Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ameerikaatti jeettiiwwan waraanaa agarsiisarra turan lama walitti bu'an
Yeroo agarsiisa waraanaa Amerrikaa jeettiiwwan lama qilleesarratti walitti bu'uun booda hojjettoonni xiyyarichaa afur paaraashuutiin baraaramanii haala gaariirra jiru.
Jeettiiwwan Navy EA18-G Ameerikaa agarsiisa qilleensaarra turan walitti bu'uun hojjettoonni xiyyaara keessaa baafamuu dubbii himaan humna galaanaa US BBCtti himaniiru.
Namoonni miidhamuu irratti hamma yoonaa waan barame hin jiru.
Taateen kuni yeroo agarsiisi waraanaa qilleensarraa buufata humna qilleensaa Gunfighter Skies air show naannoo Sheen Idahoo jedhamutti adeemaa turetti dha mudate.
Yeroo jeettiiwwan lameen kuni walitti bu'an ibiddi waan dhalateef buufatni qilleensaa guutummaan cufamee, agarsiisnis haqameera. Dhimmichi qoratamaa jira.
''Miseensonni jeettiiwwan walitti bu'an keessa turan haala gaariirra jiru,'' jedhe buufata human qilleensaa Mountain Air Force Base Gunfighters ibsa miidiyaa hawaasaa irratti baaseen.
''Keessummoonni obsaafi gaarummaa nutti agarsiifataniif galatoomaa taatee kanaaf saffisaan deebii akka kenninu nu gargaartaniittu,'' jedhan.
Dubbiihimaan miseensonni jeettiiwwan kunneen keessa turan ogeessota fayyaan hordoffiin taasifamaafi jira.
Humni galaanaa Ameerikaa akka jedhetti jeettiiwwan kunneen tokkoon tokkoo isaan doolaara miiliyoona 67 baasu.
Dhaabbanni agarsiisa kana qindeessuurratti hirmaate Kim Sykes of Silver kan Idaahoo jiru namni waraanaa hamma yoonaa miidhame hin jiru jedhe.
Kanaan dura yeroo dhumaaf agarsiisni Gunfighter Skies kan adeemsifame bara 2018 yoo tahu sanaanis paayilatiin du'ee ture.
BBC'n kanneen saganticha qindeessaniifi buufata human qilleensaa argachuuf yaalee ture.