Ertiraan ergama badii ta'uurraa yoo of hin qusanne balaa hamaatu mudachuuf deema- MM Abiy

MM Abiy Ahmad
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad ''Ertiraan baattoo ergama badii ta'uurraa yoo of hin qusanne daafoon isaa akkaan hadhaawaa fi hammaataa ta'a,'' jechuun akeekkachiisan.

MM Abiy gaaffii fi deebii tibbana Afaan Tigiriffaan miidiyaa mootummaa biyyattii EBC waliin taasisaniin dhimmoota nageenyaa fi tasgabbii Itoophiyaa fi Gaanfa Afrikaarratti wayita dubbatan akeekkachiisa kana Shaabiyaa irratti dabarsan.

Paartiin MM Abiy Ahmadiin durfamuu fi aangoo biyyattii harkaa qabu- Paartiin Badhaadhinaa haasaa duree Itoophiyaa kana afaan Amaariffaan miidiyaa hawaasummaarratti maxxanseera.

''Shaabiyaan dantaa diinotaaf hojjechuurraa of qusattee gaaffii nageenyaa fi misoomaa dhihaateef deebii abdachiisaa hin kennitu taanaan daafoon isaa akkaan balaafamaa ta'a,'' jechuun Ministirri Muummee Abiy akeekkachiisuu barreesse paartichi.

MM Abiy gaaffii fi deebii EBC waliin taasisan keessatti paartiin Ertiraa bulchu People's Front for Democracy and Justice (PFDJ) jedhamu ''gaaffilee misoomaa biyyattii fi uummata biyyattii cinaatti dhiisuun naannawa kanatti dirree humnoota badii akkasumas kuusaa meeshaalee humnoota badii ta'uun tajaajilaa jira,'' jechuun himatan.

Mootummaan Ertiraas kanaan dura himannaa akkanaa mootummaa Itoophiyaa MM Abiy Ahmadiin durfamu irratti dhiheessee beeka.

Mootummaan Itoophiyaa rakkoo keessaa isaatti ka'u furuu dheessuuf biyyoota oollaatti quba qaba jechuun himatee ture.

''Kan rakkoo biyyasaa hiikuu hin dandeenye kaan tumsuu hin danda'u,'' kan jedhan MM Abiy, ala taa'anii badiitti nama oofuun rakkoon furamu akka hin jirre dubbatan.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

''Qaamoleen ala taa'anii 'jabaadhaa jedhan' rasaasa dhiheessuurra darbee rakkoo mataasaaniiyyuu furuu hin danda'an,'' jechuun Ertiraatti quba qaban.

Mootummaan Ertiraa karaa misoomaa fi wal tumsuu dhiisee ''ajandaa naannawa kana gooluu fudhachuun,'' gonkumaa fudhatama hin qabu jedhan.

Mootummaan Itoophiyaa ''Ertiraan hidhattoota biyyattii keessa socho'an tumsiti,'' jechuun himannaa dhiheessu, Ertiraan irra deddeebiin haalaa turteetti.

Waraana kaaba Itoophiyaa [Tigraay] kan bara 2020-2022 turee fi dhiiga hedduu dhangalaase irratti loltoonni Ertiraa mootummaa Itoophiyaa tumsuun TPLF waraanaa turan.

Ertiraan yeroo sanas loltoonni ishee waraana kaaba Itoophiyaa keessatti hirmaachuu haalaa turte.

Waraanni kaaba Itoophiyaa waliigaltee Piriitooriyaan erga dhaabbatee garuu hariiroon Itoophiyaa fi Ertiraa laafaa dhufe.

Wal himannaa fi qoccolloon yeroo sana eegale amma daran hammaateera.

Mootummaan Itoophiyaa TPLF dabalatee hidhattoonni Itoophiyaa walta'uun tumsa isaan tolfatan duuba Ertiraan akka jirtu wayita himatu, Ertiraan gamasheen ''mootummaan Itoophiyaa badhaadhinaan durfamu rakkoo keessoo isaa furuu dadhabee quba nutti qaba,'' jechuun ofirraa facciste.

Keessattuu erga Fulbaana 23, 2026 waraanni kaaba Itoophiyaa deebi'ee eegalee loltoonni Ertiraa TPLF waliin hiriiruun daangaa Itoophiyaa seenuun waraana banuu himata mootummaan Itoophiyaa.

Mootummaan Ertiraa isa kanas ni haala.

MM Abiy mootummaan Ertiraa paartii PFDJ jedhamuun taliigamu ''biyyattii kufaatii hamaa keessa galcheera,'' himannaa jedhu dhiheessan.

''Ertiraan Itoophiyaarraa cituu dura magaalonni ishee daldalaa fi industiriin beekaman amma onanii jiru,'' jedhan MM Abiy.

''Biyya yeroo tokko industiriiwwan 300 ol sochoosaa turte zeerootti kana deebise akkasumas magaalaan Asmaraa ontee akka argamtu kan taasise Shaabiyaa waliin qindoomina uumuun fiixee hammeenyaa,'' ta'uu ibsan.

MM Abiy biyyisaanii Itoophiyaan ammallee daandii nageenyaa fi misoomaaf dursa akka kennitu dubbatan.

''Waamicha misoomaa fi nageenyaa dhiisee diinota Itoophiyaa waliin kan hiriire mootummaan Ertiraa daandii qabate kanarraa deebi'ee tumsaa misoomaa fi nageenyaa akka ta'u,'' waamicha dhiheessan.

Haata'u malee Shaabiyaan humnoota alaa abdachuun ''waamicha nagaa kana dhiisee daandii badiinsaa kan itti fufu yoo ta'e dhumarratti balaan mudatu akkaan hamaa fi hadhaawaa ta'a,'' jechuun akeekkachiisan.