Marii biyyaalessaa irratti waa'ee Finfinnee qabxiileen falmisiisoon ka'an fi murteen darban maali?

Finfinnee
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 6

Marii biyyaalessaa gaggeeffamaa jiru irratti dhimmi magaalaan Finfinnee ajandaa falmisiisaa ta'eera.

Qabxiilee saddeet mariif dhihaatan keessaa tokko ta'uun ''magaalota federaalaa'' kan jedhamu jalatti hammatamuun kan dhihaatte magaalaan Finfinnee ''dhimma ijoo adeemsa marichaa duubatti harkise'' ta'eera jedhu kanneen dhimma kanarratti mari'ataa jiran yaada BBC'f kennaniin.

Marii kanarratti mata duree ''Dhimma magaalota federaalaa'' jedhuun kan dhihaatan Finfinnee fi Dirre Dhawaa yoo ta'an, hunda caalaa dhimmi Finfinnee falmisiisaa ta'uu hirmaattonni karaa adda addaan yaadasaanii ibsaa jiru.

Karaa miidiyaalee hawaasaa fi miidiyaalee adda addaa namoonni yaada kennan, Finfinneen walqabatee ajandaawwan dhihaatan keessaa ''Oromiyaa jalatti akka bultuu fi magaalaa federaalaa akka taatu,'' ajandaawwan jedhan irratti falmii cimaan akka ture ibsu.

Dhimmi magaalaa Finfinnee biyyattii keessatti ajandaa yeroo dheeraaf ture yoo ta'u, marii biyyaalessaa kanaan furmaata argata jedhamee abdatamaa ture.

Kanneen Finfinneen qaama Oromiyaa ta'uun dhimma mariidhaafiyyuu dhihaachuu hin qabnedha jedhan akkuma jiran, Oromiyaarraa adda baatee magaalaa of dandeesse akka taatu ykn federaalaan akka bultu yaada kan dhiheessanis jiru.

Dhimmi magaalattii wayita mariitti dhihaatus akkuma alaa sodaatamu falmii cimaa kaaseera.

Paartiin biyya bulchaa jiru, Paartiin Badhaadhinaa, ajandaawwan marii kanarratti qabatee dhihaate keessaa dhimmi Finfinnee tokko yoo ta'u kora Waxabajjii keessa gaggeesserratti ejjennoo magaalattiirratti qabu ibseera.

Qondaalli paartichaa kora sanarra turan eenyummaasaanii dhoksuun BBC'f odeeffannoo kennaniin "Finfinneen miseensa mana maree federeeshinii taatee akka naannootti hundaawuu qabdi'' yaada jedhu dhiyeesseera paartichi.

Marii biyyaalessaa kanarratti dhimmoota gareen miseesnota 250 irratti mari'ate keessaa hunda caalaa duubatti harkifachuun, garaagarummaa guddaadhaan kan xumurame dhimma Finfinneeti.

Kana kan nutti himan namoota marii dhimma Finfinneerratti hirmaataa jiranii fi BBC'f yaada kennan keessaa nama tokko.

Adeemsa marii kanarratti hirmaannaa olaanaa qabu, garuu wayita odeeffannoo kana nutti himan akka eenyummaansaanii ibsamu nuuf hin eeyyamne.

Namni kun garee dhimmi ajandaa magaalotaa ga'e keessaa yoo ta'an, ajandaawwan garee biraas xiyyeeffannaan akka hordofan himan.

Ajandaawwan sadi haala addaan xiyyeeffannaa akka argatanii fi akkaan falmisiisoo akka ta'an kaasuun, keessattuu dhimma Finfinnee ''falmii cimaa'' kaasuu himan.

Qabxiilee falmisiisoon maal turan?

Beeksisa bira darbii dubbisi
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Finfinneen marii kanarratti ajandaa ijoo ta'uunshee xiyyeeffannaa namoota hedduu ta'eera.

