Waa'ee xiyyaara waraanaa Itoophiyaatti tibbana kufte jedhamee maal beekna?

Jeettii Shawaa Bahaa aanaa Booraatti kuftee caccabde. Hidhattoonni uffata waraanaa fi uffata biraa uffatan meeshaa waraanaa qabatanii bira dhaabbatu. Karaa bitaarraan jiru. Xiyyaarri waraanaa kufte kan isaan bira dhaabbatan halluu diimaa fi cuquliisa qaba

Madda suuraa, Miiidyaa hawwaasaa

Ibsa waa'ee suuraa, Jeettii Shawaa Bahaa aanaa Booraatti kuftee caccabde
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Tibbana miiidiyaalee hawwaasaa irratti xiyyaara waraanaa Itoophiyaati kan jedhame kufee caccabuun dubbii ijoo taheera.

Kaan suuraa fi viidiyoo qooduun hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromootu kuffiise jechuun qoodan.

Mootummaan Itoophiyaas tahe Humni Qilleensaa biyyattii dhimma kana ilaalchisee ibsa kenne hin qabu.

Humna Qilleensaa irraa odeeffannoo argachuuf BBCn yaalee hin milkoofne.

Jiraattonni aanaa Booraa BBC'n dubbise xiyyaarri waraanaa kufuu dhageenyeerra. Gaafa Kibxataa akka kuftee caccabdee fi paayileetonni paaraashuutiin keessaa akka bahan dhageenyeerra'' jedhan.

Jiraattonni maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan kunneen qaamaan bakkicha deemnee arguu baannus dhugaa tahuu mirkaneeffanneerra jedhan.

Garuu BBC Verify viidiyoo fi suuraa qoodame kana xiinxaleera.

Suuraa fi viiidiyoo qoodame irratti hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo kan fakkaatan, meeshaa waraanaa kan hidhatanii fi rifeensa guddifatan mul'ataniiru.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Lakkoofsi isaanii 10 ol taha. Sagalee guddaan hin dhagahamu. Sagaleen dhukaasaas hin jiru. Jeettiin kun kuftee caccabuu qofa osoo hin taane gar tokkoon akka gubates mul'ata.

Garuu viiidyoo sanarra abiddi boba'u hin mul'anne. Hidhattoonni kunneenis yeroo suuraa ka'an malee akka rukutanii buusaniitti yeroo dubbatan hin dhagahamu.

BBC Veify jalqabatti suuraa ykn viiidiyoon kun dandeettii namtolchee moo dhugaadhaan kan kaafame? kan jedhu adda baase.

Suuraanis tahe viiidyoon kun kan dhugaati. Waan gulaalamee [edit] tahuun hojjetame ykn teeknoloojii Artiifishal Intelijensii (AI) hojjetame akka hin taane adda baase.

Taateen kun kan mudate Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaa aanaa Booraa keessattidha.

Xiyyaarri kun kan caccabde ganda Gooraa Lamaa jedhamuun beekamuttidha.

Garuu viidiyoonis tahe suuraan kun yoom akka waraabame guutummaan guutuu adda baasanii beekuu hin danda'amne.

Garuu jalqaba miidiyaa hawwaasaa irratti kan maxxanfame gaaf Kibxataa, Hagayya 11 bara 2026 halkan keessaa gara sa'a 3:00 yeroo tahudha.

Suuraa fi Viiidyoo irraa akka mul'atutti garuu gara ganamaa mudachuu hin hafne.

Haalli aduu sa'a suuraan kaafame mul'atuu gara ganamaa tahuu akka hin hafne agarsiisa.

Helikoopterri xiqqaan kun kan kuftee caccabde lafa qonnaa keessattidha.

Mana jireenyaa baadiyaa kan fakkaatu manni citaa lama cinaa isaatti argama.

Naannawa sana hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo akka socho'an ni himama.

Garuu ABO-WBO jeettii kana rukute jedhee hin ibsine. BBC'n adda baasuuf gara gorsaa olaanaa Ajajaa WBOtti bilbilee ammatti deebii hin arganne.

Aanaa Booraa ganda Gooraa Lamaan

Madda suuraa, Suuraa Satalaayitii

Ibsa waa'ee suuraa, Godina Shawaa Bahaa Aanaa Booraa Ganda Gooraa Lamaan- bakka xiyyaarri waraanaakun itti kufte

Bakka viiidiyoon kun itti waraabame gamaa gamanaan lafa ol kaa'atu jira.

BBC Veify teessuma lafaa viidiyoo irratti mul'atuu fi teessuma lafaa naannichaa wal bira qabee yoo ilaalu bakka sana tahuu agarsiisa.

Gaarreen lamaan suuraa irratti mul'atan kanneen naannoo ganda Goraa Lamaan jiran waliin wal fakkaata.

Kaartaa irratti 3-D yoo ilaalamu teessumni lafa naannoo sanaa isa viidiyoo fi suuraa irratti mulatu waliin wal fakkaata.

Garuu xiyyaarri waraanaa caccabe kun kan akkamii tahuu BBC'n adda hin baasne. Halluu fi qaamni isaa garuu xiyyaarri waraanaa L-39C Albatros jedhamu waliin wal fakkaata.

Xiyyaarri waraanaa akkasii ammoo Humna Qilleensaa Itoophiyaatu yeroo baay'ee shaakalaaf itti fayyadama.

Xiyyaarri waraanaa kana kan oomishee fi diizaayin godhe kaampaanii Cheekoosloovaakiyaa 'Aero Vodochody' jedhamu yoo tahu kan jalqabaa 1968 akka oomishame ragaaleen agarsiisu.

Irra caalaan ammoo paayiletota waraanaa ittiin leenjisuuf hojiirra oola. Itoophiyaan xiyyaarota waraanaa akkasii hagam qabdi kan jedhu ifatti ragaan ibsu hin jiru.

Garuu biyyoonni adda addaa xiyyaarri waraanaa waraanaa kana shaakala paayileetotaaf itti fayyadamu.