Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hojjetaan 'Google' ragaalee keessoo fayyadamee qumaara doolara 1.2 taphatee himatame
Hojjetaan Google odeeffannoo keessoo kaampaanichaa fayyadamee qumaara ykn tirgaa doolaara miliyoona 1.2 baasu Pooliimaarket irratti taphatee to'annoo jala oole.
Namni kun tilmaama irrattidha kan qabsiise ykn 'bet' godhe.
Abbaan Alangaa US, Distiriiktii Kibba Niw Yoork hojjetaa kaampaanii Google ogummaan isaa injiinera tahe Misheel Ispaanyuloo, seera daldalaa cabsuun qumaara taphachaa ture jechuun himate.
Himatamaan kun lammii Xaaliyaanii Iswiizerlaand jiraatu yoo tahu, Roobii kaleessaa to'anno jala oolfamuun Niw Yoorkitti mana murtiittid hiyaateera.
Himatamaan ragaalee kaampaanii Google kana dura beekuu fi qabu fayyadamuun qabsiisee doolaara miliyoona 1.2 mo'ate jedhamuun himatame.
Hojjetaa kaampaanichaa waan tureef ragaalee harka isaa galuu danda'an akka jiran hime. Kaampaaniin Google teessoon isaa Ameerikaa waan taheef himatamaan Ameerikaatti mana murtiitti dhiyaate.
Dubbii himaan Google kaampaanichi ''qaamolee seeraa waliin tahuun dhimmicha qorachaa jira'' jedhe. Hojjetaan kun ammoo hagasitti boqonnaa irra akka turu taasifamuu hime.
Odeeffannoon kaampaanichaa inni fayyadamee tilmaama isaa [bet] qabsiise ragaa hojjetaan kaampaanicha qofti argachuu danda'udha.
Dubbii himaan kaampaanii qumaaraa Pooliimaarket qorannicha irratti abbootii taayitaa waliin wathuun ''itti dhiyeenyaan hojjechaan jira'' jedhe.
Daldalli Bilook Cheenii iftoomina kan qabu, kan bira gahamuu danda'amuu fi kan namoonni gaarii hin taane ashaaraa isaanii irratti dhiisanii deemanidhas'' jedhe dubbii himichi.
Bilookcheeniinmaallaqa dijitaalaa Kiriptookaarensiif hojiirra oolu tahee Pooliimaarket fayyadamudha.
Abbaan Alangaa Waliigalaa US, FBI waliin tahuun hojjetaa Google Ispaanyuloo to'annoo jala oolchan.
Akka gabaasa ABC News'tti wabiidoolaara 2.25 tahuun gadhiifame.
Hojjetaan kun maqaa nama biraa Alfaaraakuun jedhuun taphate. Garuu qumaara karaa kiriptookaarensii taphataa ture kana akkaawontii adda addaa fayyadameera.
Isaan keessaa tokko waraqaa eenyummaa isaa dhugaa Xaaliyaanii fayyadamuun kan banedha jedhe FBI.
Himatamaan kun deebii kenne hin qabu. Garuu akka odeeffannoo oonlaayinii jiru agarsiisutti ogummaa injiineringiin nageenya odeeffannoo irratti waggoota 12'f Google keessa hojjete.
Bara 2024 Pooliimaarket irratti qumaara kana taphachuu kan jalqabe yoo tahu Onkoloolessaa hanga Mudde bara darbeetti qofa bu'aa doolaara miliyoona tokkoo argateera.
Himatamaan kun tilmaamaadha kan qabsiisaa [bet] gochaa ture. Kunis bara 2025 keessa maqaan Google irratti akka malee barbaadamu [search] godhamu kami kan jedhudha.
Innis ragaa Google waan of harkaa qbauuf maqoota akka Bianca Cemsori' fi Donald Tiraamp jedhaman kaa'e.
Yeroo kaampaaniin qumaaraa kun qabxii xiqqaa kenneefii jirutti weellisaa D4vd jedhamus akka baay'ee oonlaayinii maqaan isaa barbaadamu kaa'e.
Akka manni murtii jedhetti yeroo inni ji'a Sadaasaa keessa maqaan kun akka baay'ee barbaadamu kaa'u weellisaa D4vd jedhamu maal qabatee akka dhufaa jiruu fi yeroo akkamii akka ol ka'u beeka ture jedhe.
Google keessaa ragaa waan qabuuf hagam akka 'serach' tahaa jiru beeka ture jedhe himanni mana murtii.
Weellisaa D4vd jedhamu shamarree tokko ajjeesuun himatamee amma mana murtii jira.