Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Sa'ud Arabiyaan diroonii Huutiin itti dhukaase Makkaa cinaatti rukkutte

Humni ittisaa Sa'ud Arabiyaa diroonii Huutiin Yaman irraa itti dhukaase bakka balaliin hin hayyamamne magaalaa qulqulluu Makkaatti dhiyootti itti dhukaasee kuffiisuu beeksise.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Obaamaan du'a sareesaanii dureewwan addunyaa hedduu simattee beeksise

    Pireezidantiin duraanii Ameerikaa Baraak Obaamaa sareen waggoota 13f wajjin jiraatte Saniiy jedhanii maqaa itti baasaan du'uu beeksise.

    Kaleesssa miseensa maatii keenyaa jaallannu dhabne'' jechuun Obaamaan X gubbaa maxxanse.

    Sareen kun manamtuu fi yeroo mara kan isaan waliin turte ta'uus ibse.

    Gosti saree kanaa Portuguese Water Dogs kan jedhamu yeroo ta'u bara pireezidantummaa Obamaa marroo lammataatti bara 2013tti Waayit Haawus galte.

    Saniin aanga'oota addunyaa hedduu simatteetti.

    Saniin akkuma Waayit Haawus seeneen jaalatamtee jedheera Obaamaan.

    Wanta sareensaanii kun jaallattu yeroo ibsu nama waliin fiiguu lafa gangalachuu fi garaanshee sukkuumamuufi akka ta'e barreesse.

  2. Pirezidantiin Komishinii EU wixinee Kaanadaan miseensa guutuu hin taane akka taatu dhiyaate deeggarte

    Pirezidantiin Komishinii Gamtaa Awurooppaa Kaanadaan miseensa guutuu hin taane kan "associate member" jedhamu akka taatu wixinee dhiyaate deeggarte.

    Miseensummaan akkasii yeroo gaafatamu kun kan jalqabaati.

    Ursaal Van der Leyeen Roobii har'aa wayita Paarlaamaa Awurooppaatti dubbattu Kaanadaaf balabala banuun waliin hojjechuu akka barbaaddu himte. Kunis dameewwan murteessoo adda addaarratti waliin akka hojjechuu fedhanis himte.

    MNinistirri Muummee Kaanadaa Maark Kaarneey torban darbe EU waliin hariiroo addaa tokko akka barbaadu himee ture.

    Adeemsi michummaa haaraan kun dhagaahamaa kan jiru hariiroon US fi Kaanadaa sababa gibiraafi kaaniinis hammaa wayita jiruttidha.

    Van der Leyeen maqaa Tiraamp osoo hin dhahiin Kaanadaaf miseensummaa wayii kennuu qaama kamuurratti walta'uu osoo hin taane cimina waloo dabaluudha jette.

    ''Michummaan filannoo tarsiimawaa Awurooppaati'' jechuunis dubbate.

    Ministirri Muummee Kaanadaa yaa'ii Paarlaamaa EU kanarratti kan argame yoo ta'u guyyaa boruu haasaa akka godhu eegama.

    US fi Kaanadaan dhibdee daldalaa isaan gidduu jiru furuuf mariin godhan ji'a darbe fashalaa'uu hordofee amma gibira adda addaa walirratti labsanii jiru.

  3. Chaayinaan mirga Iraan ''eeguuf'' fedhii qabaachuu ibsite

    Roobii har'aa gita isaanii Iraan waliin marii kan taasisan Ministirri Haajaa Alaa Chaayinaa Waang Yii biyyi isaanii mirga Iraan ''eeguuf'' fedhii qabdi jedhan.

    Ministira Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araghchi waliin Beejiingitti marii taasisaniin, “Chaayinaan marii Iraan waliin taasiftu cimsuu fi mirgaa fi dantaa seera qabeessa Iraan eeguuf qophiidha” jedhan.

    Ministirri Haajaa alaa Chaayinaa itti dabaluudhaan, “Iraaniifi Ameerikaan sababa qabeessa akka ta’anii fi akka of qusatan gaafanna” jedhan.

    Preezdaantiin Chaayinaa Shii Jiinping torbee dhufu gara Ameerikaa imaluun preezdaantii Doonaald Tiraamp waliin mari'atu jedhamee eegama.