Xiyyeeffannaa miidiyaa, qabxii ijoon paartilee siyaasaa fi falmiin uummataa dhimma Finfinnee ta'eera.

''Ajandaa ijoon marii biyyaalessaa dhimma magaalaa Finfinnee qofa ta'eera. Amma ajandaawwan hafan torban waan dagataman fakkaatu,'' jedhu namni odeeffannoo kana BBCtti himan.

Akkasaan jedhanitti dhimmi ajandaa Finfinnee akkaan falmisiisaa taasise, yaadi ''Finfinneen teessoo Bulchiinsa mootummaa Naannoo Oromiyaa akka taate beekamtii kennu'' qaboo yaa'ii garee hirmaattota dhibba shanii keessatti akka hammatamu taasifamuudha.

Kunis ajaja ''Olii dhufe'' jedhuun akka ta'e ibsan.

Yaadi kun marii jalqabarraa gaggeeffame keessa akka hin turree fi mariinis kan irratti hin gaggeeffamne ta'uu ibsan namni ajandaa Finfinnee irratti mari'ataa jiraachuu himan kun.

Marii garee namoota kudhanii fi shantamaa irratti Finfinneen kan eenyuu haa taatu dhimma jedhurratti ''kan federaalaa haataatuu fi kan Oromiyaa haataatu'' filannoowwan jedhan yaadota bal'inaan calaqqisan turan.

Hirmaattonni yaada ''kan federaalaa haataatu'' jedhu qaban lakkoofsaan hedduu ta'uu ibsan.

Dhimmicharratti lakkoofsa hirmaattota yaadota adda addaa deeggaranii eeruun barreessuun ''filatamummaa yaadichaa agarsiisuu waan hin dandeenyeef yaadicharratti akka hin xiyyeeffanne taasisa,'' mormiin jedhu dhihaachuun lakkoofsi hin eeramin hafuu ibsan hirmaataan marii biyyoolessaa kun.

''Irra-jireessi fi gariin'' kan jedhu eeramuun akka dhihaatu yaadi dhihaatus kunis lakkoofsa eeruun adda miti mormiin jedhu kaanaan ''filannoo tokko, filannoo lama'' jedhamaa akka itti fufu ta'eera jedhan.

Akkasisi ta'ee hanga garee shantamaan ijaarameetti garaagarummaa guddaan osoo hin uumamin ''dhimmoota hedduurratti waliigallee turre,'' jedhu.

Magaalattiin ''kan mataashee dandeesse, caasaa bulchiinsaan federelaatti kan waamamtu, mana maree bakka bu'oota uummataa keessaa bakka bu'iinsa kan qabdu, poolisii fi mana murtii mataashee hundeeffachuu kan dandeessu, bulchiinsa jiraattonni ishee filataniin kan bultu, teessoo mootummaa federaalaa haataatu,'' kan jedhurratti namni hedduun waliigalee akka ture ibsan.

Hirmaattota

Madda suuraa, Ethiopian National Dialogue Commission

Ibsa waa'ee suuraa, Marii kanarratti hirmaattonni garee adda addaatti qoodamaniiru

Falmiin kan dhalate qaboon yaa'ii kun wayita qindaa'u ''yaadi qaama olaanaa irraa dhufe jira, osoo qaboo yaa'ii keessa galee yaadi jedhu nu ga'e. Yaadi olii dhufe jedhame kun jalqabarraa kan hin turre yoo ta'u Finfinneen teessoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa akka taatu beekamtii kenna. Kun hirmaattota hedduu mufachiise,'' jechuun waan jiru ibsan.

Torban tokkoof kan irratti walfalman ajandaa kana qofa akka ta'e himu.

Osoo irratti hin mari'atamin ''qaama olaanaarraa dhufe'' maqaa jedhuun akkaataa yaadichi waltajjiif itti dhihaate dabalatee adeemsi ture ''dogoggora kan qabuudha'' jedhu namni waltajjicharra turan kun.

