Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Mariin US fi Iraan Siwiizarlaanditti eegale

Israa'el sababa Libaanos haleelaa jirtuuf Iraan Ulaan Hormuuz akka cufamee turu himti

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Iraan marii har'aan dursa mariisiftoota waliin akka dubbattu himte

    Ministarri Haajaa Alaa Iraan marii Siwiizarlaanditti geggeefamuun jalqaba mariin bakka bu'oota afuriin akka taasifamu himan.

    Iraan, Ameerikaa, Qataariifi Paakistaan rizoortii Barjanstook tulluurra jiru irratti walgahanii marii'atu.

    Dubbii himaan haajaa alaa Iraan Ismaa'el Baagheey Teehraan jalqaba mariisiftoota Paakistaaniifi Qataar waliin akka dubbattu miidiyaa biyya isaaniif himaniiru

    Walgahiiin miilanaa kuni waliigaltee Ameerikaa fi Iraan gidduu tibbana mallattaa'e hojiirra oolchuu ilaallata.

  2. Israa'el haleellaa Gaazaatti raawwatteen hojjetaa Al-Jaziiraa dabalatee namoonni ja'a ajjeefaman

    Haleellaa Israa'el Gaazaatti raawwatteen ogeessa kaameeraa miidiyaa Aljaziiraa,daa'ima tokko dabalatee namoonni jaha ajjeefamuu qondaaloti fayyaafi deeggarsaa dubbatan.

    Aljaziiraan hojjetaansaa Ahimad Wiishaa otoo mana keessa jiruu haleellaa israa'el raawwatteen ajjeefamuu isaarratti ibsa baaseen ''yakka hamaa namoota irratti xiyyeeffachuun raawwatu kana jabeessinee mormina,''jedhe.

    Humni Ittisaa Israa'el ammoo Ahimad ''miseensa damee waraanaa Hamaasfii shororkeessaa dha,'' jechuun isa himate.

    Ministeerri Fayyaa Gaazaa Hamaasiifi Israa'el Onkololeessa darbe waliigaltee dhukaasa dhaabuu erga raawwataniin as haleellaa Israa'el geggeessaa jirtuun namoonni 1,007 ajjeefamu ibseera.

    Ajaziiraan Sambata kaleessaa duuti Ahimad ''seeraafi dambii idil-addunyaa hunda kan sarbu, tarkaanfii ifaa tahe dha. Akkasumas gaazexeessitoota irratti xiyyeeffachuun sagalee dhugaa dhaamsuuf tarsiimoo fuulduratti qabame akeeka,''jedheera.

    Waraanni Israa'el gama biraan Ahimad yeroo dhihoon asitti haleellaa isnaayiipparii Israa'el irratti raawwatamuuf karoora bahu irratti hirmaachuusaaf ragaa waan jedhe dhiyeesseera.

    Akka hospitaalli jedhutti iddoo Bureejii jedhamu fi kaampiin baqattootaa jiru keessatti haleellaa raawwateen namoonni biroo lama ajjeefamaniiru.

    Waraanni Israa'el namoonni ajjeefaman biroo miseensota Hamaasi dha jedhe.

    Obboleessi gaazexeessaa Aljaziiraa Ahimad Wishaah Mohammadis haleellaa raawwatameen Ebla darbe lubbuu dhabe.

    Israa'eliifi Hamaas waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsuun wal himatu.

  3. US fi Iraan Siwiizarlaanditti marii eegaluufi Teehraan Ulaan Hormuuz akkuma cufametti tura jette

    Sababa Israa'el Libaanos haleelaa jirtuuf waraanni Iraan Ulaan Hormuuz cufamee tura otoo jettuu mariin kallattii Ameerikaa fi Iraan Siwiizarlaanditti eegaluufi.

    Waraanni Ameerikaa garuu waan Iraan jettu kana faallessuun ''doonii keessa yaa'aa jira,'' jedhe. Iraan Ulaan Hormuuz kan cufame waliigaltee Iraaniifi US keessatti Israa'el Libaanos akka hin haleelle waan jedhu gatii sarbameefi jetti.