    Michuu daldalaa Iraan guddittii kan taate Chaayinaan waldhabdee kana tasgabbeessuuf tattaaffii gochaa turteetti.

    Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa ''waldhibdeen qaxanaa sanii gara Yamanii fi Galaana Diimaatti akka ce'u hin barbaannu,'' jedhan.

  4. Afrikaa Kibbaatti dubartoonni saddeet ajjeefamanii argamuun dheekkamsa kaase

    Pireezidantiin Afrikaa Kibbaa Siriil Raamaafoosaa warreen ajjeechaa kana duuba jiran to'achuuf ''dhakaan nuti hin garagalchine hin jiru,'' jedhan.

    Afrikaa Kibbaa naannoo magaalaa Keemptan Paark jedhamutti baatii lama darbe keessa dubartoonni baayyeen du'anii argamaniiru.

    Gaafa Kibxataa reeffi namoota lamaa kan argame yoo tahu poolisiin du'a dubartoota sadeettiif waan sababa tahe qorachaa jira jedhe. Reeffi dubartoota kanaa qullaa fa'a taheetu argame.

    ''Taateewwan kunneen hawaasa keessatti sodaafi yaaddoo uumaniiru, keessumaa dubartoota biratti,'' jedhe pireezidantichi

    Poolisiin bu'aa qorannoo amma jiruun ajjeechaan kuni nama tokkoon kan raawwate jechuuf hin dandeessisu jedhe. Tahus gareen namoota tahee yakka kana duuba hin jiraatiin hin oolu jedhe.

    Yakki kuni waan fiilmii fa'a irratti arganii raawwtan tahuu danda garuu hamma yoonaa kana jedhanii walitti hidhuun hin danda'amu jedhe dubbiihimaan poolisii Biriig Atleendaa Maat.

    Reeffi jalqabaa argamuu hordofee namni tokko to'annoo jala ooleera. Namni kuni ammallee gaaddisa seeraa jala jira.

    Poolisiin qorannoo kana deeggaruuf nama odeeffannoo kenneef doolaara 24,500 akka kennu himeera.

    Hamma yoonaa yakka kanaan dubartoonni saddeeta ajjeefamaniiru.

  5. US qondaaloti Afrikaa Kibbaa warra adii irratti loogii geessisu jechuun viizaa isaanii daangeessite

    Ameerikaan namoota lammiilee Afrikaa Kibbaa adii irratti loogii geessisaniiru jette irratti daangeffama viizaa kaa'uun muddama boodana biyyoota lamaan gidduutti dhagahame dha.

    Bulchiinsi Tiraamp Afrikaa Kibbaa sababa garagaraaf qeeqeera, kunis biyyattiin lammiilee adii sanyii Daach qaban irratti loogii geessisti kan jedhu dabalata.

    Afrikaan Kibbaa himannaa kana irra deddeebiin haalteetti.

    ''Mootummaan Afrikaa Kibbaa yaaddooa kanaan dura kaasneef furmaata hin kennine,'' jedhe Ministarri Hajaa Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo ibsa dhorkaa kanaaf Kibxata bahe irratti.

    Dhorkaan viizaa kuni ''sanyii irratti hundaa'uun warreen loogii geessisan, jeequmsa jabeessan ykn beenyaa otoo hin kenniin qabeenya fudhatan ilaallata,'' jedhe.

    Ruubiyoon maqaa namoota dhorkaa kanaan dhiibbaan irra gahuu danda'u hin dubbanne.

  6. Hogganaan OpenAI addunyaan waa'ee hubannoo namtolchee yaadda'uun 'sirruma' garuu dhaabota AI amanuu qaba jedhe

    Hogganaan dhaabbata hubannoo namtolchee OpenAI-ChatGPT dabalatee namoonni dhaaboti AI teeknolojii kana akka tiksan amanuu qabu jedhe.Dubbin kunis balaa AI fiduu danda'urratti yaaddoon jabaachaa dhufuun booda dhagahame.

