'Oromoon Itoophiyaadha, Itoophiyaan Itoophiyaarraa hin fottoqu' - MM Abiy Ahimad

Madda suuraa, PMO
Ministirri Muummee Abiy Ahimad ummanni Oromoo ijaarsa Itoophiyaa keessatti gumaachi isaa olaanaa ta'u dubbatan.
MM Abiy turtii addatti miidiyaa biyya keessaa OBN waliin taasisaniifi miidiyaalee mootummaa kaanirrattis tamsa'ewn dhimmoota garaagaraa irratti yaada kan kennan.
Dhimmoota seenaa qabsoo siyaasaa Oromoo, gumaacha uummanni Oromoo ijaarsa Itoophiyaa keessatti qabuu fi gaaffilee uummatichi kaasu irratti ibsa bal'aa kennanii jiru.
Dubbiin isaanii kuni filannoo marsaa 7ffaan dhaabi isaanii mo'atee, Mariin Biyyaalessaa osoo adeemaa jiruufi kaaba Itoophiyaatti muddamni yeroo cimettidha.
Jalqabarraa akeekni qabsoo Oromoo jaarraa tokkoo olii maal akka ture irratti ibsa kan kennan MM Abiy Ahimad, Oromoon saba bal'aa fedhiifi yaadni isaas akkuma guddinasaa bal'aa ta'uu danda'u akka ta'e eeranii, garuu ijoowwan sadii gaaffilee Oromoo turan jedhan ibsan.
''Kan jalqabaa gaaffii diinagdeeti. Galtee misoomaa guddaa kan ture laftii fi humnisaa saamamaa ture. Oromoof lafti lafee dha. Qubsuma isaas yoo ilaaltu dhugumatti lafti lafee ta'uusaa agarsiisa.
''Adeemsa keessa garuu lafa san sarbamee ture, saamamee ture. Lafti kan isaa hin turre. Adeemsa keessa gaaffiin lafaa ijoollee isaatiin deebii argachaa dhufeera. Guutumatti garuu gaaffiin lafaa hanga ammaa deebii hin arganne."
Heerri mootummaa amma jiru 'lafti kan uummataa fi kan mootummaati' jedhee tumus heerri mootummaa kun ni jedhe malee mirga san guutummaatti gonfachiisuu akka hin dandeenye himan.
''Lafa isaa qofa miti lafa isaarratti hojjetatee oomishatee jiraachuu hin dandeenye. Namoonni irraa qooddatatan turaniitu. Humnisaa kan isaa miti, lafti isaa kan isaa miti.
"Lafa koo fi humna koo naaf deebisaa dha qabsoo ijoon jalqabaa.
"Gaaffiin lammeessoo gaaffii sabummaati. Gaaffiin sabummaa, of keessatti afaan, aadaa fi eenyummaa hammata" jedhan.
Sadaffaa gaaffii dimookiraasii ta'uu ibsan MM Abiy.
"Uummanni kun bara dheeraaf sirna uummatee, uummata hirmaachisee, aangoo qooddatee, aangoo yeroodhaan daangessee, uummata bulaa turedha.
Sirna dimookraasiin ala adeemsi mootummoonni uummata itti bulchan isaaf hin ta'u, aadaa isaa keessa hin jiru waan ta'eef, ofiin of bulchuu beeka, seera isaaf ta'uu bocuu kaasaa tureera" jechuun sababa qabsoo siyaasaa Oromoo ibsan.
Yaada tarsiimawaa dhabuu
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sababoota gurguddoo qabsoon Oromoo jaarraaf injifannoorra fagaachaa tureefis ibsaniiru. Kan duraa 'yaada tarsiimawaa dhabuu dha' jedhan.
"Yaadni sanyii dha, sanyiin hundi immoo sanyii miti sanyii filatamaa barbaachisa. Yaada filatamaa gaaffii kee sirnaan tarreessee kaa'ee, akkaataa itti deebi'u tooftaa bocee, humna sassaabee adeemuuf yaadni tarsiimaaa akka sanyiitti gargaaru sirriitti bocameera amantaa jedhu hin qabu."
Lammaffaan rakkoo tokkummaa dhabuuti ta'uu ibsan:
Ummanni Oromoo dachii bal'aarra diriiree waan jiruuf adeemsa keessa afaan isaa walirraa fagaachaa, aadaan isaa walirraa fagaachaa wal baruu wal hubachuu eenyummaa ofii beekuun rakkoo ta'aa dhufuun, amantaa garaagaraas hordofa.
Haalonni kunneen tokkummaa isaarratti dhiibbaa qabaachaa turuu akeekan.
