Gaafa narraa fuudhan akka nama ilmoo kiyya kennetti natti dhagahame-Hamziyyaa Abdulqaadir

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

"Bineelda afaan hin qabne eeganii, kunuunsanii du'a baraaran" Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee

Maanguddoo waggaa 60 kan ta'an Aadde Hamziyyaa Abdulqaadir godina Baalee aanaa diinshoo ganda 02 keessa jiraatu.

Maanguddoon waggootaaf namoota biroorraa fagaatanii naannoo bosonaa jiraachaa turan kun uumama naannoo isaanii waliin hariiroo cimaa qabu. Haa ta'u malee booda keessa naannoo namoonni jiraatanitti jiraachuu eegalan.

"Naannoo bosonaan jiraachaa ture. Badhee sana bineesnsonni adda addaa baay'ee baay'atanii sodaadheen gara ummataatti siiqe" jechuunis BBC'tti himan.

Maanguddoon kun naannoo namoonni baay'inaan argamanitti jiraachuu eegalanis gara mana isaanii duraaniitti deddeebi'uun loon hidhachaa turuu dubbatu.

Haata'u malee, ALI bara 2017 keessa ilmoo bineensa bosonaa reefu dhalatefii haati bira hinjirretti bahan.

"Wayitan horii achi geessee hidhadhu ilmoon kun bakkuma mana kiyyaa taa'a. Tarii haati yoo nama agartee dheessitee ta'e jedhee achumatti dhiisee biraa gale" jedhan.

Ilmoon kun ilmoo godaati; bineensa bosonaa sanyiinsaa gadamsafi kurupheen walfakkaatu garuummoo lamaanirraa adda ta'edha.

"Bariitu sana yeroon deebi'ee deemu achuma jira. Sareen nyaachuuf jetti. Beela'ee dadhabee garaa nu nyaatee, haadhas eegnee dhabne. Wayita sana garaa na nyaatee fuudhee gara manaa galle" jedhan.

"Akka ilmoo kiyyattin ilaala"

Ilmoo godaa iddoo tokkoo osoo hin socho'in beelaan dadhabe kana manatti erga fuudhanii boodas aannan akka laataniif Aadde Hamziyyaan himu.

"Saattii wayiin qaba. Ishee elmee, aannan hoo'isee biirii (kobbee) ijoolleen wayiin barreeffattu kanaan obaase. Achi boodas xuuxxoo daa'imman aannan ittiin dhugan bitee isaan guddise" jedhan.

Ilmoon godaa kun jalqaba manuma keessa oolaa akka ture kan himan Aadde Hamziyyaan, boodarra marga nyaachuu eegallaan gara alaa baasuun qe'ee barsiisuu akka eegalan himan.

"Marga nyaachuu eegallaan qe'ee kiyya keessa oofee ala barsiise. Margas oddoo ormaa deemee kadhadhee nyaachise. Saroonni hambaa akka hin nyaannes irraa dhorkaan ture" jedhan.

"Ana malee nama kaan ni dheessa. Yoon ani manatti galu innis fiigee galee firaashii kiyyarra ciisa" kan jedhan maanguddoon tun, ilmoo godaa kana ji'oota jahaaf ofbira tursiisanii kunuunsuu himan.

Itti aansuunis "Marga ergan barsiisee booda 'narraa fuudhaa' jedhee gabaasa godhe" jedhan.

"Afaan hinbeekneen natti mar'atee..."

Ilmoo godaa "Waanuma ijoollee kiyya ittiin guddisurraa gargaaree guddise" kan jedhan Aadde Hamziyyaan, Paarkiin Biyyaalessaa Gaarreen Baalee bineensa kana akka irraa fudhatuuf erga iyyatanii booda hojjettoonni paarkichaas gara qe'ee Aadde Hamziyyaa imalan.

