Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US fi Israa'el maaliif pirezidantii duraanii Iraan aangootti fiduu dadhaban?
"Mootummaan jibbamaan kun [Israa'el] daandii badiisattti geessu irra akka jiru beekuu qabdu, yoo Waaqni jedhe ni kufa, waanti badiisarraa oolchus hin jiru.
''Mootummaan kun sadarkaa baduurra gahee jira waan ta'eef yeroo dhiyootti lafarraa ni bada," jedhee ture pirezidaantii duranii Iraan Ahimaddiinijaad.
Dubbiin qeeqa cimaa akkanaa waggootaaf Ahimaddiinijaad irraa dhagahamaa ture. Gaggeessan duranii Iraan kun bara aangorra ture Israa'el cimsanii qeequun beekamu.
Duguuggaa sanyii Waraana Addunyaa 2ffaarratti Yihudootarratti gaggeeffame (Holokast) soba jechuun nama amanu yoo ta'u, Israa'el ammoo biyya "lafa namaarratti ijaaramte" jechuunis qeeqaa ture. Iraan sagantaa gabbisa nikularaa akka itti fuftuuf gaggeessaa cimsee hojjataa tureedha.
Haa ta'u garuu, Niwu Yoork Taayims gabaasa isaa dhiyeenya baase keessatti, USfi Israa'el Iraanirratti waraana gaafa banan waraanichi yeroo xumuramu Ahimaddiinijaad gaggeessaa Iraan akka ta'u karoorsanii ture.
Ahimaddiinijaad hidhaa dhaabbii jala akka tureefi Israa'elifi US halleellaa Iraanirratti yeroo gaggeessan, bakka itti hidhamee jiruu akka miliquuf mooraa sana haleelanis inni miidhamuu gabaase Niwu Yoork Taayims.
Ergasii Ahimaddiinijaad bakka geeffame hin beekamu. USfi Israa'el Ahimaddiinijaad akka aangoo qabatu gochuuf karoorsanii turuu ilaalchisee Ahimaddiinijaadis ta'ee namoonni isaa homaa hin jenne.
USfi Iraan nama Israa'el gar malee mormaa ture maaliif gaggeessaa haaraa Iraan akka ta'uuf filannoo akka godhatan irratti xinxaaltonni USfi Israa'el qeeqa cimaa dhiyeessu.
Diina Israa'el ta'us nama murteessaa turee?
Dhimmi kun hammam belbeltuu akka ta'e hubachuuf yeroo itti Ahimaddiinijaad siyaasa Iraan keessatti baay'ee murteessaa ture haa ilaallu.
Bara 2003 kantiibaa magaala Tehraan ta'uun filame. Waggaa lama booda bara 2005tti deeggarsa gaggeessaa olaanaa duraanii Ayaatolaa Alii Kameenitiin pirezidaantii Iraan ta'uun filame.
Yeroo duula filannoo pirezidaantummaa gaggeessu waa'ee haqaa, wal-qixxummaafi malaammaltummaa irratti xiyyeeffatee akka hojjatu ibsaa ture. Erga aangoo qabateen booda garuu waa'ee Israa'el, USfi duguuggaa sanyii Waraana Addunyaa 2ffaa irratti Yihudoota irratti raawwatamee haaluu isaatiin addunyaarratti gurra horataa deeme.
Bara 2005, Konfiransii Addunyaa Zayaanizimiin Keessa hin Jirre (World Without Zionism) jedhu magaalaa Tehraanitti gaggeeffame irratti argamuun addunyaan "Zaayaanizimiifi US keessa hin jirre milkeessuun ni danda'ama" jechuun dubbachuunaa ijoo dubbii isa taasisee ture.
Waggaa tokko booda bata 2006tti achuma magaalaa Tehraan keessatti korri falmisiisaa ta'e International Conference to Review the Global Vision of the Holocaust jedhamu kan beektonni duguuggaan sanyii Yihudootarratti gaggeeffamuu haalan irratti hirmaatan gaggeeffamuun addunyaarratti mormii guddaa kaase.
Waggoota booda, qondaalonnifi xinxaaltonni Israael Ahimaddiinijaad duguuggaan sanyii Yuhidootarratti dalagamuu haalufi sodaachisa garaa garaa Israa'el irratti dubbachuunsaa hojii manaa Israa'eliif akka hojjatetti dubbachuu eegalan.
Bara 2008 keessa daayireektara duraanii Mossad kan ture Efraayim Haleevii gaggeessaan duraanii Iraan kana "kennaa guddaa Israa'eliif kenname" jechuun ibsee ture.
Sababni ammoo yaaddoon Iraan Israa'el irratti gaggeessitu dhugaa ta'uusaa Ahimaddiinijaad ifatti addunyaatti beeksisuu isaati.
Ahimaddiinijaad aangorraa erga bu'ee booda yaada jijjiirratee?
Erga bara 2013tti aangoo pirezidaantummaa Iraan gadi dhiiseen booda, gaggeessaa olaanaa duraanii Ayaatolaa Alii Kameenii dabalatee qondaalota biyyattiifi Humnoota Eegdota Warraaqsa Islaamaa (IRGC) waliin walitti bu'uu akka eegaletu himama.
Ergasii marsaa heddu filannoo pirezidaantummaarratti akka hin hirmaanneef ittifamaa ture.
Yeroo aangorra ture Ahimaddiinijaad qeeqa Israa'elifi US irratti baay'isaa kan ture beekamtii qabuufi carraa argatetti fayyadamuurraa kan ka'e ta'uu himu xinxaaltonni.
Erga aangorraa bu'ee garuu Ahimaddiinijaad ilaalcha yaada isaa jijjiirrachuu fakkaatu miidiyaa hawaasaa irratti barreessaa ture.
