religion in northern Kenya and Southern Ethiopia kan jedhudha. Kitaaba kana keessatti wanti inni mul'ise guddoon horiin qeencaa, horiin duubaa kun illeen jajjabaachuutti jira.
Kan dhibii finna siyaasaa Keeniyaa fi Itoophiyaa, Finni kunilleen jijjiiramuutti jira. Kaan dhibii finna aadaa, kan amantii aadaa Booranaan wal cinaa qabsiisee qorate.
"Kan biraa Afaan Booranaa waaltessuurratti hojjete. Waani biraa kan inni dhaloota ammaa qofaaf osoo hin taane kan dhufuufillee yaadee hojjechaa ture Giddugala Hambaa Aadaa Raabaa Gadaa Booranaa ti."
Galma akkasii lafa warra isaa Nyaanyukittii ijaarsarra jira. As keessatti waan aadaa, waan uffataa, nyaataa kan cufa achitti midhaassani jedhu.
Dr Abdullaahii Shonqoloo gumaachawwan qorannoo isaatiin gumaacheef mootummaa Keeniyaarraa beekkamtii argatees beeka.
Hayyuun kun Guyyaa Keeniyaan Waggaa 63ffaa Guyyaa Goototaa kabajatutti dhibee isa mudateen addunyaa kanarraa boqote. Dr Abdullaahiin nama bultii qabanii fi abbaa ijoollee ture.



























