Piriimer Liigii Ingiliiz 2026-27: Hireen kilaba isin deeggartanii maal ta'a?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 9

Dhimma kubbaa miilaa irratti barreessuun kan beekamu Fiil Maknultii Tilmaamni kaa'e kunooti.

Waqtiin kuni yeroo itti bahii Piriimerliigii Ingiliiz bara 2026/2027 jalqabamuuf jiruu tilmaamuun itti eegalu.

Bara darbe Liverpuul waancicha akka moo'atu garaa guutuun dubbatee jalqabulleen akka hin taanetti moo'amee dhumarratti leenjisaa Kilabichaa Arnee siloot ari'uudhaan xumurame.

Bara kana leenjistoota haaraa sagaltu Piriimerliigii Ingiliiz keessa jira. kuni ammoo piriimerliigii baranaa eenyutu nyaachuu danda'a kan jedhu tilmaamuuf ulfaataa taasisa.

1) Arsenaal

Bara darbe shaampiyoonaa Piriimerliigii Ingiliizi.

Bara darbe morkii ajaa'ibaa keessa fulla'uudhaan waancaa Piriimerliigii ingiliz waggaa 22 booda erga moo'atanii bara kanas waancicha moo'achuuf dhaabbii gaariirra jiru. Ni moo'atu jedheenis amana.

Gareen Mikaa'el Artettaa kuni kutaan hundi cimina kan qabu waan ta'eef waancicha irra deebiin moo'achuuf ofitti amanamummaa qabu.

Tapahattoonni Arsenaal bite Biruunoo Gumaareesii fi Kiristoos Toolis, tapha waancaa Kominitii shiild Arsenaal Goolii 3 fi 1'n Maanchister Siitii moo'ate irratti Garee Arsenaaliif irree dabalataa ta'uu isaanii mul'isaniiru.

2) Manchester Siitii

Bara darbe 2ffaadhaan xumuran.

Kilabichi bara haaraa kana Enzo Mareskaa waliin jalqaba. Leenjisaa cimaa Jaarraa kanaa , peep Gaardiyoolaadhaan booda jechuudha.

Taphattoonni ciccimoon akka Roodrii, Bernaandoo Siilvaa fi Joon Istoons Kilabicha keessaa erga bahanii booda bara kana Istaadiyeemii Itihaaditti hiriirri haaraan jiraatatti eegama.

Taphni waancaa Kominitii shiild kan Arsenaaliin moo'aman waa'ee kilabichaa waan ibsu qaba. Kilabichi ammalleen taphattoota ciccimoo maqaa guddaa qaban hammateera. Garuu jijjiirraan taphattootaa bara kanaa osoo hin xumuramin dura carraa taphattoota bituu qaba.

Eliyoot Anderson Paawundii miliyoona 116'n bitateera. Taphataa olguddataan Morookoo Ayuub Bowudiis kilaba Lilee irraa gara Maanchister Siitii dhufa jedhamee eegama.

Hunda caalaa ammoo kilabichi taphataa sarara fuulduraa isaa Erliing Haaland qabaachuun cimina garichaatiif gumaachi qabu laayyoo miti.

3) Liiverpuul

Bara darbe sadarkaa 5ffaan xumure.

Taphataan Bornimoowuz Andoni Ira'oli gara kilaba Liverpuul dhufuun hanqina garee ittisaa Liverpool bara darbe qeeqamaa ture nifooyyessa jedhamee eegama.

Erga Mohaamed Saalaan kilabicha gadhiiseen booda haalli Liverpuul keessaa Iraa'oliif salphaa ta'uu dhiisuu mala. Garuu garee kana keessa taphattoonni ga'umsa qaban hedduutu jira. Filooriyaan Wiirzi fi Aleksaander Isaak Liverpuul keessatti akkamitti hojjechuu akka qaban amma muuxannoo horataniiru.

Biraadley Baarkoolaa PSG irraa fi Riyoo Nigumohan jijjiirraan isaanii akka yaadametti saffisaan yoo xumurame Liverpuul bara kana piriimerliigii keessatti yeroo gaarii qabaata jedhamee eegama.

Taphattoonni lafaa dhufoon sarara ittisaa Jermii Jaaku'eet fi jiyovaanii Liyooniis warra humna gaarii qabani. Taphataan Ispeen Victoor Munoozis warra kilabichi itti abadatu keessaayi.

Kanaaf jecha Liverpuul bara kana kilaboota waancaaf morkatanii fi warra hanga sadarkaa afraffaatiin xumuran keessaa ta'a.

4) Cheelsii

Bara darbe sadarkaa 10ffaan xumure.

