Tigraayitti dirqamaan waraanaaf guuramuu: Dargaggootni naannichaa baqachuu fi dhokachuuf dirqaman

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Dirqamni waraanaaf guuramuu Tigraayitti raawwatamaa jiru yaaddoo uumuu isaatiin dargaggoonni hedduun naannicha gadhiisuun naannolee Itoophiyaa birootti baqachaa kan jiran yoo ta'u kaan ammoo naannichuma keessatti dhokatanii akka jiran dubbatu.

Naannichatti sababa dargaggoonni waraanaaf adamsaman kanaaf sochiin danqamee akka jiru kan himan jiraattonni sodaan guddaan uumamuus himu.

Dirqiin waraanaaf adamsuu kana jiraattotni fi dhaabbileen mirga namoomaa balaaleffachaa kan jiran yoo ta'u, TPLF hojiin waraanaaf dargaggoota guuruu kun fedhiidhaan kan raawwatamu dha jechuun haaluu isaa Ejensiin Oduu Faransaay (AFP) gabaaseera.

Akka gabaasa AFP'tti, dirqiin waraanaaf guuruun kun dargaggoota sirna awwaalchaa irratti argaman dabalatee bakka hedduutti raawwatamaa jira, warri qabamanis dirqamaan gara kaampiiwwan leenjiitti geeffamu.

Dhalataan naannichaa umrii 20'moota keessa kan jiru, dargaggeessi maqaan isaa Abeel jedhamu madda oduu kanatti akka himetti, "tasa marfamnee fudhatamne" jechuun dirqiin qabamee akka turee fi eegdotaaf maallaqa kaffalee erga gadhiifamee booda dhokatee akka jiru ibseera.

Erga bulchiinsi yeroo naannoo Tigraay kan waliigaltee nageenyaa Preetoriyaatiin hundaa'e diigamee, manni maree waraana dura ture gara aangotti deebi'ee fi hogganaan TPLF bulchiinsa naannichaa dhuunfateen booda, muddamni mootummaa federaalaa waliin jiru hammaataa dhufeera.

Kana hordofee boordii filannootiin beekkamtiin isaa kan jalaa mulqame hoggantoonni TPLF dirqama waraanaa babal'aa raawwachaa akka jiru gabaasaaleen bahaa jiru.

Sababa kanaanis waraanni deebi'ee naannichatti dhalachuu danda'a yaaddoon jedhu kan uumame yoo ta'u, biyyoonni fi dhaabbileen tarkaanfii muddama hammeessurraa akka of qusatan waamicha dhiyeessaniiru.

Gareen mirga namoomaa Ethiopian First jedhamu "guutuu Tigraayitti dirqiin waraanaaf dargaggoota guuruun" raawwatamaa akka jiru mallattooleen mul'isan akka jiran AFP'tti himeera.

Dhaabbanni mirga namootaa kun waajjira isaa kan Kaaba Tigraay keessatti argamu yeroo banu, dhimma muddama deemaa jiruu irratti namoota ijaan agan 27 af-gaaffii taasiseera; kanneen keessas Gabree kan ji'a Bitootessa darbe qabame ni argama.

Gabreen akkaataa itti qabamee yoo ibsu foddaan utaalee akka miliqe himuun, "gara waraanaatti akka seenne nutti himaa turan" jechuun, yeroo ammaa kana mucaa isaa waggaa shanii irraa adda ba'ee dhokatee akka jiru dubbateera.

Gara Finfinneetti kan baqate namni waggaa 36 Kinfeen immoo, Tigraay keessatti dirqamaan loltoota guuruun waan haaraa dhalate osoo hin taane, kanaan duras kan ture ta'uu isaa ibseera.

Waraana dhiyoo kana gaggeeffame irratti miseensonni TPLF mana irra deemuun, maatiin hundi yoo xiqqaate mucaa tokko waraanaaf kennuu fi dhiisuu isaa akka sakatta'an, kun ta'uu baannaan garuu maatiin akka dirqisiifaman gabaaseera.

Yeroo ammaa muddama deemaa jiruun humnoonni TPLF daandiiwwan cufuun, dargaggoota dhiheenya dhokatan dhaabsiisanii qabuun iddoo tokkotti walitti qabanii gara kaampii leenjiitti akka geessan kanneen ijaan ni dubbatu.

