Haleellaan Abashgee kan lubbuu namoota hedduu galaafate akkamii fi eenyun raawwatame?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Naannoo Giddugaleessa Itoophiyaa Godina Guraagee aanaa Abashgeetti haleellaa wixata darbe raawwatameen namootni nagaa 10'n caalan ajjeefamuu jiraattonni BBCtti himan.

Hogganaan Bulchiinaasaafi Nageenyaa Naannoo Giddugaleessa Itoophiyaa Obbo Tamasgeen Kaasaa gamasaaniin, miidhaa haleellaa kanaan gahe kan qulqulleessu koreen hundaa'ee garasitti ergamuu fi koreen kuni hanga amma hojiisaa xumuruun gabaasa akka hin dhiheessine eeran.

Halleellaa kana kan aawwatan hidhattoota 'Faannoo' jedhaman ta'uu jiraattonniifi angaa'aan naannichaa kuni nihimu.

Haleellaan kuni Fulbaana 4, bara 2019 aanaa Abashgee magaala xiqqoo Waalgaa jedhamuun beekamtu keessatti raawwatamuu jiraattonni nihimu.

Gareen sosochii Biyyaalessaa Faaannoo Amaaraa gamasaatiin, gareen isaanii kan beekamtii qabu naannoo Abashgee keessa akka hin jirree fi haleellaa kanaafis dhaabichi itti gaafatama akka hin fudhanne BBCtti himan.

Gareen kun Naannoo Oromiyaa keessa, keessattuu Wallaggaa keessa, akka socho'u mirkaneesseera.

Nageenya isaanitif jecha eenyummaan isaaniii akka hin ibsamne kan gaafatan jiraattoonni aanaa Abashgee, haleellaan kuni gaafas guyyaa naannoo sa'aatii sagaliitti raawwatamuu fi namoota ajjeefamaniin alatti namootni ukkaamfamanii fudhataman akka jiran dubbatu.

Namoota dubbisne keessaa tokkko akka jedhanitti, haleellaa Kanaan namootni 15 miidhamuu arguu himu. "bakka addaa waddoo jedhamutti kan ajjeefaman yoo xiqqaate namoota 11 ta'u. isaan boolla tokkotti awwaalaman. eegasiin boodammoo namootni afur ajjeefamaniiru" jechuun lakkoofsi namoota ajjeefamanii 15 akka ta'e dubbatu.

Jiraattuun kun akka jedhanitti, namoota ajjeefaman kana keessaa akka maatii fi hiriyaatti namootni waliin jiraatan akka keessa jiraatan himu.

"Garuu boo'ichalleen gahuu hin dandeenye.nan sodaadhe. Ammoo qe'eerraa buqqa'aniiru" jedhu.

Namoota ajjeefaman Kanaan alattis namootni 16 ukkaamfamanii fudhatamuu maddi kuni BBCtti himan. Eegasiin boodayyuu dubartoonni afur ukkaamfamanii fudhatamuus himu.

Jiraattuun naannichaa biraa BBC'f yaada kennan gamasaaniin, namootni 13 du'uusaanii akka mirkaneeffatanii fi 'Lakkoofsi namoota du'anii dabaluu mala" jedhan.

Akka isaan jedhanitti ammoo lakkoofsi namoota butamanii 17.

Namoota butaman kunneen gadhiisisuuf bakka buutonni hawaasaa naannichaa garee hidhattootaa kana waliin mariitti akka jiran maddeen lamaan kuni himan.

Hogganaan Bulchiinsaa fi Nageenyaa naannoo Giddugaleessa Itoophiyaa obbo Tamasgeen Kaasaa halleellaa Wixata darbe raawwatame kanarratti ragaan qulqullaa'e mootummaaf akka hin geenye himan.

"Garee miidhaa balaa gahe kanaa qulqulleessu gurmeesinee ergineerra" jechuun namootni ajjeefamuu fi butaman jiraachuu mirkaneessan.

Akka jiraattuun BBCtti dubbatan tokko jedhanitti, yeroo haleellaan kuni raawwatamutti namootini naannichatti boo'icha gahuuf deeman akka turan himu.

"Awwaalcharraa deebi'anii nyaataaf akkuma gadi taa'aniin naannichatti dhukaasni baname. Eegasiin booda namootni boo'icha dhufan kunneen rifaatuudhana baqatanii bosona keessa erga baqatanii guyyoota sadii booda deebi'ani " jechuun Kamisa, Fulbaana 9 , bara 2019 BBCtti himan.

Haleellaa kanaan booda namootni maatiin isaanii jalaa ajjeefame sodaadhaan qe'ee isaanii gadhiisanii akka baqatanis himu.

Haleellaa Wixata darbe raawwatame Kanaan booda haleellaan biraa kan hin dabalamne ta'ulleen, jiraattonni yaaddoo 'Ammas deebi'anii nuhaleelu jedhuun' qe'ee isaanii dhiisanii baqachaa jiraachuu himu.

