Biyyoota Afrikaa mootummaa abbaa irreen bulan 10 kunneen beektuu?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 6

Biyyoota Afrikaa tokko tokko keessatti dhimmoota siyaasaa fuulleetti dubbachuun yookiin angawoota qeequun hidhaadhaaf nama saaxiluu danda'a. Darbees lubbuu ofii dhabuufis sababa ta'uu mala.

Waggoota kurna muraasa darban keessa mootummoonni Afrikaa heddu mootummaa abbaa irree ta'uun mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu ukkaamsaniiru.

Kana malees sagaleewwan mormii ugguruun fi adeemsa filannoo to'achuun sirna dimokiraasii biyyasaanii quucarsaniiru.

Duubatti deebi'uu dimokiraasii

Gabaasni Inistitiyuutii Vaaraayitiis of Dimokiraasii (V-Dem) akka agarsiisutti biyyoota Afrikaa 55 keessaa 10 mootummoota abbaa irreen yemmuu bulan biyyoonni 26 immoo fakkeessuuf qofa filannoo taasisaniiru.

Inistitiyuutiin biyya Siwiidiin, Yunivarsiitii Gotanbarg keessatti argamu kun, "Lammiilee biyyoota addunyaa garagaraa keessa jiraniif dimokiraasiin gara sadarkaa bara 1978 turetti duubatti deebi'eera" jedha.

Lammiilee idilee biyyoota Awurooppaa Lixaa fi Ameerikaa Kaabaa jiranif dimokiraasiin haala waggoota 50 keessatti mul'atee hinbeekneen gadi bu'eeras jedha gabaasni dhaabbaticha.

Kanaaf sababni immoo adeemsi bulchiinsa abbaa irrummaa Yunaayitid Isteetis (US) keessatti mul'achuusaa akka ta'es hima.

Afrikaa keessattis waggoota 25 darban keessa dimokiraasiin hanga ta'e lafa qabatee abdii kan uume ta'us, adeemsi abbaa irrummaa mul'achaa jira.

Lakkoofsi namootaa irra guddaan sirnoota abbaa irree jalatti bulu

Dhuma bara 2025'tti addunyaarratti biyyoonni 92 mootummoota abbaa irreen yemmuu bulan, kan mootummaa dimokiraasiin bulan garuu biyyoota 87 qofa.

Haaluma kanaan namoota addunyaarra jiran keessaa dhibbeentaan 74 (namoonni biliyoona 6) sirnoota abbaa irree jalatti akka bulan gabaasni inistitiyutichaa agarsiisa.

Gama biraatiin immoo namoota addunyaarra jiran keessaa dhibbeentaan 7 (namoonni biliyoona 0.6) qofti sirna dimokiraasii bilisaan bulu.

"Waggoota 10 darban keessatti duudhaaleen dimokiraasii hundi bifa jedhamuun miidhaan irra gaheera.

Bara 2025'tti mirgi yaada ofii bilisaan ibsachuu biyyoota 44 keessatti gadi bu'eera, dararaanis namoota yaadawwan faallaa qaban callisiisuuf faayidaarra oolaa jira. Dabalataan dimokiraasiin biyyoota 33 keessatti gadi bu'eera" jedha.

Afrikaa gammoojjii Sahaaraa gadii- iddoo dimokiraasiin itti qoramu

Biyyoota Afrikaa gammoojjii Sahaaraa gadii keessatti haalli dimokiraasii gara haala jalqaba bara 2000'tti turetti deebi'eera.

Kanaaf agarsiistuu kan ta'an immoo fonqolchawwan mootummaa waraanaa biyyootaan taasifaman naannoo Saahelitti mul'achuufi jabaachaa deemuu mootummoota abbaa irreeti.

"Biyyoota Afrikaa akka Ripablika Giddugaleessaa Afrikaa, Mozaampik fi Toogoo keessatti cimaa deemuun sirnoota abbaa irree adeemsa negatiiva kanaaf kunneen gummaachan keessaati" jedha Inistitiyuutiin V-Dem.

Gama biraatiin biyyoonni abbootii irreen bulanfi "filannoo" gaggeessan kan akka Itoophiyaa, Taanzaaniyaa fi Yugaandaa yemmuu ta'an, biyyoonni akka Botisiwaanaa, Gaanaa fi Afrikaa Kibbaammoo kunneen sirna dimokiraasii filannoorratti hundaa'e hojiirra oolchanidha.

Biyyoonni akka Keeniyaa fi Naayijeeriyaammoo hanga ta'e amala mootummoota dimokiraatawaa qabaatanis guutummaatti dimokiratawaadha kan jedhaman miti.

Biyyoota Afrikaa gammoojjii Sahaaraa gadii 10 kan mootummaa abbaa irreen bulan

1. Ertiraa

Walakkeessa bara 1990'mootarraa eegalee lammiileen Eertiraa yeroo muraasaafis ta'u mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu argatanii turan.