Dirqama kana jalaa baqachuun Finfinnee keessa haala rakkisaa keessa kan jiraatu Alam akka jedhutti, naannoo isaaniitti dirqamni kun kan eegalame gara ji'a tokkoo dura.

Alam, "Jalqaba irratti namoota murasa qofa irratti kan xiyyeeffatu fakkaata ture; suuta suuta garuu dargaggoota hundaa kan dabalatu ta'e" jechuun dubbateera.

Tigraay keessatti bal'inaan kan deemaa jiru hojiin dirqama waraanaa kun baay'inaan "fedhii irratti qofa hundaa'ee" kan raawwatamu ta'uu isaa, dura taa'aa itti-aanaan TPLF Obbo Amaanu'eel Asaffaa AFP'tti himaniiru.

Haa ta'u malee, lammiin Tigraay hundi "naannoo isaa balaa dhabamuu irraa ittisuu waan qabuuf haalonni adda ta'an jiru" jechuun, dirqamaan guuruun sun jiraachuu isaa karaa biraatiin mirkaneessaniiru.

Ji'oota darban keessa Tigraay keessatti dirqamaan waraanaaf raawwatamaa jiru kana ilaalchisee, mootummaan federaalaa hanga ammaatti waan ifatti dubbate hin qabu.

Heerri mootummaa Itoophiyaa hidhaa sababa malee fi dirqamaan waraanaaf guuruu kan kan dhowwu ta'us, naannoon Tigraay kan TPLF'n dursamu dhihoo kana wixinee seeraa dirqamaan waraanaaf guuruu ilaallatu qopheesseera.

Wixineen seeraa bulchiinsi naannichaa dhiyoo kana ifa taasise, lammiin Tigraay umrii fi haalli fayyaa isaa kan hayyamuuf kamiyyuu, waamicha "duula waraanaa" mootummaan naannichaa dhiyeessu fudhatanii hirmaachuuf "dirqama biyyoolessaarratti " akka hirmaatan ajaja.

Wixineen seeraa kun kan ragga'uu fi hojii irra oolu yoo ta'e, dirqamaan loltoota guuruun naannichaa keessatti deemaa jiru caalaatti akka hammaatu yaaddoo uumeera.

Waraana sukkanneessaa waggoota lamaaf gaggeeffame irraa kan hin damdamatin naannoo Tigraay keessatti, ammas waraanni dhalachuu danda'a yaaddoon jedhu jiraattota biratti dhiphina guddaa uumuu isaa ergaawwan miidiyaa hawaasummaa irratti qoodaman ni mul'isu.

Akka AFP jedhutti, jiraattonni naannoo Tigraay baay'een isaanii gocha hoggantoonni naannichaa raawwatanin mufannaa guddaa qabu.

Tigraay keessaa baqatee Finfinnee jiru Kinfeen, hoggantoonni naannichaa "wareegamtoota dagatanii fedha isaanii qofa eeggatu" jechuun, waraana irraa kan fayyadaman "namoota muraasa" gubbaa jiran qofa ta'uu isaa namoonni baay'een akka amanan dubbateera.

"Waraanni ka'uu hin qabu, karaa siyaasaatiin furmaanni barbaadamuu qaba. Rasaasa dhukaasuun homaafuu furmaata hin ta'u" jedheera.

Hoggantoonni TPLF bulchiinsa naannichaa dhuunfachuun booda hariiroon mootummaa federaalaa waliin qaban kan cite yoo ta'u, mootummaan federaalaa fi TPLF waraana banuuf qophaa'aa jiru jechuun wal-himachaa jiru.

Gamtaan Afriikaa muddamni kun yaaddoo itti uume, waraana Tigraay waggaa sadi duraa kan jaarsa ta'ee waliigalteedhaan dhaabsise ergamaa isaa Oluseegun Obaasaanjoo gara Maqaleetti erguun hoggantoota TPLF waliin mari'achiiseera.

Torban kana keessammoo mootummaan Ameerikaa hoggantoota TPLF warra mata-jabeeyyii jedhuunii fi muddamni Kaaba Itoophiyaa keessa jiru akka hin furamne gufuu uuman jedhamanii fi maatiiwwan isaanii irratti uggra viizaa kaawuun tarkaanfii dabalataa akka fudhatu beeksiseera.