    Pireezidantiin Ittaanaa Ameerikaa JD Vaans Dilbata ganama Siwiizarlaand qaqqabe. Mariin marsaa haaraa har'a guyyaa akka eegalu eegama.

    Af-yaa'ii paarlaamaa Iraan Mohaammad Baahir Gaaliibaafi Ministara Hajaa Alaa Iraan Abaas Araachii dabalatee jilli Iraanis Sambata Siwiizarlaand galan.

    Qondaaloti biyyoota lameenii Ministara Mummee Paakistaan Sheebaz Shariif fi hogganaa humna waraanaa biyyattii Fiild Maarshaal Asiim Muniir dabalachuun mariif taa'u.

    Paakistaan akka lola kana mariisisaa jirtutti kan himattuu yoo tahu mariin marsaa duraa biyyoota lameenis Islaamaabaaditti adeemsifame.

    JD Vaans ''dhimma niwkilaaraa irratti'' jijjiramni ni jiraata akkasumas ''dhukaasa dhaabuu Libaanos irratti,'' jedhe.

  4. Ashamaa! Akkam bultan?

    Marii Iraanfi Ameerikaa har'a eegalu dabalatee dhimmoota addunyaafi biyyi itti jiran jala jalaan isin biraan gahuu eegalle.

    Nu faana bu'aa!

  5. Qabxiilee 14 waliigaltee waraana dgaabuu US fi Iraan keessatti hammataman

    US fi Iraan dhukaasa dhaabuun akka itti fufu waliif mallatteessuu Waayit Haawus BBCf mirkaneesseera.

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp waliigaltee Ulaa Hormuuz bansiisuu danda'a jedhamee abadatamu kana wayita Faransaay, Evian-les-Bains keessatti kora G7 hirmaataa ture mallatteesseera.

    Waliigaltee Walhubannoo jedhamuun kan beekamu dokumantiin qophaa'e kun qabxiilee 14 hammateera.

    Iraan gonkumaa nukilara qabaachuu akka hin dandeenye, maallaqi ''biyyattii deebisanii ijaaruu fi diinagdee ishee dandamachiisuuf oolu,'' doolaara biiliyoona 300 gadhiisuu- kanneen jedhan qabxiilee ijoo waliigaltee kana keessatti hammatamaniidha.

    Waliigalteen kun US-Israa'el fi Iraan waraana walirratti bananii ji'oota afur booda irra ga'ame.

    Tiraamp waliigalteen kun ''kan hojiin mul'atu'' ta'uu qaba jedhe, Iraan yoo qabxiilee eeraman qabatamaan hojiirra oolchuurratti kutannoo agarsiiste qofa akka fayyadamtus ibse.

    Bal'inni waliigaltee kanaa wantoota gaaffii ta'an fi dhimmoota hin furamin hedduu of keessaa qaba.

  6. Iraan Ulaa Hormuuz cufuu ragaan hin jiru - Pirezidantii Ittaanaa US

    Humni waraanaa Iraan sababa US fi Israa'el waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsaniif Ulaa Hormuuz cufateera waan ta'eef garasitti hin siqiinaa jechuun akeekkachiiseera.

    Haata'u malee Pirezidantiin Ittaanaa US JD Vaans ammoo Iraan Ulaa Hormuuz cufuu ragaan agarsiisu hin jiru jechuun, guutummaatti banaadha jedhe.

    "Iraan Ulaa Hormuuz deebistee cufuu ragaa agarsiisu argaa hin jiruu," jedhe Vaans.

    "Kaleessa boba'aa barmeela miliyoona 16 karaa Ulaa Hormuuz dhufe arfganneerra. Kanaaf, dooniiwwan karaa sana deemaa akka jiran argita," jedhe itti fufuun.

  7. Amma nu gahe, Iraan Ulaa Hormuuz cufte, US fi Israa'el waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsuun himatte

    Humni waraanaa Iraan sababa Israa'el haleellaa Libaanos keessatti gaggeessitu itti fufteef Ulaa Hormuuz cufuu hime.

