Kophee ala ittiin deemne mana keessatti godhachuun fayyaa keenya balaaf saaxiluu danda'aa?

    • Barreessaa, Kate Bowie
    • Gahee, World Service Global Health
  • Maxxanfame
  • Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Dhimmi mana keessatti kophee godhachuufi dhiisuu al tokko tokko dhimma falmisiisaa yemmuu ta'u mul'ata.

Wayita mana keessa jirru kophee godhachuufi dhiisuun dhimma barmaatii naannoo itti jiraannuun walqabatudha. Garuu lamaan keessaa isa kamtu irra fayya-qabeessa?

Biyyoota Baha Giddugaleessaa, Eeshiyaa fi biyyoota Baalkaan (Kibba Baha Awurooppaa) keessatti kophee osoo hinbaafatin gara manaa ol seenuun akka safuu cabsuutti ilaalama.

Biyyoota Awurooppaa tokko tokko akkasumas Yunaayitis Isteetis (US) keessattimmoo keessummaa mana dhufe kophee akka baafatu gaafachuun akka kabaja dhorkachuutti ilaalama.

Jaappaan immoo biyya akkuma addunyaattuu dhimma kopheen walqabatee seerota ciccimoo qabdudha. Biyyattii keessatti manneen baay'een iddoo seensaa 'genkan' jedhamu qabu. Namni kamiyyuu kophee kana godhatee iddoo kana darbuu hindanda'u.

Tuuristiinillee kophee baafachuu yoo dagate "namoonni battalatti miiraan deebii kennu" jedhu SOAS Yunivarsiitii of Landanitti barsiisaa sadarkaa olaanaa mummee barnootaa antiropolojii kan ta'an Dr. Faabiyoo Giyiji.

Dabaluunis "namoonni akka waan sitti utaaluu jedhu. Miiraan 'lakki, dhaabbadhu, kopheekee baafadhu' sin jedhu" jechuunis himu.

Deebiin Jaappaanotaa miiraan guutame kun dhimma qulqullinaafi filaasamaa ka'umsa kan godhate akka ta'es doktarichi himu.

"Akka ilaalchatti alli faalama, balaa fi waan xuraa'aa wajjin walqabata. Keessi manaammoo iddoo akkaan qulqulluu akka ta'u barbaaddudha. Sirnoonni amantaa baay'eenis mana keessatti raawwatamu waan ta'eef" jedhu.

Kopheewwan keenya xuraa'aa fakkaachuu danda'u, garuummoo qabatamaan lubbu qabeeyyii xixiqqoo kanneen akka baakteeriyaafi vaayirasii balaaf nu saaxilan qabaachuu danda'uu?

Gaafii kana deebisuuf gaazexeessitoonni BBC kophee Yunaayitid Kingidam (UK) magaalaa Biraayitan keessatti guyyoota sanbattan lamaaniif godhatamee ittiin deemame laboraatoorii maayikirobaayolojiitti geessuun akka qoratamu taasisaniiru.

Yunivarsiitii Biraayitanitti maayikirobaayolojistii kan ta'an Dr. Saaraa Pittis kutaalee kophee kanaa gadjallaa fi gara oliirraa samuuda fudhatan. Itti aansunis samuuda fudhatan kana meeshaa maayikiro-orgaanizimoonni irratti guddifamanirra gochuun halkan tokko bulchan.

Guyyaa itti aanuttis samuudicha fuudhanii maayikiroskooppii jala kaa'uun yemmuu ilaalan baakteeriyaa heddu argan.

Gosoota baakteeriyaa kophicharratti argaman keessaa tokkommoo istafilokokas eyuruyas (staphylococcus aureus) kan jedhamufi namoota fayyaarrattillee infeekshiniiwwan garzagaraa fidu ni argama.

Baakteriyaan kun namoota dandeettiin dhibee dandamachuusaanii gadi bu'erratti dhukkuba sombaa fi infeekshinii ujummoo dhiigaa keessaa fiduu akka danda'u Dr. Saaraa Pit himaniiru.

Dabalataan kopheen qoratamerratti baakterikaa gosa biraa istafilokokas epidermis jedhamufi uumamaan gogaa namaarra jiraatus argameera. Baakteriyaan kunis namoota dandeettiin dhibee dandamachuusaanii dadhaberratti dhibee cimaa fiduu kan danda'udha.

Qorannoowwan biroommoo kopheen lubbu qabeeyyii xixiqqoo dhukkuba fidan kan akka baakteeriyaa bobbaa namaa keessatti argamu akka E. Kooliin faalamuu akka danda'u agarsiisaniiru.

"Addunyaarratti iddoodhaa iddootti gosoonni baakteeriyaa garagaraa jiraachuu malu, fangasiiwwan akkasumas maxxantoonni" jedhu Dr. Saaraan.

Baakteeriyaan ala keessaa mana keessa jiraachuu danda'aa?

Kopheen baakteeriyaawwan ala keessa jiran saffisaan gara mana keenyaa seensisuu akka danda'an qorannoowwan agarsiisu.

Dhimma kanarratti kan dubbatan Dr. Saaraan, "Orgaanizimoonni (lubbu qabeeyyiin) mana keessa jiraachuu akka danda'anfi infeekshiniis gara miseensota maatii birootti dabarsuu akka danda'an ragaaleen ni jiru" jedhu.

Dabalataan lubbu qabeeyyiin xixiqqoon ijaan mul'achuu hindandeenye guyyoota muraasaaf mana keessa jiraachuu akka danda'an, iddoo hoo'a itti argatan afaa mana keessaarrattimmoo kanaa ol jiraachuu akka danda'anis himu.

Haala kanaan iddoo lubbu qabeeyyiin xixiqqoon kunneen itti jiranitti socho'uun baakteeriyaan akka dadammaqu gochuun nama dhukkubbii (infeekshiniif) saaxiluu akka danda'anis dubbatu.

"Afaa mana keessaarratti daa'ima waliin yeroo foqoqxu... yeroo isa tuttuqxu infeekshinicha dadammaqsita. Kunimmoo ga'eessota fayya qabeessarra namoota dandeettiin dhibee dandamachuusaanii dadhabaa ta'e kan akka daa'immanfi maanguddootaaf balaa qabaachuu danda'a" jedhu.

Gama biraatiin orgaanizimootaaf saaxilamuun dandeettii dhibee dandamachuu guddisuuf akka gargaaru kan himan Dr. Saaraan, jireenyi guyya guyyaa keenyaa baakteeriyaawwan garagaraa akka tuqnu kan nutaasisu ta'uu himaniiru.

Kophee baafachuumoo godhachuu?

Deebiin gaafii kanaa bu'aa qorannoo laaboraatorii keessatti adeemsisanirratti akka hundaa'u kan himan Dr. Saaraan, "mana keessa kophee godhachuun fokkisaadha, dabalataan yaaddoo fayyaa qabatamaadha" jedhaniiru.

"Kutaa addunyaa kamiyyuu yoo jiraatte battala balbala ol seente kophee baafachuun barbaachisaadha" jechuunis dabalan.

Garuummoo mana keessatti kophee godhachuu kan barbaannu yoo ta'e iddoo jala kophee keenyaa itti haxoofnu qopheessuufi afaawwan mana keessaa fayyadamuu dhiisuun hamma baakteeriyaa mana keessaa hir'isuu akka dandeenyus himu.

"Dabalataan mana kee yoo xiqqaate torbeetti al tokko haalaan qulqulleessuun baakteeriyaa, dhukkee fi xurii ofirraa fageessuuf fayyada" jechuunis himaniiru.