Falmiin Finfinnee irratti ka'e maali?

Ibsa waa'ee viidiyoo,
Falmiin Finfinnee irratti ka'e maali?
Maxxanfame

Marii Biyyaalessaa Itoophiyaarratti dhimmi magaalaa Finfinnee falmii jabaa kaasuu BBC'n dhagahe.

Ajandaawwan saddeet mariif dhihaatan keessaa kan yeroo dheeraa fudhateefi namootas wal dura dhaabsiseera jedhameera.

Mariin galma cufaa keessa itti fufuus kanneen hirmaataa jiran waan adeemaa jiru BBC'tti himaniiru.

Viidiyoo guutuu YouTube BBC Afaan Oromoo irratti daawwadhaa.