Qaama kamirraayyuu walaba ta'een loogii tokko malee ijaarsa biyyaarra ture- Pirof. Masfin Ar'aayaa

Pirofeesar Masfin Ar'aayaa
Ibsa waa'ee suuraa, Pirofeesar Masfin Ar'aayaa
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Itoophiyaa keessatti rakkoolee fi walitti bu'iinsa bu'uuraa yeroo dheeraaf turan mariidhaan furuuf dhaabbanni hundaa'e- Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa, yeroon hojii isaa wayita biyyattiin rakkoolee waraanaa fi walitti bu'iinsaa keessa jirtutti dhumate.

Muddee 24 bara 2014 (ALI) kan hundaa'e komishinichi, jalqaba yeroon hojiif kennameef waggaa sadii ture.

Haata'u malee yeroo kennameef keessatti hojii isaa xumuruu waan hin dandeenyeef Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa Guraandhala 11 bara 2017 walga'ii ariifachiisaa taasiseen waggaa tokkoof dheeresse.

Waggaa tokko booda ammoo ji'oota saddeetiif yeroon hojii komishinichaa akka dheeratu murtaa'e.

Komishinichi walii gala yeroo waggaa afurii fi ji'oota saddeet ture kana keessatti qophii irraa kaasee hanga yaada marii walitti qabuutti, achiis marii biyyaalessaa gaggeessuun yaada furmaataa fudhachuu dabalatee hojiiwwan garaagaraa hojjetaa tureera.

Marii biyyaalessaa namoota 4,000 ta'an hirmaachisuun gaggeeffameen yaadni furmaataa dhihaate Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatiif, akkasumas dhimma naannolee kan ilaallatu naannoleef Fulbaana 23 bara 2019 dabarfamuun kennamaniiru.

Miira walmakaa- deggersaa fi mormii hedduudhaan dabaalameen marfamee hojiisaa kan gaggeessaa ture komishinichi, Sambata, Onkoloolessa 14, 2019 guyyaa isaa isa dhumaa waan ta'eef, komishinaroonni beekamti argachuudhaan Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatiin gaggeeffamaniiru.

Komishinaroonni kunneen kan gaggeeffaman bu'uura labsichaatiin yoo ta'u, marii gaggeeffame irratti yaadota furmaataa dhihaatan uummataaf ifa gochuuf dirqama isaanii osoo hin ba'in ta'uu isaati.

Adeemsa waliigalaa fi hojiirra oolmaa yaada furmaataa ilaalchisee ibsa BBCf kan kennan Komishinara Olaanaa Komishinii Marii Biyyaalessaa Piroofeesar Masfin Ar'aaya, hojiin komishinarootaa Sambata Onkoloolessa 14 ifatti akka xumuramu dubbataniiru.

Hojiiwwan oditii fi bu'aawwan adeemsichaa karaa dijitaalaan galmeessuu irratti hojjettoonni waajjiraa muraasni ji'oota sadiif hojiirra akka turan ibsaniiru.

Komishinichi yaadota hirmaattota walga'irraa dhihaatanii fi komishiniin qophaa'an 394 qaama ilaallatuuf dabarsuu dabalatee, yaada furmaataa uummataaf ifa gochuu dhabuun alatti, ittigaafatamummaa isaa guutummaatti xumureera jedhan Pirofeesar Masfin.

Afa-yaa'ii Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa Obbo Ahmad Shidee fi Pirofeesar Masfin Ar'aayaa
Ibsa waa'ee suuraa, Yeroon hojii komishinichaa xumuramuu sababeeffachuun Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa komishinarootaaf waraqaa ragaa kennuun gaggeesseera
Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Komishinichi yaada furmaataa uummataaf ifa kan hin gooneef yeroon hafe kana gochuuf kan isa dandeessisu ta'uu dhabuu isaatiin akka ta'e ibsan Pirofeesar Masfin.

"Yaada furmaataa qophaa'e uummataaf dhiheessuuf ittigaafatamummaa kan fudhate Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa waan ta'eef sadarkaa sadarkaan kan dhiheessu ta'a," jedhan.

Komishinichi aangoo labsiin kennameef bu'uura godhachuun osoo yaada furmaataa uummataaf ifa godhee jiraateellee, gaaffii uummatarraa ka'uu danda'uuf deebii kennuuf yeroo gahaa dhabuu isaa Komishinarri Olaanaan kun kaasaniiru.

Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataati yaada furmaataa "sadarkaa sadarkaan" uummataf ifa akka godhu mirkaneessuu isaanii Piroofeesar Mesfin dubbataniiru.

Raawwii yaada furmaataa ilaalchisee, komishinichi hordofiif kan dandeessisu sirni kan diriirfamu ta'uu labsicha irratti taa'eera jedhan.

Komishinichi tarsimoon raawwii maal fakkaachuu akka qabu mana mareetiif yaada furmaataa qopheessuun dhiheessuun gaafatamummaa labsichaan ibsame ba'uu isaa Komishinarri Olaanaan ibsaniiru.

Haa ta'u malee, raawwii hordofuuf karoorri ture sababa yeroon hojii komishinarichaa hin dheereffamnef akka hin milkoofne eeraniiru.

Fuuldurattis komishinaroonni ji'a sadii ta'uuf mirgi isaanii eegameefii waan turaniif, yeroo kana keessatti "gorsa kennuuf carraan nan qaba jedheen abdadha" kan jedhan Komishinarri Olaanaan, dirqama isaanii ta'uu baatus "ani garuu akka Komishinara Olaanaatti hojiwwan tokko tokko raawwatamuu isaanii ilaaluu nan fedha," jedhaniiru.

Hirmaattota walga'ichaatiin yaada furmaataa 394 dhihaatan keessaa dhimma magaalaa Finfinnee dabalatee dhimmoonni akka yaada furmaataatti dhihaatan muraasni garaagarummaa bal'aa fi wal dhabdeen kan dhihaatanidha.

Keessattuu Finfinnee ilaalchisee dhimmoonni kaafaman falmii jabaa ta'anii turaniiru. Kunis mariichi "rakkoo furuu mannaa rakkoo biraa akka hin taane" kan jedhan yaadonni hedduun akka deddeebi'an sababa ta'ee ture.

Mar'ittootaan kan dhihaatan "yaadonni furmaataa marii malee murtoo miti" kan jedhan Piroofeesar Mesfin, yaadonni furmaataa kunneen gara qaamota raawwachiisaatti yeroo dhihaatan battala gara raawwiitti kan geeddaraman osoo hin taane "adeemsota hedduu keessa kan darban" ta'uu eeraniiru.

Adeemsa marii wajjin walqabatee miseensota komishinicha tokko tokko irratti komiiwwan garaagaraa dhihaachaa turaniiru.

Pirofeesar Masfin komishinichi yaada furmaataa dhiheessuu kan danda'u qajeelfama mataa isaa ta'ee fi sirna kan qabu ta'uu eeruun, kana alatti kan dhihaatan komii garuu mirkaneessuu akka hin dandeeenye hubachiisaniiru.