Harka keessan xureessuun fayyummaa keessan fooyyessuu akka danda'u yaaddanii beektuu?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Harka keenya biyyoo keessa kaa'uun, marga qaqqabuun faayidaa fayyaa hedduu kan qabu yoo ta'u, fayyaa gogaa fi madinummaa waliigalaatiif gumaacha.

Yeroo hunda yoon paarkii naannoo kiyya jirutti imalee miilaan deemuu, gosa mukkeenii adda addaa naannoo sana jiru daawwachuu, foolii abaaboowwanii fi sagalee simbirrootaa soora qalbii godhachuu amaleeffadhe.

Garuu kopheen kiyya xurraa'ulleen harki kiyya garuu akkuma qulqulluu ta'ettin deebi'ee gala.

Saayinsiin garuu waan haaraa tokko ifa gdhe. Mukkeenii fi marga tuttuquun, harka keenya biyyoo keessa kaa'uu fi qaaqqabuun faayidaa fayyaa hedduu dhala namaatiif argamsiisa.

Inistituutii 'Finish' jedhamutti qorattuu fayyaa fi Ikooolojistii kan taate Mira Giruruus, akka qaama qorannootti namootni harka isaanii biyyoodhaan sukkumanii sekondii 20 akka turan goote.

Harka isaanii bishaaniin erga dhiqatanii boodallee garaagarummaan gogaa isaaniirratti mul'ate guddaa ta'uu himan. "Ija isaaniitiin yeroo ilaalan harki isaanii qulqulluu itti fakkaata ture. jijjiiramnisaa garuu guddaadha" jedhan.

Sekondii 20 yeroo gabaabaa ta'ulleen yeroo miilan deeman mukkeen harkaan qaqabuunii fi marga keessa taa'uun qabatamaadhana uumaama waliin tuttuqqaa qabaachuun waan qaama keenyarratti mul'atu kan jijjiirudha jechuun ibsu.

Dhoqqee keessa taphachuu

Bakka olmaa daa'immanii Orinkolinaa jedhamu kan biyya Fiinlaanditti argamu keessatti daa'imman bakka mukkeen qabu keessa taphatu, biqiltuuwwan keessa fiigicha waldorgomu, haroo xixiqqaa bishaan qabuu fi lafa ashawaa ta'e irra taphatu.

Galgala qaamni isaanii dhoqqeedhaan badee mul'atu. Saayintistoonni amma kuni fayyaa isaaniitiif hangam akka gumaachu qorachaa jiru.

Maayikiroobiiwwan gogaa isaaniirra jiran, saamuda dhiigaa fi rifeensa mataa isaanii xiinxaluun waggoota sadii keessatti uumama waliin yeroo hidhata qabaatan fayyaa isaaniirratti waan uumamu qorachaa jiru.

Bakki olmaa daa'immanii kuni olmaa daa'immanii Fiinlaand 43 qorannoo keessatti hammataman keessaa tokko yoo ta'u, bara 2016/17qabiyyee bosonaa qaama olmaa daa'immanii kanaa akka ta'u ta'e.

Daa'imman guyyuurraa bosona kana keessa taphatu. Bu'aan qorannoo akka akkeeketti, daa'imman bosona kana keessa taphatanii fi uumama waliin hariiroo qaban kanneen lafa duwwaa irra taphatan caalaa gogaan isaanii fayyummaa gaarii kan qabu ta'ee argame.

Gogaa fi qaama fayyaa qabeessa

Fayyaa gogaa keenyaa eeggachuun faayidaan inni qabu guddaadha. Fayyaan gogaa sochii hormoonii, sirna hargansuu fi dandeettii waa yaadachuu waliin hidhata qabaachuu danda'a.

Qorannoon akka mul'isutti, gogaa keenya baakteeriyaawwan adda addaatiif akka saaxilamu gochuun sirna madinummaa keenyarratti dhiibbaa fida.

Qorannoon biraa dargaggoonni gabatee biyyoodhaan guutame kan biyyoo makirobinii adda addaa ofkeessaa qabu keessa garee tokkommoo kan makrobiinii xiqqaa qabu keessa akka taphatan godhame.

Akkuma beekamu baayinni baakteeriyaa gogaa daa'immaniirraa kan dabalu yoo biyyoo makroobinii hedduu qabu keessa taphatani. Sirna madinummaa irratti dhiibbaa kan fidu 'Siitookiin' kan jedhmus madinummaan akka dammaqaa ta'uu fi dhibee qolatu gargaara.

Qorannoowwan lama taasifaman Pirojektiin Vahivistu jedhmu akka hundaa'uuf bu'uura ta'an. Pirojektiin kuni yaadama qilleensi, biqiltuuwwan fi biyyoon Mayikiroobiin badhaadhe mayikiroobiyeemii dhala namaa fi fayyaa waliigalaatiif gahee guddaa akka qabu akeeke.

Kana malees rakkoon amma madinummaan hir'achuun dhibeen akka hammaatu godhaa jiru naannoo keenya keessatti sirnakkoon heddumminaa dhabamaa deemuu mala jechuun walqabsiisa.

Quboota Magariisa

Qorannoon kuni faayidaa daa'imman argatan qofarratti hin dangeffamne. Qorannoo tokko keessatti ga'eessonni mooraa isaanii keessatti yeroo bonaa biyyoo makirobiini xixiqqaa qabuu fi makiroobinii baayyee qabu adda addatti akka dhaaban godhame.

Biqiltoota kana guyyuu kunuunsanii irraa soorratu. Biqiltoonni biyyoo makiroobiinii hedduu qabu irratti biqilfame baakteeriyaan qaama isanaiirraa fi farri dallansuu qaamaa fi sitookiiniin dhiiga isaanii keessaa akka baayyatu godhe. Kan biyyoo kaanirraa garuu kana hin goone.

Mooraa keessatti biqltoota dhaabuun mala ittiin daa'mman biqiltoota waliin tuttuqqii qabaatan keessaa tokko. malli kuni qabatamaadhaan madinummaa isaanii guddisa" jetti Giruunruus.

Qorannoo biraatiinimmoo qorattoonni waajjira keessatti biqiltoota dhaabuudhana torbee lamaan booda garaagarummaa hojjettoota irratti mul'atu xinxaalan.

Bu'aan qorannoo kanaas boodarra hammeentaan makiroobiinii qaama isaaniirraa dabale. Kana malees makroobiinii 'Laktobakilas' jedhamu kan fayyaa gogaa isaanitiif faayidaa qabu hammeentaan isaa dabaluus himan.

Giruunruus qorannoo kana maatii ofiisheerratti qabatamaa gootee yaalte.

"yeroon ijoolleekoo waliin gara alaatti bahu yoo isaan baalaa fi muka wayii kaasuuf jedhan 'Dhiisaa' hin jedhuun. Gara manaa fidatanii akka ittiin taphatanin godha" jetti.

Yaadama akkasii kana magaalota keessatti guddisuu qabna jetti Giruunsrus.

Qorannoo hanga ammaatti taasifameen bu'aan argame wantoota uumamaa qaqabuudhaan harki xuraa'uun balaan inni fidu gadi aanaa fi faayidaan isaa garuu guddaa ta'uu akeeke.

Qorannoon kuni nama hundaaf yaadachiisa waan ta'u fakkaata. Mukkeen qaqabuu, biyyoo harkaa fi miilan keessa deemuu fi dhoqqee sodaachuu akka hin qabne.