Zhaavii Aloonsoon qaruuxeedha. Baayerliverkusenitti waancaa Bundesliigaa moo'ateera. Eegasiin booda Riyaal Maadiriiditti alaanfatamee kan tufame isaa qofa miti.

Garee bifa komunistii qabu ijaaruun taphataa dallanaa Eenzoo Fernaandeez(Yoo kilabicha keessa tureef) yoo bifa gaariin qindeesse garee cimaa uumuu danda'a.

Morgan Roojersi fi Maaksin Laakirooksiin taphattoota ajaa'ibaati. Tasa kilabichaaf mallatteessuun Jordaan Hendersanii fi Daanii Weelbeek hiriira kilabichaa jijjiiruuf toftaa gaariidha.

Dorgommii cimaa keessa ta'us Kilabni Cheelsii Piriimerliigii baranaa irratti yeroo gaarii dabarsa jedhamee eegama.

5) Manchester Yuunaayitid

Bara darbe sadarkaa 3ffaan xumure.

Bara darbe leenjisaan Kilabichaa kan turan Ruben Amoorim erga ari'amaniin booda Kilabicha dadammaqsuun kufaatii keessa ture keessaa baasanii hirmaannaa Chaampiyoonsi liigii akka argatu kan taasisan leenjisaa Mikaa'el Kaariik barana jalqabarraa kilabicha hoogananii eegalu.

Shaampiyoonsi liigii fi waancaa moo'achuun kaayyoo ijoo kilabichaa bara kanaa yoo ta'u, kana akka milkeessu nan amana.

Yoorii Tilemaans Astonviilaa irraa fi Adirii Saantoos Cheelsii irraa mallatteesiseera. Garuu kilabichii fi Kaariik hawwii waancaa milkeessuu isaanii galmaan gahuuf ammayyuu taphattoota biroo gara kilabichaa fiduu malu.

Carraa waancaa Piriimerliigii moo'achuu qabaachuu baatanilleen, sadarkaa gaariidhaan akka xumuru eegama.

6) Aston Viilaa

Bara darbe sadarkaa 4ffaan xumuran.

Hojiin milkaa'aan Yuneeyi Imeerii kilabicha keessatti hojjetan Waancaa Liigii Awurooppaa akka moo'atanii fi chaampiyoonsiliigii irratti deebi'anii akka hirmaataniif gargaareera.

Namni tarsiimoo kuni kan salphaatti ilaalamu miti. Garuu rakkoon faayinaansii Kilabichi qabu taphattoonni ciccimoon kilabichaa akka Tilemaansi fi Roojers Kilabicha akka gadhiisanif dirqamsiiseera.

Kanaaf jecha ittigaafatamummaa guddaan kan irra bu'e jijjiirraa liqiitiin kan dhufe Alejandroo Garnaachoo fi taphataa sarara gidduu Biraazil Jawo Gomeez kan Paawundii miliyoona 38 Wolvis irraa bitamera.

Villaan taphataa sarara gidduu ganna 20 kan Johaan Mazambi waliin qindaa'uun Niiwkaastil irratti fonqolcha raawwate. Taphataan Siwizerlaand kuni Waancaa addunyaa irratti ifee mula'tee ture.

Kana malees Villaan karra eegaa lammii Jaappaan Ziyoon Suzukii Paarmaa irraa filannoo duraa godhee fudhachuuf qophaa'aa jira. Hireen fuula duraa Imiliyaanoo Maartineez gaaffii keessa jira.

Kanaaf jecha piriimerliigiin dhufaa jiru Villaaf qorumsa cimaadha. Garuu Emeriin raajii hojjechuu danda'u. taphataa xiqqaan Biriyaan Maajoo ammoo kilabicha keessatti ga'umsa gaarii agarsiisaa jedhamee eegama.

7) Tootenham Hotspar

Bara darbe sadarakaa 17ffaan xumuran.

Leenjisaaa haaraa. Hawwii haaraa. Parsi bara darbe leenjistoota sadii jijjiire. Toomaas Firaank, Igoor Tudorii fi leenjisaa amma jiran Roobeertoo di Zerbi. Waan bara darbe kilabicha mudaterraa Parsi barana araarama malee dhufa jedhamee eegama.

Adiriw Robertison kilabichaaf mallatteesseera. Markoos Senesi ammoo Bornimoowuz irraa fiduuf mariirra jirama.

Kilabichi maallaqa guddaa kan baase taphattoota lama irratti. Taphataa sarara gidduu Saandiroo Tonaalii Niiwkaastil irraa Paawundii miliyoona 100 fi Matiwus Ferdaandeez Westihaam Yunaaytid irraa Paawundii Miliyoona 85.

Dursaa taphattoota kilabichaa kan ture Kiristiyaan Roomeeroo bakka buusuuf Jaan Pool Vaan Heek Biraayiten irraa Paawundii miliyoona 52 bite. Ittisa gidduu irraa Jeed Ispeens ammoo Kilabichaa bahee gara intermiilaan imaleera.