Ogeeyyiin dhimma kanarratti ibsa kennuuf ramadamanis ''fedhii qaama tokkoo qofa kan calaqqisiisan,'' jechuun himatan namni kun.

Fakkeenyaaf faayidaa addaa Heera Mootummaa irratti eerame wabeeffachuun ''Finfinnee fi Naannoon Oromiyaa bajataa fi bulchiinsa bajataa isaanii akkasumas dhimma bulchiinsaa waliin qopheessu,'' jechuun ibsa kennuu yaadatu.

Hirmaattonni hedduuf ibsa kana itti amananii fudhachuun kan rakkisu ta'uu fi ogeeyyiin kunneen akka ibsa kana dhaaban taasifamuus himan.

Dhimma kanarratti komiin komishiniitti erga dhihaatee booda ogeeyyiin kunneen yeroo sana booda akka ibsa hin kennine dhorkamuu dubbatan hirmaataan marii kanaa.

Haalonni kunneen dhimmicha ''duubatti harkisuun yeroo itti garee dhibba shaniif dabarfamuu qabu irraa guyyaa sadi, afur akka barfatu sababa ta'eera,'' jechuun haala ture ibsan.

Akkasumas dhimmichi baayyee muddaa fi walxaxaa ta'uusaarraan kan ka'e namni waltajjii kana dursaa turee dhiphina keessa galuun hammi shukkaaraa isaa baayyee dabalee dhibamuun guyyoota lamaaf hospitaala galee ture jedhan.

Kunis dhimmichi akka yeroon hin xumuramne taasiseera jechuun haala ture ibsan.

Dhimmoota falmii kaasan keessaa dhimmi abbummaa dhimma namoota dhuunfaarraa dhagahamurraa kan hafe ''paartiin badhaadhinaan akka ajandaa ijoo tokkootti kan hin dhihaanne ta'uusaatiin,'' garee shantama bira erga darbee hangas mara mariin irratti hin gaggeeffamne jedhan.

Garee miseensota 250 irraa eegalee ajandaa falmii kan ta'e dhimmi ''Finfinneen kan eenyu akka taatu'' ilaalu, miseensota paartii badhaadhinaa dabalatee hirmaattota marichaa lamatti qoodee akka ture ibsan maddi kun.

Kan biraa dhimma adeemsa keessa (yeroo booda) bira ga'an jechuun kan ibsan, aanga'oonni tokko tokko mariisistoota qaamaa fi bilbilaan arguun ''dhiibbaa uumuu fi dhimmicha gidduu seenaa turan,'' kan jedhuudha.

Kanas fakkeenyaan yoo ibsan ''wayita marichi xumuramuutti dhihaatu hirmaattonni fedhiin keenya hin guunne jechuun yaaduu jalqabuun badhaadhinni ejjennoosaa gadhiisuu fi waan waadaa gale eeguu dhabuu agarsiisa,'' jedhan.

Kanarraa ka'uun paartileen siyaasaa tokko tokko ajandaawwan muraasni yeroo biraatti akka darbanii fi akka soroorfaman gaafachuu ibsan namni kun.

Paartiin sosochii saba Amaaraa (ABIN) fi EZEMA jedhaman kanneen gaaffii kana dhiheessan keessaati.

Paartileen siyaasaafi hirmaattonni marichaa biroon maal jedhu?

Dhimmoota ABIN xalayaa guyyaa Kibxataa komiisaa itti ibsaterratti kaaye keessaa dhimmi Finfinnee tokko yemmuu ta'u, "qormaata adeemsichaa isa ijoo ta'uusaa eeree jira".

Mariin dhimma Finfinneerratti ka'e "dhimma biyyaalessaafi heeraa amanamummaa marichaa qabatamaan qoru" ta'ee argachuusaa xalayaa paartichaa Hagayya 5, 2018 ifa ta'een himeera.

