Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Haleellaan Sa'uudii Arabiyaa fi Huutii waraana Baha Giddugaleessaa hammeessaa jira

Sa'uudii Arabiyaan Yaman irratti wayita haleellaa raawwattu, Huutiin ammoo dirooniiwwanii fi misaayeloota gara magaalota Sa'uudiitti dhukaase. Haleellaan garee lamaaniin raawwataa jiru kun waraana Baha Giddugaleessaa daran hammeessaa jira.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp waraanni Iraan 'xumuraamuuf akka jiru' ibsan

    Filannoon walakkessaa Ameerikaattii gaggeefamuuf jiru Pirezdaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp waraana Iraan karaa kamiinuu akka xumuran kan dirqamsiisaa jiru fakkaata.

    Tiraampis waraanichi gara xumurarra gahuu isaa abdii qaban ibsan.

    Akka gabaasaaleen miidiyaa ibsanitti, Tiraamp torban dhufu yaa’ii waliigalaa UN cinatti hoggantoota Galoo Galaanaa waliin wal arguun xumura waraanichaa irratti mari’atu jedhamee eegama.

    Tiraamp sagantaa duula filannoo walakkeessaa Kaaba Kaarolinaatti gaggeeffame irratti ammas Iraan waliigaltee akka barbaaddu dubbataniiru.

    ''Xumura waraanichaatti akka dhihaanne abdiin qaba. Warri Iraanis waliigaltee irra gahuu barbaadu. Akkamitti akka deemnu ni ilaalla'' jedhan.

    Tiraamp irra deddeebiin Iraan waliigaltee barbaaddi jedhanii dubbatanis, ji'oota torban darbe keessatti yaaliin waraanicha karaa waligalteen xumuramuu hanga yoonaa hojirraa hin oolle.

    Lammileen Ameerikaa qaala'iinsa jireenyaa, baasii daballii boba'aa fi taarifa dabalatee sababa cufamuu ulaa Hormuuz kaadhimamaa Rippabilikaanotaa hedduudhaaf qormaata uumaa jira.

  2. Haleellaan Sa'uudii fi Huutii waraana Baha Giddugaleessaa hammeessaa jira

    Sa'uudii Arabiyaan xiyyaaraan Yaman irratti wayita haleellaa raawwattu, Huutiin ammoo dirooniiwwan fi misaayeloota magaalota Sa'uudiitti dhukaaseera.

    Haleellaan Sa'uudii fi hidhattoota Huutii Yaman gidduutti hammaate kun waraana Baha Giddugaleessaa daran babal'isaa jira.

    Haleellaan hammaannaan Ameerikaanis imala gara Sa'uudiitti taasifamu irratti akeekkachiisa cimsiteetti.

    Keessattuu hojjettoonni mootummaa daangaa Yamanitti kiilomeetira 32 dhihaatanii akka hin imalle akeekkachiiste.

    Qubsuma isaanii daran babal'ifataa kan jiran hidhattoonni Huutii Yaman torbee darberraa eegaluun Sa'uudii fi mootummaa Yamanii Sa'uudiin deeggaramu irratti haleellaa raawwataa jiru.

    Magaalaa Sana'aa fi kutaalee kaaba Yaman to'atanii kan jiran Huutiin, allattii kibbaattis socho'uun ulaa Galaana Diimaa akkaan murteessaa ta'e Baab el-Mandab to'ataniiru.

    Kanaanis Afrikaatti baayyee dhihaataniiru. Afrikaatti qofa osoo hin taane buufataalee waraanaa biyyoonni humna qaban naannawa kana keessaa qabanittis siqaniiru.

  3. Yooyyaa!

    Tamsaasa kallattii eegalleerra. Haleellaa Huutii fi Sa'uudii Arabiyaa irratti odeeffannoo jiru akkasumas waraana Baha Giddugaleessaa, dhimmoota addunyaa fi biyya keessaa irratti xiyyeeffachuun odeeffannoo isin biraan geenya.

    Tamsaasa kallattii duraan dhiheessaa turre irraa karaa kanaan odeeffannoo argachuu dandeessu.

    Akkasumas odeessaalee keenya karaa Marsariitii (Website), YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas ni argattu.