Gaazexaawwan walabaa biyyattiis namoota yaadama mootummaa biyyattiin faallaa qaban keessummeessaa turan.

Haa ta'u malee Fulbaana 2001 eegalee mootummaan biyyattii kallattiisaa jijjiiruu eegale.

Fulbaana 11, 2001 wayita qalbiin addunyaa haleellaa US'tti raawwatamerratti xiyyeeffatutti angawoonni Eertiraa gaazexaawwan walabaa biyyattii ugguruun sagaleewwan qeeqaa biyyattii isaan ijoo ta'an ukkaamsan.

Dabalataan gaazexeessitoonni heddu to'annoo jala oolan, kan biroon immoo bifa ifatti hinbeekamneen eessa buuteen isaanii dhabame.

Mootummaan biyyattii namoota miseensa garee G-15 jedhamanfi lakkoofsaan 11 ta'anis to'ate. Namoota kunneen keessa ministira dhimma alaa biyyattii kan turan namoonni sadi, hogganaan waraana biyyattii duraanii fi miseensotni Yaa'ii Biyyaalessaa heddu keessatti argamu.

Dhumni namoota kanaa maal akka ta'es wanti ifatti beekamu hinjiru.

Haala kanaan dimokiraasiin lammiilee Eertiraa heddu biratti iddoo guddaa qabu ni bade, mootummoota abbaa irree ardii Afrikaarra jiran isaan hammaatoo keessaa tokko kan ta'es Eertiraa keessatti lafa qabate.

Bifa kanaan waggoota 30 oliif Pireezidaant Isaayyaas Afawarqiin bulaa kan jirtu Eertiraan, filannoo pirezidaantummaa gootee hinbeektu.

2- Burkinaa Faasoo

Fulbaana 2022 aangoo harkatti kan galfate sirni bulchiinsa waraanaa Burkinaa Faasoo jibba dimokirasiif qabu gonkumaa hindhoksu.

Biyyattii keessatti angawoonni waraanaa miidiyaalee idil addunyaa ugguruun gaazexeessitoota muraasas biyyattiidhaa ari'aniiru.

Ji'a Onkololeessaa bara darbemmoo bulchiinsichi Komishinii Filannoo Biyyaalessaa Walabaa (CENI) ni biittinse. Ji'oota shan booda Amajjii 2026 immoo paartilee siyaasaa biyyattii hunda diige.

Gaafif deebii televiziyoona biyyaalessaarratti Eebla 2, 2026 tamsa'een hogganaan biyyattii Kaapiteen Traaworee, lammiileen Burkinaa Faasoo "waa'ee dimokiraasii akka irraanfatan" waamicha dhiyeessan.

"Dhimmoota filannoorratti hin xiyyeeffannu, namoonni waa'ee dimokiraasii irraanfachuu qabu. Dimokiraasiin kan keenya miti" jedhan.

Lammiileen biyyattii bulchiinsa waraanaa Kaapiten Traaworee qeeqan tokko tokkos osuma lammii siiviilii ta'aniyyuu waraana biyyattii cinaa hiriiruun shororkeessitoota akka lolan dirqisiifamu.

3- Maalii

Maalii keessatti Bitootessa 26, 1991 ture fincilli ummataa mootummaa abbaa irree Jeneraal Muusaa Tiraaworeen hogganamu kan fonqolche.

Waqtii sanatti dargaggeessafi ofiisara waraanaa kan ture Amaaduu Tomaanii Turee yaada biyyattii gara dimokiraasiitti ceesisuu jedhuun aangoo qabate.

Yeroo ce'umsaa boodas biyyattiin filannoo paartilee siyaasaa garagaraa hirmaachise taasisuun Aalfaa Omaar Konaaree gara aangootti dhufan. Kunis yaalii dimokiraasii biyyoota dhiha Afrikaa hedduuf fakkeenya ta'uuf jalqabbii gaarii ture.

Haa ta'u malee waggoota 30 booda biyyattiin gara iddoo duraan turtetti deebiteerti.

Fonqolchawwan mootummaa lama booda bara 2020'tti aangoo kan qabate humni waraanaa biyyattii yeroo gara yerootti adeemsa dimokiraasii biyyattii quucarsaa jira.

Biyyattii keessatti dirreen siiviilii fi siyaasaa akka malee dhiphateera. Paartileen siyaasaa diigamuun cinatti dhaabbileen siiviilii heddu sochiinsaanii danqameera.

Namoonni siyaasaa ijoon to'atamaniiru yookiin hidhamaniiru, gaazexeessitoonni, aktivistoonni fi kunneen mootummaa qeeqanimmoo dhiibbaa irra gahuun biyyattii dhiisanii bahaniiru.

