Waraana Yukireeniin loltoonni Raashiyaa 500,000 du'aniiru - Tajaajila Tikaa Biriitiish
Erga Moskoon bara 2022 Yukireen weerartee loltoonni Raashiyaa 500,000 tahan du'uu Ejansiin Tikaa guddichi Biriitiish ibse.
Lakkoofsa kana kan ibse hoggantuu Dhaabbata Koominikeeshinii Mootummaa Biriiteen Aan Kiist Batileer dha.
Moskoo fi Kiiv yeroo garaagaraatti gama faallaan namni meeqi akka ajjeefame ibsaa bahan, garuu ibsa bal'aa hin kennine.
Guraandhala darbe garuu Pireezidantiin Yukireen Voloodmiir Zeleenskii bara 2022 irraa qabee loltoonni 55,000 ajjeefamaniiru jedheera.
Miidiyaalee walabaa waliin tahuun BBC'n waraana kanaan loltoota Raashiyaa keessatti du'an bara 2022 irraa qabee galmeessaa turan.
Tarree maqaa loltoota ajjeefamanii gabaasota ifattii miidiyaalee hawaasaa, gaazexaafi awwaalcha irraa kan funaanamni dha.
Hamma ammaa BBC'n loltoonni 223,539 Yukireen keessatti otoo Raashiyaaf lolanii du'an mirkaneessuu danda'eera.
Haa tahu malee loltoonni waraana kanaan du'an lakkoofsi caalu akka danda'u ogeeyyiin waraanaa ni himu.