KALLATTIIN, Tiraamp Ulaan Hormuz 'yeroo dhihootti' qaama US akka ta'u dubbatan

Pirezidantiin US Donaald Tiraamp 'yeroo dhihootti' Ulaan Hormuuz qaama Yunaayitid Isteet akka ta'u akka labsan dubbatan.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Marii Biyyaalessaarratti wanti waa'ee Finfinnee hirmaattota 'waldura dhaabsise' maali?

    Maxxansa YouTube irra dabri
    Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.

    Xumura maxxansa YouTube

    Marii Biyyaalessaa magaalaa Finfinneetti adeemaa jiruurratti dhimmi magaalaa Finfinnee falmii jabaa kaasuu BBC'n odeeffate.

    Ajandaawwan saddeet mariif dhihaatan keessaa kan yeroo dheeraa fudhateefi namootas wal dura dhaabsiseera jedhameera.

  2. Manni murtii Faransaay seera ijoolleen ganna 15 gadii miidiyaa hawaasaa akka hin fayyadamne qophaaye kuffise

    Namoota bilbila qabatanii dhaabatan

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Manni Murtii Olaanaan Faransaay seera ol adeemtonni ganna 15 miidiyaa hawaasaa akka hin fayyadamne qophaaye bilisummaa yaada ofii ibsachuu sarba jechuun fudhatama dhabsiise.

    Wixineen seeraa kun ji'a darbe bakka bu'oota uummataa biyyattiin deeggarsa argatee darbe ture.

    Kunis Faransaay biyyoota Awurooppaa keessaa miidiyaalee hawaasaa dhorkuun kan jalqabaa ishee taasisee ture.

    Faransaay ol adeemtonni ganna 15 gadii miidiyaa hawaasaa akka hin fayyadamne seera kan baasuu feeteen yaaddoon fayyaa sammuu daa'immaniirrattti qabaachaa jiru sababa akkaan dabaleefi.

    Wixineen qophaayee paarlaamaan raggaasuu booda pirezidantiin biyyattii Imaanu'eel Maakroon Fulbaanarraa qabee suuta suuta hojiirra oolaa deema jedhee ture.

    Manni Murtii kufaa gochuu erga dhagahamee ammoo Ministirri Muummee biyyattii galtee Manni Maree kenne bu'ura godhachuun wixinee seeraa haaraa dhimmuma kanarratti akka qopheessu gaafateera.

  3. Mariin Biyyaalessaa ‘boqonnaa ijoorra gaheera’ – Komishinii

    Komishinii Marii Biyyaalessaa

    Madda suuraa, Komishinii Marii Biyyaalessaa

    Ibsa waa'ee suuraa, Mariin Biyyaalessaa dhibdee bule furuuf kaayyeffatee adeemsifamaa jira

    Mariin Biyyaalessaa Itoophiyaa dhibdee biyyattii bubbule mariin furuuf kaayyeffate magaalaa Finfinneetti itti fufeera.

    Marii ji’a tokkoof ture kanarratti kutannoon lammiilee Itoophiyaa dhimma waloorratti mul’isan ‘’abdii namatti hora’’ jedhe komishinichi ibsa Jimaata galgala baasen.

    Marii kanarratti wal kabajuufi wal hubachuun akkuma mul’ate adeemsicha qormaatnis akka mudatee ture ibse.

    ‘’Wantoonni dhibdee fakkaatan mul’ataniiru,’’ jedheera. Kanammoo dursee akka hubate ibseera.

    Yeroo ammaas mariin kuni ‘’boqonnaa ijoorra gaheera’’ jedhe. Ta’us, oduuwwan sobaa akka isa qoraa jiran irra deebiin ibseera.

    ''Odeeffannoo komishinichi baasu akkasumas odeeffannoo miidiyaaleen bakkicha jiran baasan alatti'' akka hin hordofne hawaasa gaafate.

    BBC'n hirmaattotarraa akka odeeffatetti, dhimmoota tokko tokkoorratti mariirratti hirmaattota gidduu wal dura dhaabbannaan mul'ateera.

    Keessumaa dhimmi Finfinnee dhimma falmii jabaa kaase akka ta'e dubbatan.