Miikii Vaan de Vaan duree isaa kilabichatti akka dabarsu waliigaleera. Kuni kilabichaaf waan gaarii tokko.

8) Nootingham Forest

Bara darbe sadarkaa 16ffaan xumure.

Natiingihaam Foorest, kilabni qulqullina jabaa qabu bara darbe akkamiin bu'uu gahe? Deebiin isaa salphaadha. Leenjistoota afur jijjiire.

Nuunoo Ispiriitoo,Anje Postejuloo, Siin Dayik fi Vitor peri'era booda leenjisaa hawwiisaa Oliver Gilaasner qacare.

Foorest maallaqa gurgurtaa Anderson irraa argate Paawundii Miliyoona 116 leenjisaa haaraa kana utubuuf oolchaa jedhamee yaadama.

Paawundii miliyoonaa 34 taphataa sarara ittisaa Ayivooriikoost Usmaan Diyaamond ittiin fiduuf ramadameera.

Morgan Jibs waayit ammoo kilabicha turuuf waan waliigaleef taphataa murteessaa ta'a.

Barri leenjisummaa Gilaasiner, akka bara leenjistoota Foorest kaaniitti nuffisiisaa hin ta'u jedhamee abdatama.

9) Biraayitan

Baara darbe sadarkaaa 8ffaan xumuran.

Bara kana konfaransi liigii keessatti taphni Awuroopaa Biraayiten keessatti mul'ate. Kuni ammoo garee Fabiyaan Harziler irratti dhiibbaa hojii uuma. Garuu waan baayyee namatti tolu ta'a.

Gooliiwwanii muuxannoon Weelbeek dhabamuun Kilabichaaf kisaaraa guddaadha. Sooramaan kan bahe Jeemsi Miler fi Tootinaam kan fudhate Vaan Heek dhabamuunis kisaaraa dabalataati.

Garuu taphataa sarara ittisaa Isparsi Lukaa Voskovich Paawundii Miliyoona 46 bituudhaan cabasaa meelfachuuf yaaleera.

Kana malees Paskaal Istiruujik Liid irraa bitee sarara ittisaa cimsateera. Taphattoota ciccimoo qabatee dirreen isaanii Ameex barana bakka taphni gaariin itti daawwatamu ta'a jedhame eeegama.

10) Birentifoord

Bara darbe sadarkaa 9ffaan xumuran.

Keet Andriiw bara taphaa darbe kilaba Bireentifoord kan Awurooppaa keessatti bakka dhabee ture bakkatti deebisuun hojii ajaa'ibsiisaa hojjetan.

Deeggartoonni kilaba Kanniisaa bara kanas kilaba isaaniirraa taphaa fi ga'umsa ajaa'ibsiisaa arguu barbaadu. Kilabichi kanumaaf barana taphataa sarara gidduu Maalii, Mamaduu Sangaaree maallaqa rikardii kilabichaa ta'een Leens irraa bite.

Ga'umsa gaarirraa yoo jiraate Kaalum Wiilson muuxannoo Piriimerliigii keessatti qabu sarara fuulduraa irratti nimul'isa. Jaa'idoon Antoonii ammoo Barnileey keessatti waan gochuu danda'u agarsiisaa ture.

Igoor Tiyaagoon sarara fuulduraa irraa akka xiyyaa futta'a. kanaafi Andriiw barana waan gaarii fiduuf kan abdii horatan.

11) Kiristaal Paalaas

Bara darbe sadarkaa 15ffaan xumuran.

Leenjisaan kilabichi waancaa FA fi konfaransi Liigii akka moo'ataniif kilabicha milkeessan Gilaasner kilabicha gadhiisuun kilabichaaf dhaba guddaadha. Sarara gidduu kilabichaa kan utubaa ture Lakirooyiks kilabichaa bahuunis dhaba kan biraati.

Bakka leenjisichaa Poyere Seej kan ga'umsi isaa Leens keessatti mul'achuun leenjisaa cimaa Liigii tokkoffaa isaan jechiisiise kansaanii godhataniiru.

Paalaasiif Lakirooks dhabuun waan guddaa ta'ulleen garichi garuu ijaarsa gaarii qaba. Gooli eegaa Diin Hendersonii hanga taphataa sarara gidduu Adam Waartinfi Jiin Filiip Maateetaa akkasumas sarara fuulduraa irraammoo Ismaa'el Saar qaba.

Taphattoota ciccimoo qabuun jabaatee yoo falmate barana waancaa injifatu inuma qabaata.

12) Niwkaasil Yuunaayitid

Bara darbe sadarkaa 12ffaan xumuran.