Haa ta'uu malee, dhimmoonni kunneen haa addaan fageessan malee, haalli mijachuufii dhabee injifannoon isaa haa turu malee Oromoon eenyummaa isaa dagatee akka hin turin eeran.
"Amaleeffannaa gadhee" kan jedhaniin aadaan lagaan, amantaa, qe'een wal qooduus dagaagaa dhufes waan injifannoo tursiisan keessaa sababa tokko ta'uu eeran.
"Maatii tokko taanee osoo jirru waan xixxiqaan wal qoodaa oolun kaayyoo guddicha akka dagannu nu taasise."
Sadaffaan wanni qabsoo sabichaa tursiise, "humnoota faallaa [masaanuu] waliin fagoo deemuu hin dandeenye faana hariiroo uummachuu dha" jedhan.
Adeemsi humna masaanuu fageenya waliin hin deemne faana socho'uummoo hanqina hoggansaarraa akka maddu dubbatan.
''Hoggansi gahaa ta'e yaada guddaa qabaatee, injifannoo fiduuf humna jiru hunda ijaaree, leenjisee tooftaa bocee, adeemuun hin danda'u taanaan injifannoon fagaachuun isaa kanuma eeggamu dha.''
'Itoophiyaaf malee Itoophiyaarratti qabsaayee hin beeku'
Ministirri Muummee Abiy Ahimad gaaffiifi deebii kanaan qooda Oromoon ijaarsa Itoophiyaa keessatti qabu boqonnaawwan seenaa siyaasaa garaagaraa caqasuun ibsanii jiru.
"Oromoon bara kamiyyuu sirna gita bittaa irratti malee, Itoophiyaarratti qabsaayee hin beeku" jedhan.
Seenaawwan uummanni Oromoo hundeeffama Itoophiyaa ammayyaa duraafi asitti Itoophiyaa har'aa keessatti fi alatti qabaachaa turee fi jiru caqasanii ibsan.
"Fakkeenyaf bara 1499 Sartsadingil namni jedhamu asii hoomaa Oromoo qabatee deemee hanga Mitsiwwaatti deemee waraanee ture.
Bara 1512tti immoo Mootiin Baahire Negaash biyya Amma Eertiraa jedhamu bulche maqaan isaa Doorii jedhama, Oromoo dha. Kanas namni shakku jiraannaan Eeritiriyaa keessa magaalli guddoo tokko maqaan ishee Baarentuu jedhamti.
Waayee Booranaa fi Baarentuu maal beekuuf moggaasani, eessa fidanii moggaasani, walitti dhufeenyi Baarentuu fi iddoo sanii maali? namni seenaa qoratu qorachuu danda'a."
Dubbii isaanii kanarratti namoonni siyaasaa yaada garagaraa kennaa jiru.
'Kaayyoo ganamaa'
MM Abiy yaada "kaayyoo ganamaa" jedhamee qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti eeramuus ibsan.
Ka'umsi yaada kanaa kaayyoo Waldaa Maccaa fi Tuulamaa irraa eegaluu akeekan.
"Yeroo dhiyootti uummanni keenya qabsoo ijaarame kan eegale Maccaa fi Tuulamaa irraayi. Maccaa fi Tuulamni bifa siyaasaan miti kan ijaarame garuu ijaaramee fedhii tokko raawwachuudhaaf qabsoo jalqabee ture.
''Qabsoon sun qabsoo Oromoo qofa hin turre. Qabsoo sabaa fi sablammootaa ture. Fakkeenyaaf Waldaa Amaanu'eel Dubbaalaa yoo fudhatte Sidaamaadha, garuu miseensa Waldaa Maccaaf Tuulamaa ture. Namoonni Walaayittaa miseensa turaniiru."
Maccaa fi Tuulamni gaaffii garaagaraa haa kaasu malee Oromoo qofaaf akka hin qabsaayin kan eeran ministirri muummee, waldaa kana boodees jaarmiyaaleen dhalatan Oromoo fiixeetti baasuun warra qabsaa'an hin turre jedhan.
Jaarmiyaaleen hedduun ilaalcha Sooshaalizimii qabu ture. Soshaalizimiin ka'umsi isaa addunyaalessummaadha malee naannoo tokko, biyya tokkotti kan dhaabbatu miti jedhaniiru.
"Adeemsa keenya yoo ilaaltu Oromoon sirna gita bittaa irratti malee Itoophiyaarratti qabsaayee hin beeku, kana duwwaa osoo hin taane Itoophiyaaf dhiiga isaa dhangalaase, Itoophiyaaf lubbuu isaa kenne, lafee isaa cabseera, dafqeera."
