Cidha obbolaa lakkuun dubartoota lakkuu guyyaa tokkotti fuudhan iratti, sirna luboota lakkuun gaggeefame

Madda suuraa, Family Handout
Suuraa cidhaa lakkuuwwaniin guutee miidiyaa hawwaasaa irratti dubbii ijoo taheera.
Obbolaa dhiiraa lakkuu tahanii dhalatantu dubartoota lakkuu guyyaa tokkotti fuudhe.
Isa qofa miti. Sirna cidha isaanii kan gaggeesse ammoo luboota lama ofii isaaniiyyuu lakkuu tahanii dhalatanidha. Wal tajjii isaaniii kan bareechee fi dursa ammoo namoota biraa lama lakkuu tahanii dhalatanidha.
Cidhi kun waggootaaf itti yaadamuun qophaa'aa ture.
''Cidha tokko irratti lakkuuwan afur wal faana argamuun waanuma tasa tahe miti'' jedhe Akiil Toomaas, misirroota keessaa tokko kan tahe.
![Nikhil Toomaas- Maariyaa Meerii [bitaa] fi Maagii Meerii-Akhil Tomas (mirga) cidharratti bataskaana keessatti keessummoota waliin](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/640/cpsprodpb/fb53/live/bac16fd0-962d-11f1-acde-358da1a6646b.jpg.webp)
Madda suuraa, Family Handout
"Dubartoota lakkuu malee hin fuunu jennee murteeffannee ture. Maatiin keenya waggoota sadii guutuu dubartoota lakkuu tahanii dhalatan nuuf tahan barbaadaa turan'' jedhe Niikhiil Toomaas.
Inni obboleessa misirroo isa tokko yoo tahu lakkuu isaati. Akhiil jedhama.
Osoo haadha warra lakkuu barbaadanii fakkaata. Akka aadaa naannichaatti osoo hin fuudhiin turaniiru jedhama.
Umuriin isaanii 32. Biyyoota kaanitti umuriin kun gaa'laaf barfateera waan jedhamu miti.
''Umuriin keenya soddomoota keessa waan galeef firoonni keenya dhiisaa dubartoota lakkuu barbaacha umurii keessan hin fixiinaa nu jedhu turan. Akka ariifannee fuunu dhiibbaa gochaa turan'' jedhe Akhiil.
''Inumaayyuu lakkuu barbaacha dhiistanii dubartiima kaan keessaa hin fuutan taanaan osoo hin fuudhiin dhaabbatanii hafuu keessani nu jedhu ture'' jedhe.

Madda suuraa, Family Handout
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Ilmaan isaanii kanneeniif dubartoota lakkuu tahan barbaacha maatiin isaanii sagantaa dhaabbileen ykn miidiyaaleen namoota lakkuu tahanii dhalatanii gaa'ila barbaadaniif qopheessan irratti argamaa turan.
Akhiil akka jedhutti osoo haadha warraa isaanii ammaa Maagii fi Maariyaa waliin wal hin argiin dubartoota lakkuu tahanii dhalatan 40 tahan waliin wal baraniiru.
Akka carraa tahee dubartoonni umuriin isaanii 31 tahan lakkuutti heerumuu barbaadu ture.
''Ijoollummaa keenyatti kan waliigalle yoo fuune lakkuu malee hin fuunu'' kan jedhu ture jedhe.
''Yeroo Akhiilii fi Mikhiil jalqaba argine takkumaan isaan jaallanne'' jette Maariyaan.
Isaan kunneen abbaa warraa keenya tahuu qabu'' jennee murteessine jette.
Sana booda dubartoonni lakkuun kunneen sirna cidha isaaniis kan eebbisu luboota lakkuu tahan akka tahan murteessan.
Yaadni kun ammoo Maagii fi Maariyaa irraa dhufe. Isaan bara darbe obbolaa lakkuu tahan lama bara darbe waldaa keessatti arganii ture.
Maqaan isaanii Jeeroonii fi Johaan Jeemsi jedhamu. Erga akka wal fuudhani murteessanii saganticha akka wal tajjii irratti dursaniif ijoollee lakkuu tahan kanneen afeeran.

Madda suuraa, Family Handout
Haati Akhiil fa'aa ammoo gaa'ila ijoollee ishee kana akka eebbisaniif luboota lakkuu tahan argatan.
Antoo fi Ajoo Perumkaatil jedhamu. Ji'a tokko dura ture sagantaa kadhannaa irratti kan wal argan.
Cidha ijoolle ishee adda tahee qophaa'e kana irratti akka argamaniif afeerte.
''Yeroon luboota kanneen argee haala cidha keenyaa bal'inaan itti himu baay'ee isaan raaje'' jedhe Akhiil.
Erga suuraan cidha isaanii qoodamuun miiidiyaa hawwaasaa irratti akka malee jaalatamee luboonni lakkuu sirnicha eebbisan haalaan gammadaniiru jedhe.
"Nuuf sirna gaa'ilaa yaadannoo dhugaa qabudha'' jedhe lubni gaa'ilicha eebbise Ajoon.
Erga suuraan isaanii miiidiyaa hawwaasaa irra deemuu jalqabee maatiin lama cidha ijoollee isaanii lakkuu dhiiraa fi dubartootaa lama irratti akka argamnuuf nu afeeran jedhe lubichi.

Madda suuraa, Family Handout
"Gaa'illi keenya kan jaalala jalqabnee dhufe miti. Maatii keenyatu walitti nu fidee akka wal fuunu godhe'' jedhe Niikhiil.
Kun sirna gaa'ila aadaa Hindii beekamaadha. Maatii fi jaarroleetu namoota waliif tahan filee walitti isaan fida.
Erga suuraan cidha kanaa oonlaayinii qoodamee maatiin isaanii eebba guddaa argatan.

Madda suuraa, Family Handout
Fayyadamtoonni miiidiyaa hawwaasaa kumaatamni ergaa baga gammaddanii qoodaniiruufi. Ijoollee lakkuu kanneeniif gaa'ila abdataa turantu milkaa'eefii jechuun akka gammadaniif himan.
''Suuraan cidha keenyaa akkas miiidiyaarra bahee jaalatama jedhee hin eegne'' jette Maariyaan.
''Ittiin beekamtii argachuuf yookaan akka jaalatamuuf jennee akkas hin goone. Abjuu ijoollummaa keenyaa milkeessuuf malee'' jette.

