Guyyaa ilmoo godaa kanaan gargar itti bahan yemmuu yaadatanis, "Afaan hinbeekneen natti mar'atee narra naanna'ee osoo boo'uu giddiidhaan konkolaataa seensise" jedhan.

Dabaluunis "Gaafa narraa fuudhan akka nama ilmoo kiyya kennetti natti dhagahame. Hanga ammaattillee natti dhagahama" jechuunis yaaddoo isaaf qaban himu.

Dabalataanis hojjettoonni paarkichaa Aadde Hamziyyaan ilmoo godaa guddisan akka ilaalaniif haala akka mijeessaniif waadaa galaniifii turanillee hanga ammaatti akka isaan hin illaalchisne dubbatan.

"Waan sana akka ilmoo kiyyattin ilaala. Isaanillee 'dhuftee ilaalta' naan jedhanii ture. Hanga amaatti nan laalchisne.

Hanga ammaatti deemee arguu dhabuu kiyyatti baay'ee natti dhagahama. Garuu iddoos beekee deemee ilaaluu hindandeenye, garuu waan godhu hinqabu" jedhan.

Gama biraatiin immoo Paarkiin Biyyaalessaa Gaarreen Baalee gochaa fakkeenyummaa hojjetaniif sa'a waatii walin bitee akka kenneef Aadde Hamziyyaan himaniiru.

"Bineelda afaan hin qabne eeganii kunuunsanii du'a baraaran"

Itti Gaafaamaa Paarkii Biyyaalessaa Gaarreewwan Baale kan ta'an Obbo Shaamil Kadir, "ummanni naannawa Baale kun hawaasa addaati. Hawaasa uumaa isaatiin bineensota bosonaa wajjin jiraachuu aadaa godhatedha.

Ummata bineensota bosonaa akka ilmoo ofiitti ilaalee kunuunsee guddisudha. Aadde Hamziyyaanis waan jaarraawwanif ture sana haaromsan" jedhu.

Aadde Hamziyyaan qabeenya guddaa qabaatanii osoo hin taanee aantummaa qabeenya uumamaaf qabanirraa ka'uun gochaa fakkeenyummaa qabu hojjechuusaanii himan.

Dabaluuunis, "Bineelda afaan hinqabne eeganii kunuunsanii du'a baraaran. Silaa akkasitti haadhaan adda bahee guyyaa lama oolee du'uunsaa hin oolu ture" jedhan.

Gama biraatiin ilmoon godaa Aadde Hamziyyaan kunnuunsanii guddisanii ji'oota dura paarkichaaf kennan yeroo ammaatti naannoo Finfinnee magaalaa Hoolotaatti Dhaabbata 'Born Free' jedhamu keessa akka jirus himaniiru.

"Yeroo ammaa akka gaariitti guddatee jira" kan jedhan Itti Gaafatamaan Paarkichaa, Aadde Hamziyyaa magaalaa Hoolotaa geessuun ilmoo godaa guddisan akka ilaalan gochuuf karoora akka qabanis himaniiru.

Gochi akkanaa isaaniif kan jalqabaa akka hintaane kan himan Aadde Hamziyyaan, kanaan duras kuruphee bifa walfakkaatuun kunuunsanii guddisuusaanii himaniiru.

"Kuruphee haati irraa duute yookiin irraa dhabamte guddisee, hoolatuma kiyya waliin ooltee gaafa guddate bineensotatti makamte" jedhan.

Gama biraatiin ilma Aadde Hamziyyaa kan ta'e Abdulhaamid Idriis, ilaalchi harmeen isaa qabeenya uumamaaf qaban durumallee gaarii akka ture hima.

Akka fakkeenyaattis naannoo isaaniitti namoonni bosona akka hincirre dhorkaa turuusaanii hima.

"Bakkuma itti jiraatanitti waa kunuunsuu kana jaalatu. Namni mukkeen akka hin murre ni dhorku. Kanaaf naannoo isaan turanitti mukni guddatee akka bosonaa ta'e" jechuun BBC'tti himeera.