    ''Addunyaan waan sirrii akka gochuu dandeenyu amanuu qaba, sababiin ammoo waan sirrii gatii taheefi dhiibbaansaa hangam guddaa akka tahe ni hubanna,'' jedhe Saam Altmaan kora Kibxata Saan Firaansiiskootti taasifameen.

    Namoonni dandeettiin waa barachuu AI saffisaan jijjiiramaa waan jiruuf yaadda'uun isaanii sirruma dha.

    Tahus warri qeeqan dhaaboti of sakatta'uu irratti hin amanamanii jedhu. Keesumaa seenaatarri Ameerikaa siyaasa warra bitaa hordofan Barnii Saandarsiifi Istiiv Baanoon - gorsaa Donaaldi Tiraam duraanii AI irratti to'annoon jabaa akka jiraatu gaafachaa jiru.

    Tiraamp ammoo gama biraan qeeqnifi sodaan hubannoo namtolchee saffisaan guddachaa jiru irratti ka'aa jiru ''qoosaa dha'' jedhe.

    To'annoofi eegumsi AI dhaaf barbaachisu tokko pireezidantii ''jabaafi haxxee'' dha jedhe

    Yaadni Altmaan kora waggaa dhaabbata sooftweerii Seelsifoors jedhamuun qophaa'erratti dhimma kanarratti dubbate.

    ''Karaa sirrii hin taanerra yoo deema taheef akka durii kana hubachuuf yaaddoo guddaa keessa galuu hin qabnu,'' jechuun garuu addunyaan yaadda'uun garuu sirruma jedhe.

    Torbee darbe hojjetaan dhaabbata hubannoo namtolchee Antirooppiik jedhamurraa gadhiise miidiyaa hawaasaa isaa irratti ergaan AI waggaa 10 keessatti ilma namaa fiixuu danda'a jechuun qoode, ifatti dubbii ijoo tahuun booda Hogganaan OpenAI kuni yaada kennuun kan jalqabaati.

  7. Gaazaatti gamoon waraanaan dadhabe kufuun yoo xiqqaate namoonni 12 du'an

    Magaalaa Gaazaa, naannawa Tal al- Hawa jedhamutti gamoon haleellaa Israa'eliin butute kufuun yoo xiqqaate namoonni 12 kan du'an yoo ta'u, daa'imman kanneen du'an keessaati.

    Namoonni hedduun ammallee hin argamin jiru.

    Lubbu baraartonni ammallee reenfa namootaa fi kanneen lubbuun oolan gamoo jijjige jalaa barbaaduun baasaa jiru.

    Namoonni naannoo akka jedhanitti akeekkachiisni kennamus maatiin kudhan gamoo kana keessa jiraachaa turan.

    Gama kaaniin Israa'el ammallee Gaazaa haleeluu itti fufteetti. Kibxata kaleessaa humnoonni Israa'el haleellaa raawwachuun yoo xiqqaate namoota shan ajjeesuu maddeen fayyaa fi Hamaas ibsaniiru.

    Humnoonni Israa'el kibba Gaazaatti ajajaa Hamaas ajjeesuu fi loltuu biraa kaabatti ajjeesuu himaniiru.

    Haleellaa kana lameen keessattuu daa'imman ajjeefamaniiru.

  8. Sa'udiin diroonii Huutii Makkaa haleeluuf turte qoladhe jette

    Sa'ud Arabiyaan haleellaawwan garee Huutiin irra deeddebiin irratti raawwataman hordofuun, naannolee biyyattii hedduu keessatti akeekkachiisa nageenyaa baaste.

    Akeekkachiisni kunis magaalota qulqulluu akka Makkaa fi Jiddaa dabalatee naannolee adda addaa kan ilaalutudha.

    Ameerikaan ammoo lammiileen ishee gara naannoo sanatti imalan karoora isaanii akka irraa deebi'anii ilaalan akeekkachiisteetti.

    Tarkaanfiin kunis Huutiin haleellaa Sa'ud Arabiyaa irratti raawwachuu fi naannoo qarqara Galaana Diimaa Yaman keessatti sochii isaanii cimsuu isaanii hordofeeti.