    Iraan US fi Israa'el waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsaniiru jechuunis himatte.

    Tarkaanfiin kun erga US fi Iraan jalqaba torban kanaa walitti bu'iinsa dhaabuuf waliigaltee mallatteessanii boodadha.

    Waliigalteen jalqaba torban kanaa US fi Iraan mallatteessan kun waraanicha dhaabuufhaaf kan barbaachisu qabxiiwwan ijoo 14 of keessaa qaba.

    Ulaan Hormuuz karaa galaanaa boba'an qulqullaa'e addunyaa %20 ta'u darbu murteessaa ta'edha.

    Odeeffannoo dabalataa kana waliin deeman:

  8. Dursaan taphattoota Morookoo Ashiraaf Hakiimii himannaa gudeeddiin mana murtiittti dhiyaachufi

    Dursaa garee kubbaa miilaa Morookoo kan ta'e Ashiraaf Hakiimii himanni gudeddii irratti banamee mana murtiitti dhiyaachufi.

    Yeroo ammaa garee biyyaalessaa Morookoo waliin Waancaa Addunyaarratti hirmaataa kan jiru taphataan PSG Hakiimiin, dubartii gudeedduun himanni irratti banamee mana murtii Faransaayitti dhiyaachuuf beellama eeggataa jiraachun himame.

    Dubartiin tokko bara 2023 Hakiimiin manasaa magaalaa Paarisitti argamu keessatti akka ishee gudeede himatte.

    Poolisiin bara 2023 irraa eegalee qorannoo gaggeessaa turuun mana murtiitti himanni gudeeddii Hakiimii irratti baname.

    Himannaan kun akka irraa ka'uufi yakka kana keessaa harka akka hin qabne iyyatus, manni murtii iyyatasaa kufaa gochuun mana murtiitti akka dhiyaatu ajaja dabarseera.

    Ashiraaf Hakiimii, "Waggootaf callisuun filadhe. Kabaja ofii eeggatanii jiraachuu, obsuufi sirna haqaatti amanuun murteen sirriin akka kennamu akka taasisun amana ture.

    "Amma garuu himanni yakkaa ani keessaa harka hin qabne maatii koo, jireenya, hundumaa caala ammoo dhugaa faalu anarratti deemaa jira. Yeroo tokko tokko salphaatti nama saaxilmaa akkan ta'etu natti dhagahama," jechuun fuula miidiyaa irratti barreesse.

    Dhaddacha kana eegaa akka jiruufi achirrattis dhugaasaa akka falmatu ibse Ashiraaf Hakiimii.

  9. Tiraamp xayyaara qaalii kennaadhaan Kaatar irraa argate akka ittiin imalu ifa godhe

    Doonaald Tiraamp xayyaara gatiin qaalii Boeing 747-8 bara darbe Kaataar kennaadhaan laatteef ittiin imaluuf qophii ta'uu beeksise.

    Xayyaara dolaara miliyeena 400 baasa jedhameefi Kaataar irraa kennaan argate kana waraanni Ameerikaa sirreeffama barbaachisu hunda gochuun balaliif qophii ta'uu Tiraamp ibse.

    "Xayyaarichi Waayit Haawus qilleensarraa ta'ee akka tajaajilutti sirreeffameera," jedhe haasaa buufata humna qilleensaa Andiriiwutti argamuun haasaa taasiseen.

    Humni Qilleensaa US ibsa baaseen xayyaaricha osoo pirezidaantiin Ameerikaa ittiin imaluu hin eegalin dura sirreeffama irratti taasifame akka hojjatu sirriitti mirkaneessuuf balaliin yaalii akka gaggeeffamu beeksise.

    Sirreeffamni xayyaara Pirezidaantiin Ameerikaa ittiin imala jedhame kanarratti taasifame, meeshaalee qunnamtii odeeffannoo, nageenyaa, meeshaalee qunnamtii ergama addaa, deeggarsa loojistikii, fi teeknolojii ammayyaa fa'aa akka ta'e ibse humni qilleensa biyyattii.

