Halleellaan diroonii hidhattoonni Finfinneetti raawwatanii ture "haleellaa shororkeessummaati" - Maarkoo Ruubiyoo

Madda suuraa, Getty Images
Haleellaan diroonii hidhattoonni [TPLF] magaalaa Finfinneerratti gaggeessaanii ture "haleellaa shororkeessummaati" jedhan Ministiirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo.
Qondaalli olaanaan US kana kan jedhan yeroo daawwannaa hojiif gara Indiyaa fi Uzbeekistaan imaluuf xayyaara yaabbachuuf jedhanitti gaaffii miidiyaaleen gaafatan yeroo deebisanittiidha.
Hidhattoonni isaan "warra fottoquuf yaadan" jechuun ibsan yaaddoo nageenyaa isaan mootummaa Itoophiyaarraan gahan US akka hubattu kan ibsan Ruubiyoon, keessumaa haleellaa diroonii magaalaa Finfinneetti gaggeeffame jedhame ilaalchisees ejjannoo mootummaa US ibsaniiru.
Guyyootan dura Ministiira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad waliin dubbachuu kan ibsan Ruubiyoon, yaaddoo hidhattootarraa Itoophiyaa mudataa jiru akka hubatanis ibsan.
"Yaaddoo hidhattoota [warra fottoquu barbaadan] irraa isaan mudatu ni hubanna. Eenyullee shororkeessummaa hin deeggaru. Haleellaa shororkeessummaatu irratti raawwate. Haleellaa diroonitu magaalaa guddoosaanii [Finfinnee] irratti raawwate," jedhan.
Mootummaan Itoophiyaa haleellaa irratti gaggeeffame kana yeroo qolatu bifa waraana qaxanaatti hin jijjiiramneen ta'uu akka qabus akeekan.
"Yeroo [haleellaa kanaaf deebii kennitu] bifa madaalawaa, ogummaan guutamee fi waraanni naannichatti akka babal'atu hin goonee fi biyya biraa hin hirmaachifneen ta'uu qaba jennee yaanna," jedhan Ruubiyoon.
Muddama waraanaa Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti mudatee jiru ilaalchiisee yaada kan kennan Ministiirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo, mootummaan Itoophiyaa haleellaa TPLF irraa irratti aggaamame yeroo qolataa jirutti gama biraatiin Ertiraa waliin muddama keessa galuu fi gama lachuunuu loltoonni daangarra qubatanii akka jiran ibsan.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Mootummaa Itoophiyaa fi TPLF gidduutti yeroo lolli gaggeeffamaa jirutti, Ertiraa fi Itoophiyaan loltoota daangarra qubsiisuunsaanii waraanni naannichatti babal'achuu danda'a kan jedhu yaaddoo qabaachuun waanuma eegamu ta'uus dubbatan.
"Bakkee akkasiitti [waraanni gaggeeffamaa jirutti] waraanni gama lachuutuu [Ertiraa fi Itoophiyaa] yeroo daangarra qubatee jirutti suni waraana bal'aatti jijjiiramuu danda'a jettee ni yaada," jedhan.
Gama biroon ammoo ji'oota muraasaa as US fi Ertiraa gidduu waliin dubbiin akka jiru ibsuun kunis hariiroo biyyoota lamaanii fooyyessuuf akka ta'e himan.
"Waggoota dheeradhaaf Ertiraa wajjin hariiroo cimaa ta'e hin qabnu turre. Ji'oota muraasa darban keessa kan durii caala isaan [waliin] wal-qunnamaa jirra," kan jedhan Ruubiyoon, qoqqobbiin dhiyeenya US Ertiraa irraa kaaste hariiroo biyyoota lamaanii caalmatti cimsuu akka malu akeekan.
Muddama Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti dhalate jaarsummaan furuufis biyyoota lachuu waliinuu dubbachuun dirqama ta'uus ibsan.
"Qoqqobbiiwwan muraasa [Ertiraa] irraa kaasuun qunnamtii jiru caalmatti cimsuun ni danda'ama. Gama lachuu [Itoophiiyaa fi Ertiraa] waliin yoo hin dubbanne gahee nagaa buusuu fi jaarsummaa bahachuun ni cima," kan jedhan Ruubiyoon, Itoophiyaa wajjin US hariiroo gaarii akka qabduu guyyoota muraasa dura hariirodhuma kana cimsuuf MM Abiy waliin dubbachuu himan.
Maarkoo Ruubiyoo gaaffii waa'ee muddama Itoophiyaa fi Ertiraa ilaalchiisee miidiyaalerraa dhiyaateef deebii kennaniin, "addunyaan waraana biraa hin barbaaddu" jedhan.


