Dhimmi magaalaa Finfinnee ibsituu tokkummaafi birmadummaa ummattoota Itoophiyaa ta'uunsaa seeraan beekamtii argatee lafa kan itti qabatu yookiin immoo "ajandaa muddamni biyyaalessaa haaraan itti uumamu" ta'uu akka danda'us yaaddosaa ibseera.

Dabalataan paartichi, dhimma Finfinneerratti "dorgommii sagalee (qaamni tokko) ijaarama lakkoofsa caalmaan bifa isa kaan hacuucuun keessummeeffamuu hinqabu" jedheera.

Kanaafsi ajanfaa Finfinnee kanaa ol deemsisuuf yaaluun biyyattii muddama rakkoo keessa jirtu caalu keessa kan galchu akka ta'u ibsuun, haasaan hatattamaan akka dhaabbatufi "ajandichi lafa akka kaa'amu" hubachiisera.

Paartiin Innaatis kunneen maricharratti hirmaachaa jiran keessaa tokko yemmuu ta'u, innis yaaddoo akka qabu ibseera.

Paartichi ibsa Hagayya 6, 2018 baaseen dhimmoota mariin biyyaalessaa irratti xiyyeeffate qeeqera.

"Marii kan teenye Finfinnee baay'ina muddamaan garee tokkoof hoo jechuun hammachiisuuf fi adda lolaa haaraa kakaasuuf hinturre" kan jedhe Paartiin Innaat, silaa "federaalizimii sanyiifi gosaa hambisuu/laaffisuun akka galma ijootti tokkootti qabamuu" akka qabu himeera.

Ibsa pirezidaantiin paartichaa Dr. Sayifasillaasee Ayyaalew BBC'f laataniin, amantaa mootummaan ajandaawwan ofiif raawwachuu barbaadu "maqaa mariitiin hojiirra oolchuuf tattaafachaa jira" jedhu akka qaban himan.

Ajandaawwan rakkoolee Itoophiyaa furuuf barbaachisan "akka malee bal'achuu (hiixachuu) hinqaban ture" jechuun ajandaawwan bal'achuusaaniis dubbataniiru.

Dhimmoonni abbummaafi magaalaa guddoo ta'uu magaalaa Finfinnee ilaalchisee maricharratti ka'an adda durummaan "ijaarama gosaarraa" kan maddan ta'uu kan himan pirezidaantichi, ajandaawwan walcinaa taa'anis rakkoon tokko kan maddu isa biraarraa akka ta'e himaniiru.

"Rakkoon ijaarama gosaa osoo hiikamee dhimmi Finfinnee hiikamuu danda'a. Amma dhimmi Finfinnee haala rakkisaa keessa kan seenes ija gosaan waan ilaalamuufi. Tarii gaaga'ama olaanaa kaasuu danda'a" jechuun yaaddoosaanii himaniiru.

Obbo Gannana Gadabuu immoo pirezidaantii Paartii Dimokiraatawaa Ummata Qucaa yemmuu ta'an, marii biyyaalessaarratti hirmaachaa jiru. Mariin ajandaawwan biroo ilaalchisuun taasifame wal hubannaan fooyyeen kan irratti mul'ate ta'uu himu.

Dhimmoota ajandaa isaan irratti hirmaachaa jiran "Ijaarsa biyyaa" jalatti ilaalamanirratti wal hubannaan foyyee akka jiru dubbatu. Mariin filannoowwan dhiyaatanirratti taasifame Itoophiyaaf barmaatii haaraa ta'uusaatiin "gaarii" jedhamuu kan danda'u akka ta'es himan.

Haa ta'u malee dhimmi "magaalota federaalaa" guyyoota darban keessa "moromsiisaa" akka ture eeru. Dhimmi Finfinnee "akkaan moromsiisaa" akka ta'e mari'attootaanis dubbatamaa jira.