4- Niijer

Niijer akkuma biyyoota Lixa Afrikaa kan biroo quucaruu dimokiraasii keessummeessuu erga eegaltee bubbulteerti.

Biyyattiin bara 1990'moota keessa sirna mootummaa paartii tokkoorraa gara sirna mootummaa paartilee hedduutti ce'uun siyaasashee cimsachuuf carraa argattee turte.

Ergasii asis bara 2000 keessa bulchiinsonni siiviilii bifa milkaa'aan aangoo walii dabarsaa turan.

Haa ta'u malee bara 2023 keessa gareen miseensota waraana biyyattii keessaa bahe mootummaa Mohaammad Baazum fonqolche. Itti aansuunis paartilee siyaasaa hacuucuun cinatti filannoofi cee'umsa gara bulchiinsa siiviiliitti taasifamu yeroo hin murtoofneef dheeresse.

Dabalataan gareen fonqolcha mootummaan aangoo qabate kun sirna siyaasaa biyyattiirratti to'annoosaa cimsuun cinatti mirga yaada ofii bilisaan ibsachuus sarbuu jalqabe.

5- Sudaan Kibbaa

Waraana bilisummaa waggootaaf taasifame booda biyya ofdandeesse ta'uun kan hundoofte Sudaan Kibbaa hanga ammaatti paartii pirezidantii biyyattii Saalvaa Kiir kan ta'e Warraaqsa Bilisummaa Uummattoota Sudaanin (SPLM) bulaa jirti.

Biyyattiin Adoolessa 2011 erga bilisoomtee booda dhaabbileen mootummaa hundi to'annoo paartii SPLM jala galan, dirreen dimokiraasiis ni dhiphate.

Bara 2013'tti wal waraansi biyyattii keessatti erga eegalee asis aangoon biyyattii bulchuu wal morkii Pirezidantii biyyattii Saalvaa Kiir fi Itti Aanaan isaanii Reek Machaar gidduutti taasifamurratti hirkateera.

Haala kanaanis abjun dimokiraasii lammiilee Sudaan Kibbaa hanga ammaatti osoo hindhugoomiin hafeera.

6- Sudaan

Sudaan mootummaa waraanaa jeneraal Abdul Fattaah Al-Burhaaniin hogganamuun bulaa jirti.

Kana malees biyyattiin wal waraansa humnootii mootummaafi hidhattoota Humna Deeggarsaa Saffisaa (Rapid Support Forces-RSF) gidduutti adeemaa jiru keessa erga seentee waggoonni lakka'amaniiru.

Dhaabbileen mirgoota namoomaaf falmanis ajjeechaawwan jumlaafi sarbamawwan mirgoota namoomaa gareelee lamaaniin raawwataman qeeqaa turaniiru.

7. Somaaliyaa

Ziyaad Barreen bara 1969 fonqolchaan aangoo erga qabatanii booda lammiileen Somaaliyaa carraa hooggantootasaanii filachuu hinarganne.

Ziyaad Barreen siyaasa paartilee hedduu dhabamsiisuun cinatti hojiirra oolmaa heera biyyattii dhaabsisuun mootummaa abbaa irree hundeessan. Mootummaan abbaa irree kunis bara 1990'moota keessa biyyattii wal waraansa guddaatti galche.

Waggoota muraasaa asis biyyattiin lammiileenshee filachuu danda'an dhorkaa malee akka filatan gochuunfi filannoo paartileen siyaasaa garagaraa irratti hirmaatan adeemsisuun sirna dimokiraasii walakkaa jaarraa oliif qormaata keessa ture dadammaqsuuf socho'aa jirti.

8- Giinii

Giiniin Mudde 2025 fi Caamsaa 2026 filannoo gaggeessitus mootummaanshee garuu yeroo gara yerootti adeemsa mootummaa abbaa irree hordofaa jira.

Namoota hidhuu, eessa buuteensaanii akka dhabamu gochuu fi du'aatiiwwan shakkisiisoon namoota hidhaarra jiran mudatu dhimmoota mootummaan biyyattii ittiin beekamu keessaa ta'aniiru.

Filannoo Mudde 2025 taasifameen Jeneraalli waraanaa bara 2021 keessa foonqolcha mootummaan gara aangootti dhufan Jeneraal Maamaadi Dombooyaa sagalee ummataa dhibbeentaa 86.72 argachuun injifataniiru jedhame.

Haa ta'u malee filannicha dursee hoggantoonni paartilee mormituu isaan ijoon filannoo pirezidaantummaa keessaa akka bahan taasifamee ture. Kunis adeemsi filannichaa jalqabumarraa eegalee muudaa kan qabu akka ta'u taasiseera.

Gama biraatiin dhaabbileen siiviilii heddu dhiibbaa mootummaan biyyattii dirree siiviilii fi siyaasaarratti taasisu qeeqaa turaniiru.