Manneen barnootaa Finfinnee keessatti birrii guddaa kaffalchiisan beektuu?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Itoophiyaatti manneen barnootaa mootummaa keessatti tolaan baratama.

Ta'us, manneen barnootaa dhuunfaa fi Internaashinaalaa biyyattii keessatti argaman kaffaltiin waggaaatti barattoota kaffalchiisan kumootaa hanga miliyoonaatti gaha.

Manneen barnootaa internaaashinaalaa Finfinnee keessatti argaman kaffaltiin isaan barattootaaf gaafatan daran olaanaa kan jedhamu.

Gabaasni A.L.A bara 2026/27 bahe akka mul'isutti, manneen barnootaa kunneen barataa tokkoof waggaatti hanga doolaara kuma 37 yookan birrii Itoophiyaatti hanga miliyoona ja'aa gaha.

Kaffaltiin kuni akkuma lammummaa baratichaa, kutaa baratichaa fi haaldureewwan adda addaatiin garaagarummaa qaba.

Kaffaltii waggaatiin alattis kan galmee, kan qorumsaa, fi meeshaalee barnootaaf jechuun kaffaltiiwwan adda addaa qofaatti jira.

Manneen barnootaa Finfinnee keessatti kaffaltii olaanaa kaffalchiisan keessaa sadii ragaa maddeen adda addaa irraa arganneen qindeessineerra.

Internaashinaal Komunitii Iskuul

Manneen barnootaa internaashinaalaa Finfinnee keessatti argaman keessaa tokko kan ta'e manni barumsaa internaashinaal Komunitii Iskuul (ICS Addis), bara 2026/27 akkuma haala sadarkaa barnoota barataa irratti hundaa'uun gulantaalee kaffaltii adda addaa ifa godheera.

Weebsaayitii mana barumsichaa irratti akka ibsametti, kaffaltiin doolaaraan kan shallagamu yoo ta'u, daa'imman waggaa sadii hanga afurii ta'aaniif barnoota guyyaa guutuutiif kaffaltiin waggaa doolaara kuma 19 fi 495 yookan birrii Itoophiyaatiin miliyoona sadii.

Barattoota kutaa 11 fi 12 ta'aniif ammoo kaffaltiin waggaa doolaara kuma 37 fi 215 yookan birrii Itoophiyaatti 5,982,914 jechuudha.

Bu'aadhaaf akka hin hundoofne kan ibsamu manni barumsichaa, galmeedhaaf immoo addatti doolaara 300 yookan birrii kuma 48 kaffalchiisa.

Akkatuma sadarkaa baratichaatti garaagartee haa qaabaatu malee barataan haaraa mana barumsichaa seenu fooyya'iinsa mana barumsichaa fi dhimmoota addaa addaatiif kan oolu doolaara kuma 10 yookan birrii Itoophiyaatti 1,633,544 kaffalchiisu.

Manni barumsaa kuni bara 1964 kan hundaa'e yoo ta'u, daa'imman waggaa sadiitii hanga kutaa 12ffaa barsiisa. Kana malees sirna barnootaa idiladdunyaa ta'e akka hordofutu himama.

Barnoota idileetiin alatti, dandeettiiwwan dabalataa akka Ispoortii, aartii fi bashannanaa adda addaas barattootaaf carraa barnootaa akka mijeessus himama.

Mana barumsaa Imbaasii Jarman

Manneen barnootaa internaashinaalaa Finfinnee keessatti argaman keessaa tokko kan ta'e manni barumsaa kuni Bara 2026/27 f kaffaltiiwwan adda addaa ifoomseera.

Akka manni barumsichaa ibsetti barattoonni harka 75 ta'an kaffaltii mana barumsaa kan kaffaluuf dhaabbilee maatiin isaanii keessa hojjetan akka ta'eefi barattoonni kutaa 11ffaa fi 12ffaa waggaatti yuuroo kuma 20 fi 803 yookan birrii Itoophiyaatti miliyoona 3.8 kaffalchiisa.

Barattoota kutaa 5 hanga 10 ta'aniif ammoo kaffaltiin waggaa birrii milyoona 3.6.

Maatii ofiisaaniitii barattootaaf kaffalaniif garuu kaffaltiin kanarra nihir'ata. Barattoota kutaa 11 fi 12f birrii miliyoona 1.6, barattoota kutaa 5 hanga 10f ammoo birrii miliyoona 1.5 kaffalchiisu.

