Keeniyaatti gatii boba'aarratti daballiin guddaan taasifamnaan konkolaachiftoonni hojii dhaaban

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Konkolaachiftoonni Keeniyaa fi abbootiin qabeenyaa konkolaataa daballii gatii boba'aa torban darbe taasifame mormuun hojii waan dhaabaniif imaltoonniifi hojiin daldalaa gufateera.

Magaalaa guddoo Keeniyaa, Naayiroobii keessatti daandiiwwan gurguddoon qullaa ta'anii kan oolan yoo ta'u, imaltoonni hangi tokko miillaan bakkaa bakkatti socho'uuf dirqamaniiru.

Kutaalee byyattii keessattis sababa tiraanispoortiin addaan citeef hojiin akka gufate dhaga'ameera.

Namoonni mootummaan gatii boba'aa dabaluu morman daanii dhakaan cufuun gommaa gubaa oolaniiru.

Konkolaachiftoonniifi abbootiin qabeenyaa konkolaataa mormii kan dhageessisaa jiraniif gatiin boba'aa haala kanaan dura argamee hin beekneen parsantaa 20 waan dabaleefidha jedhu.

Mormii gatiin boba'aa dabaleen walqabatee Keeniyaatti jalqabeen kumaatamni tajaajila geejibaa dhaban.

Rakkoon kuni magaalaa guddoo biyyattii Naayiroobiifi magaalota guguddoo biroo biyyattii keessa argamanitti mudateera.

Sababa konkolaattonni geejibaa hojii dhaabaniif namoonni lafoo yeroo deeman mul'ataniiru.

Mootummaan Keeniyaa dhihoo gatiin boba'aa sadarkaa idil-addunyaatti waan dabaleef gatii boba'aa irratti jijjiirama taasiseera.

Keeniyaanonni daballii gatii baba'aa ilaalchisuun himata banan

Gatiin boba'aa akka dabale Caamsaa 14, 2026 ibsamuu hordofee Keeniyaanonni dhimmicha mana-murtiirratti dhiyeessuun dura dhaabbachaa jiru.

Gama kaaniin mormiin gatiin boba'aa dabaleen walqabatee Keeniyaatti jalqabeen gaafa Wiixataa kumaatamni tajaajila geejibaa dhaban.

Rakkoon kuni magaalaa guddoo biyyattii Naayiroobiifi magaalota guguddoo biroo biyyattii keessa argamanitti mudateera.

Sababa konkolaattonni geejibaa hojii dhaabaniif namoonni lafoo yeroo deeman mul'ataniiru.

Mootummaan Keeniyaa dhihoo gatiin boba'aa sadarkaa idil-addunyaatti waan dabaleef gatii boba'aa irratti jijjiirama taasiseera.

Keeniyaanonni maqaa nama Firaansis Awinoo jedhamuun Mana-murtii Olaanaa biyyattii irratti himata bananiin, gatiin boba'aa dabaluun Abbaa Taayitaa To'annoo Inarjiifi Petirooliyeemii (EPRA) ibsame hojiirra akka hin oolleef Manni-murtichaa akka dhorku gaafataniiru.

Keeniyaa keessatti gatiin petirooliyeemii liitira tokkorratti shilingii Keeniyaa 16n kan dabale yoo ta'u, kana jechuun dolaara Ameerikaa 0.13tiin dabale jechuudha.

Haaluma wal fakkaatuun gatiin beenzilaa liitira tokkotti Shilingii Keeniyaa 46.30n yookaan ammoo dolaara Ameerikaa 0.23n akka dabale ibsame.

Awinoon Abbaa Taayitichaa fi ministiroota biyyattii biroo waliin, gatiin boba'aa dabalame kun hojiirra oollaan jireenyi akka qaala'ui waan taasisuuf jiruu lammilee miidha jechuun himata isaa keessatti dhiyeesseera≥

Dabalataan namni himata bane kun himannaa dhiyeesse keessatti dhaabbileen dhimmi isaan ilaallatu seeraa fi Heera biyyattii osoo hin hordofiin daballii gatii boba'aa kana dabalan jechuun, iftoomina dhabuu murtee kanarratti gaaffii kaaseera.

Akka himataan kun jedhutti, murtiin iftoomina malee taasifame kun lammileen Keeniyaa duraanuu haala dinagdee rakkisaa keessa jiran daran itti hammeessa.

Himanni mana murtiirratti amma dhiyaate kun yaaddoo qaala'insa jireenyaa akkaan dabalaa jiru lammileen biyyattii keessa jiran kan ifatti agarsiisudha jedhameera.

Dabalataan, dokumantii mana murtiif dhiyaate kana keessatti, Awinoon mootummaan akkamitti akka EPRA Caamsaa 14, 2026 gatiin boba'aa dabaluu akka beeksise ilaalchisee ibsa akka kennuuf akka ajajuuf mana murtichaa gaafachaa jira.

Jalqaba ji'a Caamsaa kanaarra Ministeerri Daldalaa fi Industirii Keeniyaa boba'aan Salfarii baayyee makate hayyamamee biyyattii keessatti akka gurguramu murteessee ture.

Haata'u malee, himanni amma nama bakka bu'een dhiyaate kun akka jedhutti taanaan boba'aan Salfarii makate kun naannoo faala, konkolaataa miidha akkasumas, namoota dhukkuba gara garaatiif saaxiluu keessatti gahee qabaata jechuun falmiin dhiyaateera.

Himannaan kun kan dhiyaate hojjetoonni geejjiba ummataa Wixata 18, 2026 (har'a) irraa kaasanii hojii dhaabuun mormii akka gaggeessan karoorfatanii jiranittidha.

Kana malees, hojjetoonni geejjiba ummataa kunneen gatii geejjibaas parsantaa 50n akka dabalatan akeekkachiisaniiru.

Dhiyeessii boba'aafi aannisa addunyaaf bu'uura kan tahe Ulaan Hormuuz cufamuun diinagdee biyyootaa gara rakkoo wal-xaxaatti geessaa jira.

Waraana Iraan baatii tokko lakkoofsiseen raafamni addunyaa irratti mudate isa bara 1970 mudaterra akka hammaatu mallattoon mul'achaa jira.

Hanqina dhiyeessii boba'aa waraana Iraaniin hordofee mudateen gatiin omishaalee guyyuu dabalaa jiraachuu jiraattonni biyyoota Afrikaa biroo himachaa jiru.

Iraan daandii boba'aa fi gaazii guddaa kan ta'e Ulaa Hormuuz cufuu isheetiin hanqinni shaqaxoota adda addaa fi qaalayini gatii akka mudatu sababa ta'eera.