Naayiroobiin Shaampiyoonshiippii Atileetiksii Addunyaa 2029 qopheessuu mo'achuun Afrikaaf seenaa guddaadha- Haayilee Gabresillaasee

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Murtiin shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa bara 2029 Naayiroobiif kennamu erga dhagahamee guutuu Afrikaatti gammachuu guddaa uumeera.

Atileetii jabaan Itoophiyaa, yeroo lamaaf shampiyoonaa Oolompikii fiigicha meetira kuma kudhanii (10,000m) ta'e, Haayilee Gebrasillaasee, Kibxata ganama "oduu dinqisiisaa" jechuun Afrikaa guutuu baga gammaddan jechuun murtoo seena qabeessa kana hordofee ergaa isaa dabarseera.

Pirezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Silashii Sihiin Keeniyaan magaalota gurguddoo waliin dorgomtee mo'achuu isheef ergaa baga gammaddanii dabarseera.

Magaalaan guddoon Keeniyaa, Naayiroobii, magaalaawwan yeroo darbe qopheessitoota Taphoota Oolompikii turan Landan fi Room injifachuun seenaa hojjettee dorgommicha qophessuuf milkoofte.

Dorgommiin kun yeroo jalqabaaf Afrikaatti qophaa'uuf jedha.

Waggoota sadii keessatti Istaadiyeemii Kasaraanii kan namoota kuma 48 simachuu danda'u keessatti atileetonni addunyaa irratti maqaa gurguddaa qaban wal gahu.

Kun Baha Afrikaatti gammachuu guddaa uumeera.

Atileetiksiin Keeniyaa keessatti jaalala guddaa waan qabuuf, namoonni hedduun yeroo kana atileetiksiin "gara mana isaatti deebi'aa jira" jechuun yaada isaanii ibsaniiru.

'Afrikaaf waan guddaadha'

Juuliyas Yeegoo, darba eeboon shampiyoonaa addunyaa bara 2015 tahe, injifannoon mootummaa qopheessummaa kana argachuun "Afrikaadhaaf waan guddaa" jedhe.

Atileetiin umurii waggaa 37 qabu BBC World Servicetti akka himeetti, "Addunyaan gara Keeniyaa dhufuuf waan ta'eef baay'ee gammadeera'' jedhe.

Afrikaan atileetota filatamoo fi caalmaa qaban hedduu horatteetti; garuu shaampiyoonaa guddaa akkanaa keessaa yeroo kamiyyuu qopheessitee ilaaluuf carraa hin arganne.

Kun wanta namoota gara Afrikaatti fidu dha. Namoonnis Afrikaa sirriitti baruuf isaan gargaara."

Ummanni Keeniyaa jaalala isaanii atileetiksiidhaaf qaban adda.

Qorannoon World Athletics gaggeesse akka agarsiisutti, namoota Keeniyaa keessaa hirmaatan keessaa dhibbeentaan 68% fedhii isaanii ispoortii kana irratti qaban akka olaanaatti madaalaniiru.

Haayilee Gebrasillaasee haalli Istaadiyeemii Kasaraanii keessaa, "baay'ee adda ta'a" jedhe. Istaadiyeemichi amma haaromsa irra jira. Bara 2027 ammoo Waancaa Afrikaa keessummeessa.

"Kun waan baay'ee guddaa dha; uummata kee fuulduratti, magaalaa kee fuulduratti raawwatama.''

Daawwattoonni hedduun gara Naayiroobii balali'uun dhufuu danda'u; namoonni hedduunis atileetota isaanii ni daawwatu.

Wanti kun ajaa'ibsiisaa ta'a. Ani mataan koo illee achitti argamee nan ilaala.

Akkuma kubbaa miilaa keessatti, dirree ofii keessatti taphachuun fi alatti taphachuun garaagarummaa guddaa qabu, kun bara 2029 atileetiksiidhaan injifachuuf Keeniyaaf carraa guddaadha, Itoophiyaaf carraa guddaadha.''

Dhaloota dhufu onnachiisa

Jaaneet Jepkoosgee, kan shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa bara 2007 magaalaa Oosakaatti meetira 800 irratti mo'atte, murtiin kun "baay'ee nama gammachiisa" jechuun dhaloota itti aanan kakaasa jette.

"Kun dargaggootaa fi atileetota ol adeemoof hiika addaa qaba. Sababni isaas abjuu isaanii akka dhugoomsan gargaara'' jette.

''Amma yeroo dargaggoonni fi ol adeemtonni biyya isaanii keessatti moo'achuuf abjuu isaanii milkeessanidha.

Jepkoosgeen, erga dorgommii dhaabdee booda leenjisummaa irratti hojjechaa jirti. Atileetonni mootummaa isaanii keessatti shaampiyoonaa addunyaaf dorgomuu danda'an waan ta'eef, urjiiwwan mootummaa borii akeeka isaanii ifatti akka kaa'an dubbatti.

"Dargaggoota kana waliin abjuu isaanii irratti hojjechaa turre;galma isaanii kaa'aa turre.

Kun iddoo dargaggoonni amma qabnu dandeettii isaanii itti agarsiisanidha.

Sababni isaas waggoota sadii qabna; atileetonni abdachiisoon kun yeroo kana keessatti kutannoon hojjechuun abjuu isaanii milkeessu.''

Ani atileetota koo waliin dubbachaa ture; isaanis 'amma gara qe'ee keenyaatti dhufeera, sarara jalqabaa irratti argamuu qabna' jedhu."

Atileetiin Keeniyaa Ferdiinaand Oomanyaalaa, kan rikardii Afrikaa fiigicha meetira 100 qabatee jiru, yeroo Naayiroobiin Shaampiyoonaa Addunyaa umurii 18 bara 2017 qopheessetti kaka'umsa guddaa argatee ture.

Atileetii umurii waggaa 30 qabu, shaampiyoonaan bara 2029 kun atileetota yeroo ammaa fi dhaloota dhufuufis "jajjabeessuu guddaa" akka ta'u amanama.

"Kun atileetota haaraa guddachaa jiran irratti maal akka hojjetu yaaduun nan danda'a.

Isaan urjiiwwan addunyaa kana hundaa gara biyya isaanii dhufan ni argu; akkasumas isaan qophii dorgommii isaanii akkamitti akka geggeessanii fi akka dorgoman kallattiidhaan ilaaluuf carraa ni qabaatu'' jedhe.

Afrikaan waggoota afran dhufan keessatti taateewwan ispoortii gurguddoo hedduu ni qopheessiti. Isaan keessaa isa jalqabaa Oolompikii Dargaggootaa kan dhufu, magaalaa guddoo Seenegaal Daakaar keessatti Onkoloolessa 31 irraa hanga Sadaasa 13tti gaggeeffamu dha.

Afrikaan Kibbaa, Ziimbaabwee fi Namiibiyaan immoo bara dhufu Waancaa Kiriikeetii Addunyaa ni qopheessu.

Morookon immoo Ispeen fi Poortugaal waliin ta'uun bara 2030 Waancaa Addunyaa qopheessu.