Kaffaltii waggaa Kanaan alattis kaffaltiin bulchiinsaa nijira. Kitaabotaa fi meeshaaleee barnootaatiifis kaffaltii dabalataa jira.

Manni barumsichaa weebsaayitiisaarratti akka ifoomsetti barattootti yaaliiwwan saayainsii, ispoortii fi ogummaa harkaa irratti nihirmaatu.

lammiilee Itoophiyaataiif kaffaltiin birriidhaan kan raawwatamu yoo ta'u, hammeentaan isaa sharafa maallaqa Jarmanii fi birrii Itoophiyaa irratti hundaa'a.

kana malees yeroo barattoonni mana barumsaatii bahan yoo xiqqaate hanga sa'aatii 11tti maatii yookan guddiftoonni yoo hin fudhanne sa'aatii 11:30 irraa eegalee kan herreegamu sa'aatiitti birrii 3,300 kaffalchiisa.

Seenaan mana barumsaa kanaa kan jalqabu bara 1926 irraayi. Yeroo suni yeroo misiyoonotni Jarman waldaa jalqabaa isaanii hundeessani.

Yeroo waraana addunyaa 2ffaa manni barumsichaa cufamee kan ture yoo ta'u, bara 1954 kutaalee addunyaa adda addaatti hojii barsiisuu itti fufe.

Lisee Gabramaariyaam

Manni barumsaa kunis manneen barnootaa Finfinnee keessaatti kaffaltii olaanaa kaffalchiisan keessaa tokko.

Manni barumsichaa lammummaa barataa fi sadarkaa barnootaa irratti hundaa'uun kaffaltii bara barnootaa 2026/27 ifa godheera.

Lammiilee Itoophiyaa fi mirga lammummaa Itoophiyaaa kanneen qabaniif kaaffaltiin wagga baranoota sadarkaa duraa birrii kuma 401 fi 800 yoo ta'u, sadarkaa lammaffaaf ammoo birrii kuma 420.

Lammiilee Faransaayiif ammoo barattoota sadarkaa duraa Yuuroo 6,750 sadarkaa lammaffaaf ammoo yuuroo 7,150. Kuni sharafa amma jiruun birrii miliyoona 1.2 fi birrii miliyoona 1.3 akka jechuuti.

Lammiilee Itoophiyaa ykn Faransaayi kan hin taaneef ammoo kan sadarkaa duraaf Yuuroo 8,800 birrii Itoophiyaatti miliyoona 1.6 yoo ta'u, kan sadarkaa lammaffaaf ammoo yuuroo 9,550 yookan birrii Itoophiyaatti miliyoona 1.7 kaffalchiisa.

Kaffaltii waggaatiin alatti kaffaltiiwwan biroo akka kan galmee, meeshaalee barnootaa fi kaan ammoo addatti nijira.

Lammiilee Itoophiyaa fi lammiilee mirga Itoophiyummaa qabaniif barattoota sadarkaa lammaffaaf birrii kuma 296 fi 400 kaffalchiisa.

waliigaltee mootummaan Hayilesillaasee fi mootummaan Faransaaayi taasisaniin manni barumsaa kuni bara 1948 barattoota sadarkaa duraa 176'n hojii baruu fi barsiisuu eegale.

Manni barumsichaa afaan Faransaayi babal'isuu irrattis kan hojjetu yoo ta'u, barattootaa 1,800 caalan akka qabutu himama. Kana keessaa harka 70 kan ta'an lammiilee Itoophiyaati.

Hoji gaaggeessaa waldaa manneen barnootaa dhuunfaa magaala Finfinnee kan ta'an Obbo Atsibaha Abrahaa, magaalaa Finfinnee keessa manneen barnootaa dhuunfaa 1,500 ta'utu jira.

Manneen barnootaa dhuunfaa kunneen mindaa barsiisotaa fi baasiiwwan bulchiisaa adda addaa danda'uuf baasii guddaa kan isaan gaafatu akka ta'e himu.

"Nama tokko tokkoof manneen barnootaa kuni callisanii birrii sassaabaa kan jiran itti fakkaachuu danda'a. dhugaansaa garuu kan biraati" jedhu manneen barnootaa kuni baasii guddaa akka barbaadan himuun.

BBC'n Finfinnee keessatti mannean barnootaa kaffaltii olaanaa gaafatan kamf aa'a kan jedhuun manneen barnootaa kunneen ilaale malee manneen barnoota miliyoonaan kaffalchiisan lakkoofsi isaanii laayyoo akka hin taane xinxaala taasiseen hubateera.