Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Haleellaa lammaffaa Raashiyaan Kiiv irratti gaggeesiteen namoonni 11 ajjeefaman

Haleellaa marsaa lamaan halkan kaleessaa Raashiyaan magaalaa Yuukireen Kiiv irratti gaggeesiteen namoonni 11 ajjeefaman.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Iraan ammallee daandii kabajaa, guddinaa fi ulfinaa irra dhufte hordofti- Pirezidantii

    Pirezidantiin Iraan Masuud Pezeshkiyaan uummanni Iraan ''daandii ulfinaa, guddinaa fi kabajaa kaleessa irra turte har'as, fuuldurattis hordofti,'' jedhan.

    Wayita sirni gaggeessaa hoogganaa olaanaa duraanii Iraan Alii Kaameenii gaggeeffamaa jirutti yaadasaanii X irratti kan barreessan pirezidatichi, ''Hoogganaa Olaanaa Ayaatollaa Alii Kaameenii qabeenyi guddaan Iraan uummataa fi tokkummaa ta'uu hunda keenya barsiisaniiru,'' jedhan.

    Sirni gaggeessaa Alii Kaameenii Jimaata darbe eegale torbaniif tura.

    Guyyaan awwaalchaa inni dhumaa Kamisa dhufu yoo ta'u Tehraan dabalatee magaalota biyyattii keessatti sirnoonni gaggeessaa adda addaa ni taasifamu.

    Sirna gaggeessaa har'a Tehraan keessatti taasifamaa jiruun reenfi Alii Kaameenii uummata biyyattii kumaa kitilaan gaddaaf ba'etti agarsiifameera.

    Sirni gaggeessaa hoogganaa duraanii Iraan Wiixata, Adoolessa 6, 2026 magaalaa guddoo biyyattii Tehraan keessatti erga raawwatamee booda Kibxata borii gara Qom geeffama.

    Roobii ammoo gara biyya ollaa Iraan taate Iraaq geeffamuun iddoo amantii (iddoo qulqulluu fi kabaa) keessatti sirni kadhannaa raawwatama.

    Isa booda Kamisa iddoo dhaloota Alii Kaameenii kan taate Mashhad keessatti awwaalchi raawwatama.

    Sirna gaggeessaa kanarratti namoonni hanga miiliyoona 20 ta'an ni argamu jedhanii akka eegan aanga'oonni biyyattii himaniiru.

  2. Tiraamp adabbii kaardii diimaa taphataa Ameerikaa Baaloogun irratti darbe akkamiin kaasise?

    Murtoon FIFA'n tibbana dabarse dorgommii kana irratti taatee hin eegamiin mudatedha.

    Waancaa Addunyaa irratti taphataan tokko kaardii diimaan baanaan tapha itti aanu dhabuun isaa dirqama ture.

    Iyyata homaas hin barbaachisu, waan ilaalamus hin jiraatu.

    Garuu murtoo FIFA'n kaardii diimaa taphataa sarara duraa Ameerikaa Foolaarin Baloguniif kenname akka haqamu murteesse garuu namoota hedduuf gaaffii taheera.

    Tiraamp akkamiin murtoo kana gidduu galuun akka haqamu godhe?

  3. Mojtabaa Kaameenii awwaalcha abbaasaarratti maaliif hin argamne?

    Hoogganaa Olaanaan Iraan Mojtabaa Kaameenii sirna awwaalchaa abbaasaa irraa hafuun Iraaniif gaddarratti gadda dabaleera.

    Aanga'oota olaanoo biyyattii gaggeessaa hoogganaa olaanaa duraanii Iraan Ayaatollaa Alii Kaameenii irratti kumaatamaan argaman keessaa Mojtabaa Kaameenii dhabuun miira gaddaa hamaa uumeera.

    Ijoolleen Alii Kaameenii kaan- Mas'uud, Musxafaa fi Meyisaam sirna gaggeessaa Dilbata, Adoolessa 5, 2026 raawwaterratti Pirezidant Mas'uud Pezeshkiyaan fi hoogganaa Eegdota Warraaqsaa Ahmad Waahiidii waliin argamaniiru.

  4. Ashamaa, Tamsaasa kallattii jalqabneerra

    Tamsaasa kallattii Wiixataa jalqabneerra. Odeessaalee biyya keessaa fi alaa gurguddoo as keessaa argattu.

    Nu hordofaa.