Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gamtaan Awurooppaa dhorkaa viizaa Itoophiyaarra kaa'ee ture kaase
Gamtaan Awurooppaa tarkaanfii dhorkaa viizaa lammiilee Itoophiyaa irra bara 2024 kaa'ee ture kaasuu beeksise.
Gamtichi ibsa marsariitii isaa irratti Wiixata darbe baaseen ''Itoophiyaan tarkaanfii barbaachisu fudhachuusheen eeyyama viizaa irratti wal tumsi akka jiraatu jajjabeessuuf qajeelfamoota viizaa EU gariin dhorkee ture,'' jedhe.
Gamtichi sakatta'insa taasiseen lammiilee Itoophiyaa seeraan ala biyyoota Gamtaa Awurooppaa jiran adda baasuu irratti fooyya'insi mul'ateera jedhe.
Haala kanaan sanadooti imala atattamaafi hojiin viizaa kennuu idilee iddootti deebi'aa jedheera.
Gamtaan Awurooppaa bara 2024 ture lammiileen Itoophiyaa akka tajaajila viizaa hin arganneef dhorkaa kan irra kaa'e.
Bara 2024 gamtichi mootummaan Itoophiyaa lammiilee isaa eeyyama jireenyaa osoo hin argatiin biyyoota Awurooppaa keessa yeroo dheeraa turan deebisee fudhachuuf deeggarsa gochuu waan dideef murtee kana dabarsuu ibse.
Embasiin Itoophiyaa teessoo isaa Biraasels taasise immoo gamasaan dhimma kana irratti ibsa baaseen murtee gamtichi yeroof lammiilee Itoophiyaa Viizaa dhurkuuf dabarseen ''rifachuu'' ibsee ture.
''Murteen kun wayita qaamoleen lameen lammiilee Itoophiyaa hayyama jireenyaa malee biyyoota miseensa gamtichaa ta'an keessa jiraatan haala kabaja sirnaafi nageenya qabuun deebisuuf walitti dhiyaatanii hojjechaa jiranitti dhagaahame.''
Embasichi murteen kun kanneen hayyama malee jiraachaa jiran biyyatti deebisuufi deebisanii ijaaruurratti walii tumsuun hojii hojjetamaa jiru ilaalcha keessa hin galchinee jechuun Kibxata darbe ibsa baaseen komatee ture.
Gamtaan Awurooppaa yeroo dhorkaa kana baase 'waggaa darbe qofa godaantotni 380,000 tahan seeraan ala daangaalee biyyoota gamtichaa seenaniiru jechuun, lakkoofsi kun erga bara 2016 as isa olaanaadha jedhee ture.
Gama biraan gamtichi deeggarsa baajataa Itoophiyaaf kennu deebisee jalqabuu baruma 2026 kana beeksiseera.
Gamtichatti koomishinariin michooma idil addunyaa Jooseef Sikeelaa Foramii Daldalaa EU-Itoophiyaa kaleessa 20,2026 Finfinneetti jalqabeen deeggarsi kuni deebi'e akka kennamu eegale himan.
Dhaabbatichi waggaa shan dura waraana Kaaba Itoophiyaatti adeemaa tureen yaaddoo dhiittaa mirga namoomaa waan qabaachaa tureefi deeggarsa addaan kute.
Seektaroota dursi kennameef deeggarsi Yuroo miiliyoona 140 akka ramadames gamtichi beeksiseera.
Jooseef Sikeelaan deeggarsi kuni marsaa sadiin akka kaffalamus beeksisanii jiru.
Ministarri Hajaa Alaa Itoophiyaa Geediyoon Ximootiyoos haasaa Jooseef Sikeelaa waliin waajira isaanitti taasisaniin waloomni biyyoota lameenii seektara aannisaa haaromsamuufi kaanirratti cimee akka itti fufu himan.
Bara 2020 yeroo waraanni Tigraayi jalqabe deeggarsa bajataa fayyaafi geejibaaf tahu Yuuroo miiliyoona 90 tahutu addaan cite.