'Siitiin waancaawwan injifate akka dhabu yoo murtaahes Yunaayitidiif hin malu'- Rooniy

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

Maanchister Siitiin himannaawwan seera faayinaansii cabsuun irratti dhiyaateen badiin irratti argamuu booda waancaa mo'ate akka dhabu yoo ta'e waancaan kamuu Yunaayitidiif hin maluu jedhe taphataan duraanii garichaa Waaynii Rooney.

Siitiin himannaawwan irratti dhiyaatan 115niin balleessaan irratti argameera.

Himatni sirna faayinaansii Piriimiyeer Liigii cabsuu Siitiirratti dhiyaate bara 2009-2018 kan jiru ilaallata.

Bara dorgommii 2018-2023 ammoo qorannoo PL gaggeessuuf deeggarsa gochuu dhabuun himatame.

Badiiwwan Siitii kanaaf murteen adabbii maal akka ta'u ammatti hin beekamne. Siitiinis murtee darburratti oliyyannoo fudhachuuf karoorfateera.

Murteewwan Siitiirratti darbuu malan keessaa tokko waancaawwan injifate dhabuudha. Waggoota badiiwwan kunniin raawwatamaniiru jedhamee ibsame keessatti Siitiin Piriimiyeer Liigii sadii injifateera.

Rooni bara 2011/12 wayita Siitiin shaampiyoonaa ta'e Yunaayitiid waliin ta'ee sadarkaa lammataan xumure. Ammoo waancaan sun amma Yunaayitidiif kennamuu qaba jedhee hin amaanu.

Sagantaa Pookaastii Yunaayitiid Stick to United jedhamurratti kan dubbate jifataan duraanii kilabichaa dhugaa dubbachuuf haala kanaan meedaaliyaa PL fudhachuun garaa na hin gahu. Sababnisaammoo nuuf hin malu. Liigicha injifachuuf bara sana waan gaahaa hin goone'' jedhe.

''Akka taphataasaanii ta'ee yoon yaadu Piriimiyeer Liigii injifachuuf waan irraa eegamu hunduma gochaa turan, sammuun isaaniis sana gochuusaanii amana'' jechuunis dubbate.

Bakkasaanii dhaabbatee yoo ilaalu tattaaffiinsaanii hundi ''bushaan dhugee'' waancichi yoo irraa mulqame ''akkaaniin gadda'' jedhee.

''Siitiirraa fudhatamuu mala garuummoo akka gareetti bara sana waancichi nuuf ta'uu qaba jedhee hin amanu sababiinsaas tokkoffaa taanee hin xumurre.''

Rooneen Siitiin waancaa injifate mulqamuu hin qabu jedhee amana. Ammoo Liigicha keessaa gadi bu'uu qabu jedha.

''Siitiin liigicha keessaa waan bu'u natti fakkaata... akkamitti akka ta'u hin beeku garuu waan bu'an natti fakkaata'' jedhe taphataan duraanii ganna 40 Rooniin.

Liigii isa gada aanaa keessa akka galanin godha silaa. Achiis hamma maallaqaa baasan irratti waggaa sadiifi afuriif daangaan kaaha jedhe.