Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaan itti makamuuf kan jirtu Baankiin BRICS 'Niiw Develoopment Baank' maali?
Manni maree Ministirootaa Itoophiyaa baankii BRICS 'Niiw Develoopment Baank'tti makamuuf wixinee labsii hundeeffamaa Waxabajjii 19, 2018 ALI raggaaseera.
Manni marichaa marii torbee darbe tolcheen, faayinaansii misooma biyyaalessaa, deeggarsa misoomawwan bu'uuraa fi filannoo maddeen faayinaansii barbaaduutti waan amaneef miseensummaa kana mirkaneessuu Waajjirri Ministira Muummee beeksiseera.
Waliigaltee hundeeffama baankichaa akka raggaasisus Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataaf qajeelcheera.
Gaazexaan Rippoortar akka gabaasetti Itoophiyaan miseensa baankii BRICS ta'uuf qooda Aksiyoonaa 2,945 ta'an ni bitatti.
Waliigalaan biyyattiin sheerii dolaara miliyoona 294.5 akka bittu Rippoortar labsichaa fi sanadoota kaan wabeeffachuun gabaase.
BBC'n akka mirkaneeffatetti aksiyoonaa fi kaappitaalaa baankichaa keessaa Itoophiyaan gahee 1% gadii qabaatti.
Bara 2007 miseensota garee biyyoota BRICS'iin kan hundeeffame 'Niiw Develoopment Baank' ijaarsawwan misoomawwan bu'uuraa fi misooma waaraaf leeccalloo walitti qabuun galma isaa akka ta'e websaayitii isaarratti ibsameera.
Biyyoota miseensota BRICS kan ta'an Biraaziil, Raashiyaa, Hindii, Chaayinaa fi Afrikaa Kibbaatiin kan hundaaye baankiin kun, hanqina dhiyeessii maallaqaa fi garaagarummaa biyyoota guddataa jiran jidduu jiru furuuf akka 'si'eessituutti' of ilaala.
Sheerii aksiyoonaa miliyoona kan qabu baankiin kun tokkoon tokkoon sheerii isaa immoo dolaara kuma 100tti gurguramu.
Biraaziil, Raashiyaa, Hindii, Chaayinaa fi Afrikaan Kibbaa tokkoo tokkoon isaanii gahee (sheerii) 18.72% qabu.
Biyyoonni erga dhiyoo BRICS seenan sahan immoo sheerii 6% qofa qabu
Biyyoota miseensa ta'anii qaamolee dhimmi ilaallatu waliin akka hojjetu kan ibsu baankichi misooma diinagdee saffisiisuufi guddina naannoo fi hawaasummaa biyyoota miseensota BRICS fooyyessuuf kaappitaala misoomaaf oolu akka dhiyeessu ni ibsa.
Baankiin kun duraan "Baankii Misoomaa BRICS ykn (BRICS Development Bank) jedhamuun beekama ture. Waajjirri isaa guddaan magaalaa Shaangaay, Chaayinaa keessatti argama.
Baankichi pirezidaantii duraanii Braaziilii fi ogeettii diInagdee kan taate Diilmaa Ruseefiin kan hogganamuudha.
Qaamni olaanaan baankichaa Boordii Bulchitootaa (Board of Governors) dha.
Boordiin kun aangoo olaanaa dhimma baankichaa irratti kan qabu yoo ta'u, biyyoota miseensa ta'an hunda irraa miseensi dhaabbataa fi bakka bu'aan yeroo ni muudamu
Akka odeeffannoon marsariitii baankichaa ibsutti, miseensonni boordii kun irra caalaan isaanii Ministiroota Maallaqaa biyyoota isaanii ykn qondaaltota dhimmi ilaallatu biroo ta'uu ibsameera.
Boordii Bulchitootaa jalatti Boordiin Daarektarootaa (Board of Directors) ni jira.
Innis hojii guutuu baankichaa to'achuu fi hogganuuf itti gaafatamummaa qaba.
Biyyoonni miseensa ta'an hundi Daarektara tokko fi Daarektara bakka-bu'aa tokko ni muuddatu.
Pirezidaantiin baankichaa miseensa Boordii Daarektarootaa ta'us, yeroo sagaleen wal qixxaate qofa sagalee murteessaa kennuu danda'a, yeroo biraa sagalee hin qabu.
BRICS bara 2024 keessatti Itoophiyaa dabalatee biyyoota hedduu miseensa taasisuun lakkoofsa miseensotaa isaa shan irraa gara kudha tokkootti guddisuun ni beekama.
Bara 2023 irraa eegalee biyyoonni haaraa 'Niiw Develoopment Baank' keessatti miseensa ta'an keessaa Itoophiyaa, Masrii, Gamtaa Emireetota Arabaa, Aljeeriyaa, Baanglaadeeshii fi Uzbekistaan faa keessatti ni argamu.
Boordiin Bulchitootaa Baankii Misooma kanaa Itoophiyaa dabalatee biyyootni afur baankicha keessatti akka miseensa ta'an eeyyameera.
Biyyoonni kunneemn maallaqa gahee isaanii kaffaluu qaban erga kaffalanii booda ifatti miseensa guutuu ta'u.
Akka gaazexaan 'Reporter' gabaasetti, Itoophiyaan gahee aksiyoonaa bitachuuf karoorfatte keessaa dhibbeentaa 20 jechuun doolaara Ameerikaa miiliyoona 58.9 dura ni kaffalti, kan hafe ammoo waggoota 13 keessatti suuta suuta kaffalti.
Baankichi dameewwan akka geejjibaa, humna haaromfamuu danda'u, bishaanii fi misooma hawaasummaa kan akka ijaarsa mana jireenyaa irratti hojii misoomaa deeggaruuf liqii akka kennu marsariitii isaa irratti ibseera.
Dhiheenya kana pirojektii baabura imaltootaa Afrikaa Kibbaa tokkoof liqii doolaara biiliyoona 1 kan eeyyame yoo ta'u, akkasumas ji'oota muraasa dura pirojektii mana jireenyaa Hinditti ijaaruuf liqii doolaara miiliyoona 75 raggaasiseera.
Itoophiyaatti sirna liqii baankichaa keessatti dameewwan qonnaa, humnaa fi industirii dursa akka argatan, akkasumas pirojektoonni jijjiirama qilleensaa fi humna haaromfamuu danda'u irratti xiyyeeffannoo addaa akka argatan gabaafameera.
Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa marsaa jahaffaa, miseensummaa Baankii Misooma haaraa raggaasisuuf dhiyaate irratti murteessuuf qophaa'e, yeroo aangoo isaa xumuree Waxabajjii 30, 2018 ALI YKN Adoolessa 7, 2026 irratti hojii isaa ni xumura.
Manni marichaa Kibxata, Waxabajjii 29, 2018tti walga'ii idilee fi isa dhumaa gaggeessu irratti murtii miseensummaa baankichaa raggaasisa jedhamee eegama.