    Humnoonni ittisa qilleensaa Sa'ud Arabiyaa, Kibxata galgala, diroonii garee Huutii Makkaa haleeluuf turte, utuu halellaa hin raawwatin Kibba Makkaa irratti qolachuu Gamtaa waraanaa Sa'ud Arabiyaa fi Yaman kan ibse.

    Dubbi-himaan Gamtichaa Turkii Al-Maalikii akka jedhanitti, diroonin kun akkuma daangaa qilleensa dhorkamaa Makkaa seenteen tarkaanfiin irratti fudhatame.

    Itti dabaluudhaanis, "yaaliin diinummaa fi shororkeessummaa kun yaalii misaa'ela balistikii garichi bara 2017 Makkaa irratti aggaamee booda kun isa lammaffaadha" jedhe.

    Nageenyi Masjiidota qulqulluu fi hajjii sarara diimaa ta'uu cimsanii dubbatan.

    Gareen hidhattoota Huutii garuu Makkaa ykn iddoowwan qulqulluu Islaamaa biroo irratti haleellaa raawwachuuf yaalii akka hin goone ibse.

    Himannaa Sa'udis ''soba'' jechuun haalera.

    Huutiin kutaa qarqara Galaana Diimaa Yaman tokko tokko to'achuun, karaa dooniiwwan daldalaa addunyaa keessaa isa baay'ee barbaachisaa ta'e, Bab al-Mandab, irratti dhiibbaa uumaa jiru.

    Sochiin isaanii kun al-ergii boba'aa Sa'ud Arabiyaa fi geejjiba doonii addunyaa irratti yaaddoo nageenyaa cimaa uumera.

    Haleellaawwan torban darbe keessa raawwatamanis Sa'udiin waraana Baha Giddugaleessaa keessatti caalaatti harkifamtee galaa jiraachuu ishee mul'isa.

  9. Suurri haaraa ba'an haleellaa misaa'eliifi diroonii Iraaniin buufata US irra miidhaan ga'uu mul'isan

    Neetiwoorkiin oduu Ameerikaa CBS jedhamu kan michuu BBC ta'e yeroo jalqabaatiif suuraawwan haaraa haleellaa Iraan irratti gaggeessiteen buufataaleen waraanaa US Baha Giddugaleessaa keessa jiran baayyee miidhaamuu agarsiisan maxxanse.

    Akka suuraawwan CBS addatti argatee maxxanse kanaatti buufataaleen waraanaa US gariin keessatti miidhaan cimaan qaqqabeera. Gamoowwan, konkolaataawwan waraanaafi bu'uuraaleen biroo kanneen haleellaa misaa'elaafi diroonii Iraaniin miidhaman keessatti argamu.

    Loltuun buufataaleen waraanaa US keessaa tokko keessa jiru tokko CBStti akka dubbatetti, hangi miidhaa qaqqabee ammallee ummata Ameerikaatiif guutuutti ifa hin baane jedhe.

    "Kun miidhaa jabaa buufata keenyarra gahe ummanni Ameerikaa guutummaatti hin dhaga'iin jirudha. Haleellaa walitti fufiinsaan raawatamu keessa jirra," jedhe.

    Suuraawwan miidhaa agarsiisan keessaa tokko kan Sa'ud Arabiyaatti b=Buufata Humna Waraanaa Ilma Mooichaa Sulxaan keessatti kaafamedha.

    Suurra achi keessaa argame xiyyaarri humna waraanaa Ameerikaa tokko haleellaan booda qaamni isaa gara duubaa manca'ee mul'isa. Innis xiyyaara waraanaa Boeing A-3 Sentry ta'uu agarsiisa.

    Odeefffannoo biroo kana waliin deeman:

  10. ASHAMAA!

    Akkam jirtu hordoftoota keenyaa?

    Odeeffannoo kallattiin isin biraan geenyu jalqabneerra.

    Suurri haaraa ba'an haleellaa misaa'eliifi diroonii Iraaniin buufata US irra miidhaan ga'uu mul'isuu,

    Paayiletiin jeettii waraanaa US sa'aatii 50'f gaarreen Iraan keessatti danqame waan isa mudate waan himu dabalatee odeessaalee biroo karaa Marsariitii (Website), YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas ni argattu.

    DHIYAADHAA!