    Bara 2025 Pirezidaant Tiraamp yeroo daawwannaa biyyoota Baha Giddugalaatti taasisaa turetti, mootummaa Kaataar irraa xayyaara qaalii Boeing 747-8 kennaadhaan Tiraampif kennee ture.

    Tiraamp kennaa qaalii akkasii mootummaa biyya tokkoorraa fudhachuu hin qabu, fayidaa biyyaalessaa yaaddoo keessa galcha jechuun deeggartoota Tiraamp dabalatee qeeqni irratti ka'aa ture.

  10. Karaawwan shan waliigalteen nagaa Iraan dhiibbaa siifi maallaqa keerratti qabaachuu danda'u

    Waraanni Iraan Guraandhala darbe dhohe diinagdee addunyaa akka malee raasee ture.

    Naannoon Baha Jiddu-galeessaa boba'aa addunyaa fi dhiyeessii gaaziii keessatti bakka qooda olaanaa qabuudha. Karaa murteessaa oomishawwan boba'aa kan ture, Ulaan Hormuuz cufamuun gatii boba'aa samiin tuqe.

    Waxabajjii 18 Iraanii fi US waliigaltee waraanaa dhaabuu mallatteessan. Ulaan kunis akka banamu waliigalan.

    Haa ta'uu malee mariin dhimmoota ijoo akka sagantaa nukilarii Iraan ilaallataniif guyyoota 60f harka keessa qabatameera. Kun waliigalteen kun hagamiif tura gaaffii jedhu kaasee jira.

    Karaaleen shan akkaataa waliigalteen kun jireenya kee guyyaa guyyaa irratti dhiibbaa qabaachuu danda'u kunooti:

  11. US fi Iraan qaaman wal-arganii marii jalqabuuf jila gara Siwizarlaanditti ergan

    USfi Iraan waliigaltee wal-hubannoo erga walii mallatteessanii booda qaaman wal-arganii marii jalqabuuf jilasaanii Siwizarlaanditti erganiiru.

    US bakka bu'uun maricharratti kan hirmaatu ergamaa addaa Tiraamp Istiiv Wiitkoof yoo ta'u, jilli Iraan ammoo Ministiira Dhimma Alaa biyyattii kan ta'an Abbaas Araagchiin akka durfamu Rooyitars gabaase.

    Israa'elifi Hezbollaan dhukaasa dhaabuuf waliigaluunsaanii ammoo Iraan akka onnattu ishee gargaarera; sababni isaa Libaanosittis waraanni akka dhaabatuuf ajandaan isheen qaama waliigaltee waliin mallatteessitee gootee dhiyeessite waan milkaa'eef.

    USfi Iraan waliigaltee wal-hubannoo kan mallatteessan dhimmoota ijoo akka nikulara Iraan guyyoota 60 keessatti mariyatanii waliigaltee dhumaarra gahuufi.

    Israa'el qaama waliigaltee US-Iraan ta'uu dhabuufi waliigalteen Tiraamp mallatteessi fedhiishee bu'uuraa kan hin eegnedha jedhamaa jiru.

    Waliigalteen kun akka danqamuufi Netaaniyaahuun karoora qabaachuusaa gabaafamaa jira.

  12. Ashamaa!

    Tamsaasi kallattii BBC Afaan Oromoo keenya har'aa eegaleera!

    Iraanifi US waliigaltee wal-hubannoo erga walii mallatteessanii booda qaaman wal-arganii mariyachuuf jila marii gara Siwizarlaaditti ergaa jiru.

    Israa'elifi Hezbollaan dhukaasa dhaabuuf waliigalanis, haleellaan Libaanositti gaggeeffamu hin dhaabbanne.

    Odeeffannoo biyya keessafi idiladdunyaa isin biraan geenya.

    Odeesaalee keenya karaa Marsariitii, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas argachuu dandeessu.

    Dhiyaadhaa!