MM Abiy waa'ee warshaa xaa'oo Itoophiyaafi biiliyeenarri Afrikaa Aliikoo Daangootee ijaarsisaa jiranii maal jedhan?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Ministirri muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad warshaa xaa'oo Godee yeroo gabaabaa keessatti xumuruun rakkoo ijoo Itoophiyaa akka furan dubbatan.

Aanga'aan Itoophiyaa kun Caamsaa 17, 2026 (Dilbata) wayita dureessa Afrikaa Aliikoo Daangootee waliin iddoo warshaan xaa'oo kun itti ijaaramaa jiru daawwatanitti kana dubbatan.

Warshaan xaa'oo dolaara biliyeena 2.5 baasu kun Naannoo Somaalee, Godee keessatti ijaarama. Yeroo xumuramu warshaawwan xaa'oo gurguddoo Afrikaa keessaa tokko ta'a jedhamees eegama.

Mootummaan Itoophiyaafi dureessi Afrikaa lammii Naayijeeriyaa ta'e Aliikoo Daangotee waliin ta'uun warshaa xaa'oo guddaa ijaaruuf waliigaltee kan mallatteessan Hagayya 29, 2025 ture.

Waliigaltichi dhaabbata Ethiopian Investment Holding fi Dangote Group gidduutti kan mallaatte'e yoo ta'u, warshichi jaarmiyaaleen akka hoogganamu ibsameera.

Warshicha gahee abbaa qabeenyummaa dhibbeentaa 60 kan Dangote Group yoo ta'u dhibbeentaa 40 ammoo kan Itoophiyaa ta'a.

Ministirri Muummee Abiy daawwannaa Alii Daangootee waliin taasisan kanarratti ijaarsi warshaa dandeettii xaa'oo yuuriyaa meetirik toonii miiliyoona 3 oomishuu qabuu kun Onkoloolessa 2025 eegaluu fi ji'oota 40 keessatti xumuuf uummataaf waadaa galanii akka turan himan.

''Haata'u malee yeroo ammaa addunyaarratti xaa'oo fi boba'aan meeshaalee akkaan murteessoo alaa galan ta'anii waan argamaniif yeroo kana gabaabsuuf maal gochuu akka qabnu Daangootee waliin dubbataa turre,'' jedhan.

Hojiin ijaarsa kanaa akka saffisu kallattii kaa'uuf daawwannaan kun murteessaa ta'uu kan himan MM Abiy ''yeroo qabamee (ji'oota 40) asitti xumuruun oomisha nuuf ga'u, yoo nurraa hafe kan gabaa alaaf dhiheessinu oomishuuf waliigalleerra,'' jedhan.

Pirojektoota gurguddoo biyyattii kanneen akka warshaa simintoo fi kaan keessatti kan ramadamu warshaa xaa'oo kana xiyyeeffannaan akka hordofan himan MM Abiy.

''Amma dhufnee sadarkaa ijaarsi irratti argamu argineerra. Ji'a sadi ykn afur booda deebinee dhufna. Yeroo deebinutti iddoon jireenyaa hojjettoota kuma shanii ni xumurama. Addanatti ollaa jireenyaa ykn ganda xiqqoo tokkotu ijaaramaa,'' jedhan.

''Yeroo gabaabaa keessatti warshaa xaa'oo kana xumurree rakkoo ijoo uummata Itoophiyaa ni furra.''

Aliikoon nama kutannoo qabu- MM ABiy

''Aliikoo Daangotee nama kutannoo qabudha,'' kan jedhan MM Abiy ''waadaasaa eeguun maallaqa, yeroo, hojjettoota... hunda hojiitti hojiitti galcheera. Nutis itti dhiheenyaan hordofuun rakkoo Itoophiyaa keessa jiru furuun hojii kana ni milkeessina,'' jedhan.

MM Abiy hojiilleen misoomaa naannawa Godeetti hojjetamaa jiran sadarkaa Daandii Qilleensaa Itoophiyaatti galii murteessaa ta'e biyyattiif kan galchaniidha jedhan.

''Hojiin asitti hojjetamaa jiru salphaa miti. Daangotee qofti doolaara biiliyoona sadi caaluun asitti hojii investimantii hojjetaa jira. Inestaroonni Chaayinaas jiru. Dandeettii diinagdee Itoophiyaa geeddarutu as jira.''

''Midhaan nyaataan of danda'uun ajandaa keenya isa ijoodha,'' kan jedhan MM Abiy kanaaf leecalloowwan barbaachisan kanneen akka lafa, bishaan, humna namaa qabna jedhan.

''Qabeenya murteessoo qabnu kunneen xaa'oo fi sanyii filatamaan yoo deggarre nu qofaaf osoo hin taane kaaniifuu ga'uu dandeenya. Yoo kana milkeessine rakkoo hedduu nurraa salphisa.''

Itoophiyaan waggaatti xaa'oo gosa garaa garaa meetiriktoonii miliyeena 1.5 ta'u alaa galchiti. Kanaanis sharafa alaa guddaa kan baasii gootu yoo ta'u, biyya keessattis gatiin xaa'oo yeroo gara yerotti dabalaa dhufuu qote bultoonni ni komatu.

Lammii Naayijeeriyaa Aliikoo Daangotee dureessa Afrikaa beekamaadha, dureeyyii addunyaa keessaas tokko.

Akka gabaasa barruu Forbisitti, Aliikoo Daangotee yeroo ammaa qabeenyisaa dolaaraa biliyeena 28.5 ta'a, Afrikaa keessaa tokkoffaadha.

Daangoteen biyyoota garaa garaa keessatti hojii investimentii irratti bobba'ee kan jiru yoo ta'u, Itoophiyaattis warshaa simintoo Dangote jedhamu irratti bobba'eera.

Biiliyeenarri Afrikaa kun warshaa boba'aa qulqulleessu kan jalqabaa Baha Afrikaa keessatti ijaarsisuuf akka jedhu ibseera.

Biyyoota Baha Afrikaa keessaa biyya kam keessatti akka ijaarsisuu qabu yaadi ogeeyyii damee kanaa ilaalamaa jira.

Biiliyeenarri Afrikaa kun Pirezidantii Taanzaaniyaa Saamiyaa Suluhuu waliin walarguun dhimma kanarratti mari'ataniiru.

Pirezidantiin Keeniyaa warshaan boba'aa qulqulleessu kun Keeniyaa, Tangaa keessatti haa ijaaramu yaada jedhu dhiheesse, Daangooteen ammoo Mombaasaa wayya jedhee ture.

Pirezidant Saamiyaa Suluhuu ammoo bakka murteessuu dura qorannoo bal'aa fi saayinsaawaan gaggeeffamuu akka qabu dhaamte.

Warshaan Daangooteen ijaarsisuuf jedhu kun guyyaatti boba'aa baarmeela kuma 650 qulqulleessa jedhame.