"Jiraattonni jumlaadhaan gadhiisanii bahaa jiru" jechuun namootni buqqa'an kunneen magaala guddoo godinichaa kan taate gara Walqixxeetti baqataa jiru.

Jiraattuun biraa ammoo "Bubbuluu wayya kan jedhuun hunduu gadhiisee bahaa jira" jechuun haala jiru ibsu.

Buqqaatonni kunneen gariin gara Godina Ollaa Shawaa Kibba Lixaa aanaa Noonnootti kan baqatan yoo ta'u, kaan ammoo gara Walqixxeetti baqatu.

Raayyaan ittisa biyyaa yeroo ammaa gara iddoo haleellaan itti raawwatame kanaatti bobba'uus jiraattonni nihimu.

"Bakka nuti jirru baankiilees ta'e tajaajiloonni biroo jira. isaaf jedhanii yoo nu eegan malee nuti humna hin qabnu" jechuun yaaddoo isaanii ibsu.

Ittidabaluunis "Lammiileen nagaa hedduun ajjeefamaa jiru. biyyi badaa jirti. Mootummaan biyya tiksu osoo dhufee nigammadna. Biyyi yoo duute eenyutu fayyadama?" jedhu.

Seera dhabdummaan jabaateera jechuun aanaa Abashgee kanatti Komaandipoostiin humna nageenya mootummaa jiraatulleen, "Hidhattoonni humna mootummaatiin oli" jedhu jiraattonni.

Qaamoleen haleellaa kana raawwatan ofiisaanii 'Faannoo' jechuun akka ofwamaanii fi kaayyoon isaanii "Saamicha raawwatu" jechuun ibsu.

Haleellaan kuni kan hammaate waggoota sadiin asitti akka ta'ee fi naannoo Oromiyaa Godina shawaa kibba lixaa aanaa Noonnootti wagga lamaan dura haleellaa raawwateen buqqaatiin uumame ka'umsa rakkoo ammaa kanaa akka ta'es dubbatu.

Akka jiraattonni jedhanitti, mootummoonni naannolee lamaanii walii isaanii waliin mari'achuun furmaata yoo hin keenye saamichii fi ajjeechaan kuni itti fufuu mala yaaddoo qabu.

Deebii Fannoo

Sososchiin Biyyaalessa Faannoo Amaaraa gamasaatiin haleellaa Abashgee kana keessaa akka harka hin qabne ibse.

Dubbi himaan isaanii Asres Maaree Daamxee, sochiin garee kanaa naannoo Amaaraa keessatti qofa kan daangeffame akka hin taanee fi "Haleellaa Aana Abasheegtti lammiilee nagaa irratti raawwatame jedhame kanarratti garuu gareen keenya gaafatama hin fudhatu" jedhan.

Abashgees ta'e iddoowwan birootti ofittisuuf jecha gurmaa'anii Faannummaan dargaggoonni ofwaaman akka jiran garuu ni amanna jedhan.

Hogganaan Bulchiinsaa fi Nageenyaa Naanno Giddugaleessa Itoophiyaa obbo Tamasgeen, hidhattoonni kunneen bara dargii keessa naannicha kan qubsiifamanii fi eegasii naannichuma kan jiraatan akka ta'e himu.

"Saamichaa fi nama ukkaamsuu irratti bobba'uudhaan humnaan maallaqa argachuu irratti bobba'aniiru" jechuun namoota mootummaaf odeeffannoo kennu jedhan adda baasuun ajjeechaa fi haleellaa biroo akka irratti raawwatan himu.

Halleelllaawwan akkanaa naannichatti erga bara 2013 asitti mul'achaa akka jiruu fi mootummaan hawaasa nannoo waliin mari'achuun furmaata kennuuf tattaaffii taasisaa turuus eeran.

Kanaanis gara jireenya idileetti kan deebi'an akka jiraniifi kanneen hidhannoon ittifufuu murteessan irratti ammoo mootummaan tarkaanfii fudhachuu itti fufa jedhan.

Haleellaa Wixata darbe raawwatame kanaafis tarkaanfii fudhachuuf qaamoleen nageenyaa mootummaa karaa gurmaa'een naannichatti bobbaafamanii jiraachuu himan angaa'aan naannichaa kun.

Aanaan Abashgee bakka dhiheenya qaaamoleen mootummaa dargaggoota sadii murtii seera amalee konkolaataarraa buusuun ajjechaa irratti raawwatanitti haleellaan miilanaa kuni hidhattootaan raawwatame.

Ajjeechaan dargaggoota kanaa raawwatamuusaa BBCn tibba sana jiraattotarraa odeeffatee ture.

Hogganaan bulchiinsaafi nageenya naanichaa waa'ee haleellaa guyyichaa yeroo himan "tarkaanfiin kuni kan fudhatame shiftoota karaa nagaa mootummaan kenne fudhachuu didan irratti" jedhan.

Ta'ulleen BBC'n yeroo sanatti angaa'aa naannichaa kana dabalatee qaamolee mootummaa irraa yaada argachuuf yaaliin taasise hin milkoofne ture.