Xiyyaara J-10C: Xiyyaara waraanaa Chaayinaa balaa guddaa qaqqabsiisu

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Humni Qilleensaa Chaayinaa karaa xiyyaarota akkaan ammayyaawoo ta'an J-10C jedhamanii humnasaa agarsiisaa jira.

Dhiheenya kana humni qilleensaa kun xiyyaarota J-10C Fighters jedhaman kunneeniin shaakala waraanaa bal'aa gaggeessaa jira.

Sochiin taasifamaa jiru kan waraanaa malee kan shaakalaa hin fakkaatu.

Shaakalli xiyyaaronni kunneen taasisan waan waraana dhugaa gaggeessaa jiran fakkaata.

Xiyyaaronni kunneen yeroo shaakala raawwatan haleellaa qilleensarraa gurguddaa raawwatu, xiyyaarota waraanaa biyyattii kaan waliin qindoominaan samii keessa ol fagaatanii haleellaa balaafamaa raawwachaa turan.

Kaayyoon shaakallii kanaa dandeettii paayileetonni xiyyaarota kunneenii qaban sirriitti adda baasuun, waraana dhugaaf adda baasuudha.

Teeknooloojii raadaarii ammayyaa fi osoo diinni isaanii hin barin fageenyarraa qiyyaafannoosaanii akka haleeluu danda'an shaakalaa turan.

Kun akka xiyyaarri waraanaa kun ardii Eeshiyaa fi Eeshiyaan alatti akkaan beekamuu fi sodaatamu isa taasisa jedhu xiinxaltoonni waraanaa.

Dhiheenya kana Chaayinaan xiyyaarota waraanaa akkaan ammayyaa ta'an ofiisheen oomishuun hirkattummaa teeknooloojii waraanaa biyyoota alaa jalaa of baasuurratti xiyyeeffatteetti.

Xiyyaarri waraanaa J-10C jedhamu ammoo akkaan ammayyaawaadha. Teeknooloojii ammayyaan kan dabaalame, gatiinsaa xiqqaa kan ta'ee fi haleellaa guddaa kan raawwatuudha.

Xiyyaarri kun injiinii tokko qabaatullee qilleensa keessatti dandeettii xiyyaarota waraanaa gurguddoo addunyaa kaan haleeluu qabaachuun baayyee abdatama.

Kunis guddina damee teeknooloojii waraanaa dhaloota afraffaa keessaa kan ''4+ generation'' jedhamu keessa isa galcha.

Dandeettii waraanaa xiyyaara J-10C balaafamaa taasisu

Xiyyaara J-10C jedhamu wantoota balaafamaa taasisan keessaa tokko raadaariin osoo isa hin argatin diina haleeluu danda'uusaati.

Xiyyaarri kun teeknooloojii raadaarii akkaan ammayyaawaa ta'ee fi osoo diinni hin barin dursee qiyyaafannoowwan hedduu akka haleelu isa gargaaru AESA jedhamu kan hidhatedha.

Sirni teeknooloojii raadaarii kun akka xiyyaarri kun qilleensa keessatti haleellaa tasaa ykn diina dagachiisee haleelu isa gargaara.

Xiyyaarri J-10C jedhamu kun misaa'ela fageenya dheeraa qilleensa keessa imaluun addunyaarratti beekamu PL-15 jedhamus baatee deema.

Misaa'elli kun fageenya kiilomeetira 200 caalu irraa qiyyaafannoosaa eegee haleellaa raawwata.

Haala kanaan paayileetonni xiyyaara kanaa osoo diinni daangaa waraanaa (comabt zone) keessa hin seenin osoo karaarra jiruu dagachiisuun ykn tasa haleeluu danda'u.

Xiyyaarri kun fagenya dhihoo irratti misaa'ela pL-10 jedhamu fayyadamuun haleellaa raawwata.

Kanas yoo xiyyaaronni diinaa isa cinaa jiraatanillee battala ofirra naanna'ee dhukaasuu danda'a.

Sirni kun hundi xiyyaara waraanaa J-10C jedhamu kana akkaan balaafamaa taasisa.

Keessattuu haleellaa qilleensa keessatti fageenya gabaabaa irratti gaggeeffamu keessatti haleellaa hamaa kan raawwatu xiyyaara Chaayinaa kana.