  4. Piroofessarri Kaambiriij waabeffachuu dhabuun himataman du'anii argaman

    Pirofeesar Jeesan Ardeey

    Madda suuraa, ITV/Shutterstock

    Ibsa waa'ee suuraa, Pirofeesar Jeesan Ardeey himannaa irratti ka'u waakkataniiru

    Pirofeesarri duraanii Yunivarsitii Kaambiriij Jeesan Ardeey gaafa Jimaataa Waaree booda kibba Landanitti du'anii argaman.

    Ardeey torban darbe ture Yunivarsitii Kaambiriij keessatti hojii isaanii pirofeesara Soshiyolojii turanirraa osoo hin waabeffatin akka waan ofitti dhiheessuun himannaa jedhufi milkaa'ina isaanirratti gaaffii ka'en hojii kan gadhiisan.

    Himannaa isaanirratti ka'u waakkataniiru.

    Maatiin Ardeey ibsa baasaniin miseensi maatii isaanii du'uutiin gadduu ibsan.

    ''Odeeffannoo sobaa itti duulame Jeesaniif itti baay'ate'' jechuun nama gaarii ta'uu isaa himan.

    Poolisiin Metroppolitaan ibsa baasen ''yeroo kanatti duuni isaa waan hin eegamneefi garuu wanti shakkisiisaa jira jedhame hin amanamu'' jedheera.

  5. Indoneezhiyaatti kirkirri lafaa namoota 20 galaafate

    Gamoo jijjige

    Madda suuraa, BASARNAS

    Balaa kirkira lafaa Sambata ganama Indoneezhiyaatti qaqqabeen yoo xiqqaate namootni 20 du'uu aanga'oonni himan.

    Kikrirri lafaa maagnitiyuudii 7.7 ta'e kun bulchiinsa Nusa Tenggara jedhamu keessatti mudate.

    Hojjettootni gargaarsaa nama tarii gamoo jijjige keessatti danqamee hafe baraaruuf yaalaa jiru.

    Kirkira lafaa kanaan gamoowwan hedduun miidhamaniiru. Yaaddoon balaa Sunaamii labsamee kan ture ta'us sa'aatii sadii booda kaafameera.

  6. Tiraamp yeroo dhihootti Ulaan Hormuuz qaama US jechuun labsuuf

    Pirezidant Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Iraan abbaan qabeenyummaa Ulaa Hormuz kan ishee akka ta'u barbaaddi, kuni garuu mormii kaaseera

    Pirezidantiin US Donaald Tiraamp 'yeroo dhihootti' Ulaa Hormuuz qaama Yunaayitid Isteet akka taatu akka labsan dubbatan.

    Dubbiin isaanii kuni yeroo Ameerikaafi Iraan gidduu muddamni cimetti dhagahame.

    Tiraamp dubbii kana gaafa Jimaataa kan dubbatan yoo ta'u Ameerikaanonni gatii gaazii olaanaa ta'e amananii fudhachuu akka qaban dhaaman.

    Kunis, gatii Iraan akka nikulara hin qabaanne gochuuf gatii kaffalamu akka ta'e himan.

    ''Erga Iraan moonee xumurre booda, [silaayyuu] akka malee mo'amaniiru. Yeroo dhihootti Ulaan Hormuuz daangaa Yunaayitid Isteet ta'u nan labsa,'' jechuun dubbatan.

    Yaadi isaanii kuni jijjiirama imaammataa yoo ta'ee jiraate hin baramne.

    Guyyaa Kamisaa Ameerikaafi Iraan Ulaan Hormuz to'annoo kiyya jala jira jechuun dubbataa turan.

    Ameerikaan dhorkaa ulaawwan Iraaanirra keesse yeroo hin murtoofneef akka dheeressuu dandeessuus beeksifteetti.

  7. Ashamaa!

    Tamsaasa kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa Sambataa eegalle.

    Dhimmoota biyya keessaafi alaa jala jalaan isin biraan geenya.

    Odeessaalee keenya karaa Instagram, Marsariitii, YouTube, WhatsApp, Facebook fi TikTok keenyaa argachuu dandeessu.

    Lafa nagaa oolaa!