Fuula X irratti garee kubbaa miilaa Yuunivarsiitii Mishiganiin "baga gammaddan" jedhee barreesse.
Pirezidaant Tiraamp "malaammaltummaa siyaasaa Ameerikaa keessatti hanqisuuf hojjachaa jira" jechuun jajee barreessera.
Shakkii xinxaaltonni US Ahimaddiinijaad irraa qaban
Xinxaaltonni US sadi BBCtti dubbatan Ahimaddiinijaad aangotti deebisuuf karoora ture ija shakkiin ilaalu.
Yuunivarsiitii Noorzistarnitti pirofeesara saayinsii siyaasaa kan ta'an Maaks Abrahaams Ahimaddiinijaad aangotti fiduuf ture oduun jedhu oduu dhaadheffame akka ta'eefi keessumaa Israa'el nama kana akka hin fudhanne ibsu.
Sababni ammoo Ahimaddiinijaad nama Yihudootarratti yakki duguuggaa sanyii "hin gaggeeffamne" jedhee amanu waan ta'eefi.
American Foreign Policy Council irraa kan ta'an Ameelaan Bermaan ammoo karoorri USfi Israa'el mootummaa Iraan erga kuffisanii booda gaggeessaa duraanii biyyattii Ahimaddiinijaad aangotti deebisuuf ture jedhu waan dhugaarraa fagaatedha jedhu.
Sababni isaan dhiyeessan ammoo gaggeessaan duraanii Iraan kun filannoo sirrii miti jedhanii amanu.
Dhaabbata American Enterprise Institute irraa kan ta'an Mikeel Ruubiin karoora USfi Israa'el qabatanii ka'an "yaada gaarii" ta'uu ibsuun, Ahimaddiinijaad gaggeessaa Iraan akka ta'uuf karoosuu isaanii Niwu Yoork Taayims gabaasi dhiyeesse maddeen amanamoo irratti hundaa'uun ta'uu ibsu.
Niwuyoork Taayims oduu USfi Israa'el Iranirratti haleellaa gaafa banan mootummaa Iraan kuffisuun gaggeesaa duraanii Ahimaddiinijaad aangoo akka qabatu gochuuf turuu isaanii maddeen amanamoo USfi Israa'el irraa odeeffachuun gabaasuu isaa fuula X irratti barreesse.
Yaadota Israa'el keessaa ka'an
Xinxaaltonni nageenyaa Israa'el tokko tokko senaariyoon akkasii [Ahimaddiinijaad aangotti deebisuu] waa'ee ilaalcha Israa'el Iraaniif qabduu maal akka agasriisu irratti xiyyeeffatu.
Dhaabbata National Security Studies irraa kan ta'an Daanii Citirinowiicz Ahimaddiinijaad aangotti deebisuun siyaasa Iraan bu'uura irraa hubachuu dhabuurraa kan madde akka ta'e fuula X irratti barreessan.
Ahimaddiinijaad siyaasa Iraan keessa nama bu'uura cimaa irratti hirkatu kan hin qabneefi Humnoota Eegdota Warraaqsaa Islaamaa irraa deeggarsa hin qabne ta'u ibsu xinxaalan Israa'el kun.
Xinxaalaa dhimma nageenyaa Israa'el buleessa kan ta'an Yoosii Meelmaan ammoo Israa'elifi US Ahimaddiinijaad aangoo akka qabatu gochuuf yaaduunsaanii kallattii hedduun "maraatummaa kan agarsiisudha" jechuun X irratti barreessan.
Iraan keessatti jijjiiramni mootummaa akka dhufu yoo barbaadame humnoota dhiibaman biyyattii keessa jiran gargaaruun yoo ta'e malee haleellaa qilleensarraan qofa mootummaa jijjiiranii Ahimaddiinijaad aangotti deebisuun USfi Israa'el "addunyaa abjuu keessa jiraachuusaanii namatti agarsiisa" jedhu.
Ahimaddiinijaad maaliif deebi'ee akka aangoo qabatu yaadame?
Ofii Ahimaddiinijaad erga aangorraa bu'ee waggoota heddu booda deebi'ee maqaansaa maaliif ka'e?
Deebiinsaa amaloota sadi inni qabu waliin walqabata: beekamtii, muuxannoo keessoo siyaasa Iraanifi fageenya gaggeessaa olaanaa [Ayaatolaa] irraa qabuudha.
Ahimaddiinijaad siyaasa Iraan keessatti nama beekamaafi muuxannoo mootummaa gaggeessuu nama qabuudha.
Jireenyafi fedhii hawaasa biyyattii itti dhiyeenyaan nama beekufi mala siyaasni Rippaabilika Islaamaa Iraan ittiin gaggeeffamu bareechee nama beekudha jedhamee amanama.
Bifuma wal-fakkaatuun Ayaatolaa Alii Kameenii walii walitti bu'iinsa qabaachuu isaati.
Xinxaaltonni tarsiimoo biyyoota alaa ammoo haala Ahimaddiinijaad keessa ture kana yeroo rakkoon siyaasaa mudatu nama murteessaa itti fayyadamuun danda'amu ta'uusaa akka yaada gorsaatti dhiyeessuunsaanii waan hin oolledha.
Ahimaddiinijaad siyaasa Iraan keessatti nama beekamtii qabu ta'ee dhiibamuunsaa, qaama alaaf akka michuutti osoo hin taane akka gaggeessaa yeroo muraasatti itti fayyadamuun gaarii akka ta'etti ilaalama.
Kunis caasaa siyaasa biyyattii keessatti gargar cabiinsafi qoodinsa uumuuf haala mijataa uuma waan ta'eef.