Xiyyaarri waraanaa J-10C kun meeshaalee waraanaa hidhaterratti dabalataan haala salphaan qilleensa keessatti naanna'ee haleellaa raawwachuun beekama.

Saffisa olaanaadhaan kallattii jijjiirratee haleellaa raawwata.

Kun ammoo haleellaa diinaa akka irra aanuu fi dursee bakka qabatee akka haleelu isa gargaara.

Gabaasi dhimma teeknooloojii waraanaa humna qilleensaa xiyyaarri kun xiyyaarota waraanaa gurguddoo kanneen akka S-35 (kan Raashiyaa) haleeluu akka danda'u dandeettiisaa shaakalarrati mul'iseera.

Teeknooloojii raadaarii ammayyaawaa ta'e qabaachuun, saffisaan tarkaanfii fudhachuu danda'uu fi misaa'eloota ammayyaa fayyadamuun akka olaantummaa qabaatu isa taasisa.

Xiyyaara kana hunda caalaa balaafamaa kan taasisu kan biraan ammoo xiyyaarota biroo J-20 fi J-16 jedhaman faana qindoominaan hojjechuusaati.

Sirni humna qilleensaa kun akka xiyyaaronni kunneen yeroo haleellaan raawwatamu wal dubbisuun odeeffannoo wal jijjiiran taasisan.

Kun ammoo akka paayileetonni diinasaanii dursanii arguun wal waamanii qindoominaan haleellaa raawwatan gargaara.

Haala kanaan humna waliif ta'anii yoo haleellaa raawwatan diinasaanii salphaatti cabsuu danda'u.

Shaakalli paayileetonni xiyyaara waraanaa J-10C taasisan ''waraanuma''

Dhiheenya kana shaakalli waraanaa Chaayinaan taasistu kan duraaniirra waan hedduun adda.

Keessattuu paayileetonni xiyyaarota waraanaa akkaataa haala mijataa hin taane keessatti haleellaa raawwachuu danda'aniin waan leenji'aniif baayyee qoramanii darbu.

Leenjiin ykn shaakalli xiyyaara waraanaa J-10C jedhamuun raawwatamu ''waraanuma dhugaa'' fakkaata.

Shaakalli kun haleellaa halkaniin gaggeeffamu, osoo hin mul'atin gaggeeffamuu fi yeroo tokkotti qiyyaafannoowwan hedduu haleeluu of keessaa qaba.

Paayileetonni Chaayinaa kanneen biyyoota addunyaa biroo caalaa leenjii akkaan bal'aa fi gadi fagoo ta'e fudhatu waan ta'eef baayyee bilchaatanii ba'u.

Kunis akka damee humna waraanaan dorgomaa ta'an isaan gargaareera.

Keessattuu teeknooloojii humna qilleensaa ammayyaa keessatti Chaayinaan akka dursitu kan taasisu tokko kana.

Dandeettiin paayileetonni dafanii tarkaanfii fudhachuu fi teeknooloojii ammayyaa qixa sirriin fayyadamuurratti qaban akka xiyyaarri kun haleellaa hamaa fi sodaachisaa raawwatu taasisa.

Gatii salphaa garuu teeknooloojii ammayyaawaa

Xiyyaarri waraanaa J-10C jedhamu akka xiyyaarota waraanaa J-20 ykn J-16 osoo hin taane gatiin salphaan hojjetama, ammoo dandeettii haleeluu akkaan olaanaa ta'e qaba.

Mootora tokko qofa qabaachuun isaa gatii suphaa salphisa, boba'aa fayyadamus akkasuma.

Oppireeshinii waraanaaf qopheessuufis xiyyaarota kana salphaadha.

Chaayinaan xiyyaara kana yeroo gabaabaa keessatti heddumminaan oomishteetti.

Kun ammoo damee humna qilleensaa biyyattiif humna guddaa ta'eera.

Xiinxaltoonni akka jedhan Chaayinaan baasii xiqqaan xiyyaarota waraanaa hedduu oomishuu danda'uunshee teeknooloojii waraanaa ammayyaa keessatti humna guddaa akka horattu ishee gargaareera.