WMT waayee Walabummaa hin kaafne kan jedhan bulchaan Itoophiyaa, ilaalchi kun garuu rakkoo qabsoo nutti fide qaba jedhaniiru.
Yaadni Itoophiyaarraa fottoquu akka shakkamu, moggeeffamu, sabni guddaan maqaa isa hin madaallen akka waamamu gochuu himan.
"Dhiphootu dhiphoo jettee maqaa itti baafte. Gaaffii hamma sabichaa hin geenye gaafa gaaffii gootee kaaftu hamma sanatti maqaan siif baha. Hin madaalle. Si xiqqeessaa deema, si shakka. Maqaa ormi nuuf baasu nuuf hin malu, garuu gochi keenya isa gita."
"Oromoon Itoophiyaadha Itoophiyaan Itoophiyaarraa hin fottoquu," jedhan.
"Oromoon biyya abbootin isaa dhiigaan ijaaran jechaan diiguu hin danda'u, maalirraa fottoqa innoo Itoophiyaa dha. Innoo Itoophiyaa oli. Taanzaaniyaa, Yugaandaa deemi bakka hunda jira,'' jechuunis dubbatan.
Qorannooleen seenaa akka agarsiisanitti, ummanni Oromoo Itoophiyaan ala Keeniyaafi Somaaliyaa keessallee qubatee argama.
'Oromoon haphee tokkummaa Itoophiyaati'
Gaaffiifi deebii kanaan Oromoon tokkummaa Itoophiyaaf wabii akka ta'e dubbatan MM Abiy.
"Oromoon haphee tokkummaa Itoophiyaati. Oromoon hin jiru taanaan Itoophiyaan hin jirtu. Namni tokkummaa Itoophiyaa fedhu haphee kana laaffisuu hin ta'u."
Daangaa Itoophiyaa ammayyaa kan tana sararuu keessatti qooda Goobanaan Mootii Minilik jalatti gumaache kaasanii jiru.
"Goobanaan qabsoo Oromoo waggoota 50'n darbanii keessatti qeeqamaa akka ture nan beeka. Goobanaan qonnaan bulaadha, tikseedha, dandeettiin isaa maali? Farda gulufuu dha.
''Tikseen tokko gootummaa qabaatee, ganda tokkorraa ka'ee, mootii walqixxeessee gaafa biyya ijaaru, gaafa waraana baay'ee mo'atu, hanqina hin qabaatu, achi keessatti rakkoon hin uumamne jechuun hin danda'amu.
''Garuu eenyu inni nama barnoota ammayyaa tokkollee hin qabnedha. Garuu, hanqina isaa kaafnee saba xiqqeessuu wayya moo hanqina sana guutaa deemuu wayyaa dha gaaffiin."
Gumaachi Oromoo injifannoo lola Adwaa, Maacoo, Baadimmee keeessatti ifee akka mul'atu dubbataniiru.
Oromoon waraana ammayyaa Itoophiyaa ijaaruu keessatti, birookiraasii Itoophiyaa ammayyaa keessatti ashaaraa namuu hin haalle uummata qabuu fi utubaa ta'e akka ta'e ibsanii jiru Abiy Ahmad.
"Hunda laannee, lafas laannee, seenaas laanne, gootas xiqqeessinee, keessaa alatti baanee fiixeetti, moggaatti baanee laalaa jirra malee ijaarsa Itoophiyaa keessatti Oromoon haphee ta'ee walitti qabuun isaa jechaan osoo hin taane gochaan dhiigaan kan mirkanaaye."
"Biyya kana ijaaruuf abbootiin keenya dadhabaniin jiru. Biyyi kun garuu hamma dadhabbii keenyaa nuuf hin deebisne. Sirnaan nuuf hin barreessine. Isaaf ni qabsoofna isa nin jijjiirra" jedhan.
'Oromoon bilisoomeera'
Turtii OBN waliin taasisaniin MM Abiy Ahimad gaaffileen Oromoo irra caalaan deebii argachuu ibsan.
Bilisoomuu qofa miti deebi'ee tasuma deebi'ee gabroomuu hin danda'u jedhaniiru.
"Oromoon bilisoomeera. Bitaa mirga, duuba, fuuldura ilaaluun hin barbaachisu Oromoon guutummaatti bilisoomeera.
''Oromoo bilisoomsuuf har'a qabsaawuun gowwummaadha. Bilisummaa qaamaan ykn aangoo qabachuu qofa miti, Oromoon sammuun isaa bilisoomeera.
''Gaaffii qaba, hawwii garaagaraa qaba naa gala. Garbummaa kaleessaa irraa bilisoomuu qofa miti, gonka kana booddee gabrummaaf qophii miti.''



















