Komishiniin Marii Biyyoolessaa hanga ammaa ajandaa kamirrattuu "murteen kenname hin jiru" jedhe

Komishanara Olaanaa Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa Prof. Masfin Arayaa

Madda suuraa, Ethiopian National Dialogue Commission

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Komishiniin Marii Biyyaalessaa adeemsa marii gaggeeffamaa jiruun hanga ammaatti ajandaan murteen itti kenname akka hin jirre beeksise.

Komishinara Olaanaa Komishinii Marii Biyyaalessaa kan ta'an Prof. Masfin Arayaa ololli garaa garaa odeeffamaa jiraachuu ibsuun, "hanga ammaa ajandaa tokkorrattuu murteen darbe tokkollee hin jiru" jedhan.

Hirmaattonni mariyachaa gaaffiwwan naannolee bakka bu'anii dhufanirraa fidan deebisanii deemuuf miti kan jedhan Prof. Masfin, "Itoophiyaa giddu galeessa godhatanii" akka mariyataniif waamicha dhiyeessaniiru ibsa har'a kennaniin.

Adeemsa mariirratti miirri jiru akka tasgabbaa'uuf paartilee siyaasafi abbootii amantii waliin marii gochuu kan beeksise komishinichi, hirmattoonni marichaa garee saddeet tokkoon tokkoonsaa namoota 500 qabutti qoqqoodamuun mariin itti fufee gaggeeffamaa jiraachuu ibse.

Yaadonni sadarkaa garaa garaatti ka'aa turan, garee teeknikaa miseensota 250 qabu keessatti mariin erga irratti taasifamee booda, deebi'uun gareewwan tokkoo tokkoonsaa namoota 500 qabuuf dhiyaachaa jiraachuu Prof. Masfin ibsa har'a, Hagayya 10, kennaniin beeksisan.

Gareewwan ajandaa sadi qabatan har'a yaada furmaataa qabatanii gara gareesaanii isa ijootti deebi'uu himuun, "ajandaawwan hafan sadi ykn afur bori [Kibxata] garee guddicharratti dhiyaachuun irratti mariyachuu akka eegalamu" ibsan.

"Ajandaawwan garaa gara. Ijaarsi biyyaa akkuma beekamu baay'ee bal'aadha. Ijaarsa dhaabbilee, ijaarsa mootummaafi kkf baay'ee bal'aadha. Kana jechuun ajandaawwan kaan xixiqqaadha jechuu miti," jedhan.

Dabaluunis, "akkaatadhuma qophii namootaafi yaadan gara gidduutti dhufuurratti fedhiin namootaa garaa garaa ta'uu danda'a. Ajandaawwan hundi wal-qaixa ta'uu dhabuusaanitiini [ajandaawwan] sadi har'a garee namoota 500 irratti kan dhiyaate" jedhan.

Ajandaawwan gara garee miseensota 500 qabuutti hin deebine keessaa dhimmi Finfinnee fi Dire Dawaa ta'uusaanii madeen BBCtti himaniiru.

Gareen teeknikaa miseensota 250 qabu yaada furmaataa gara garee miseensota 500 qabuutti deemu irratti yeroo jedhamerratti waliigaluu sababa hin dandeenyeef ta'uus kaasan.

Keessumaa dhimma magaalaa Finfinnee ilaalchisee marii biyyaalessarratti ka'eera jedhamuun odeeffannoon wal-dhiitu miidiyaa hawaasaarratti qoodamaa jiraachuu kan ibsan Prof. Masfin, ajandaan murteen irratti kenname homtuu akka hin jirre himan.

"As kan dhufne gaaffilee qe'ee, naannoo keenyaa finnee dhufne deebisnee deemuuf miti. Kan dhufne biyya keenya Itoophiyaa giddu galeessa godhannee ta'uu qaba," jedhan.

Komiiwwan adeemsa marii biyyaalessaarrati ka'aniif deebii kennaa akka jiru kan ibsan Prof. Masfin, miira jiru tasgabbeessuuf paartilee siyaasafi dhaabbilee amantaa garaa garaa dubbisaa akka jiranis ibsan.