Ganna kana Tiyensaayid yaaddoo keessa jira. taphattoonni ciccimoon isaanii gurguramaniiru. Leenjisaan waggaa 70 booda kilabichaaf waancaa argamsiisanis gadhiisaniiru.

Kanaaf leenjisaa haaraa Maatiyaas Jeezil wal'aansoo cimaatu isaan eeggata.

Edii Howe, Antoonii Gordoni, Saandiroo Tonaalii fi Biruunoo Gumaarees Seent Jeemsi Paarkii erga bahanii pirojektii saawudii Arabiyaa kana saffisni isaa gadi bu'e. tasgabbii dhabuun kilabicha dhuunfateera.

Niiwkaastil jijjiirraaa taphattootaa ijoo karoorfate hin milkeessin hafe. Garuu qaawwa karra eegaa isaa cufachuuf Lukaas Horniseek Biraagaa irraa bitateera. Taphataan sarara gidduu Alaajii Baambaa erga Monaakoo irraa bitatee abdiisaa wayyeeffate.

Taphataan sarara gidduu Daachi kan ganna 18 Ajaaksi irraa mallateesifate. Taphataa ganna 20 Bazomuna Turee ammoo Hofenhim irraa.

Bara 2023 Reed Buul Saalizbarg waancaa Austiraaliyaa yeroo injifatu garee Jiizil waliin kan ture Taphataa sarara ittisaa Amar Dedic ammoo Benefikaa irraa mallattesise.

Erga Tinaaloo fi Mumaarees kilabicha gadhiisanii taphataan sarara gidduu muuxannoo qabu isaan barbaachisa.

Leenjisaa Jiizil dorgommii Piriimerliigii haala gaariin jalqabuu fi humna isaanii cimsachuuf taphattoota dabalataa bituuf qalbiin gabaa isaan jira.

13) Everteen

Bara darbe sadarkaa 13ffaan xumuran.

Deevid Mooyes waa'ee tapha baranaa irratti dursanii waa dubbachuu hin barbaanne. Waa'ee carraa Evertan gara fuulduraa garuu akkas jedhan "Bakka gahuu qabnurraa duuba jirra. Waan baayyee hojjechuutu nurraa eegama" jedhan.

Jijjiirraa taphattootaa baranaa irratti Evertan tarkaanfiiwwan gaggaarii fudhateera. Chaampiyoonshiipii bara darbee irratti taphataa cimaa jedhamuun kan filame Hayden Haknii Midilisbarg irraa fi taphataa sarara gidduu Deenmaark Kiristiyaan Norgaard Arsenaal irraa mallatteesise.

Kilabicha keessaa amma Ilimaan Nidaayee dandeetti addaa qaba. Taayiler Dibiliing paawundii miliyoona 40'n Saawuzhaamptan irraa erga bitamee rakkoo keessa bu'e keessaa bahee amma haala gaarirra jira.

Ammalleen garuu sararri ittisaa gama mirgaa irratti Beetoo fi Teernoo Beerii gahaadhaa kan jedhu shakkii qaba.

Deeggartoota kilabichaa kilabichi bara darbe kubbaa Miilaa Awurooppaa irratti dhumarra gahee kufaatii irra gahuudhaan mufatan deebisanii gammachiisuuf torbeen jalqabaa tapha baranaa Mooyesii fi Evertaniif murteessoodha.

14) Barnimooz

Bara darbe sadarkaa 6ffaadhaan xumuran.

Bornimaawuz Ira'olaan alatti akkamiin itti fufuu danda'a? isa kan bakka bu'e Markoo Rooz akkamiin galma gaha? dhiibbaa dabalataa kubbaa miilaa Liigii Awurooppaa irraa isaanirra gahu akkamiin qolachuu danda'u?

Kunneen sababoota warri Cheeriis piriimerliigii keessaa gadi bu'uu danda'u akkan jedhu na dandeessisani.

Elii Juuniyer miidhaa irra gaheen ji'oota afuriif dirreerraa kan fagaatu ta'uun waan nama gaddisiisu ta'us, Bornimoowuz jifataa isaa Aleeksi Iskootiin alatti dirree keessa cimee akka turu kan godhan bakka hunda nijiru.

Taphattoota haaraa keessaa taphataa sarara ittisaa Poorchugaal Antooniyoo Siilvaa Benefikaa irraa bitateera. Isaan alattis taphataa sarara fuulduraa Alvaaroo Rodrigueezis Eechee irraa bitaniiru.

Juwaanluu Saancheez Siiviyaa irraa Paawundii miliyoona 11'n kan bitame muuxannoo chaampiyoonsiliigii kan qabudha. Kana malees bittaan taphataa Kileever Cheeriis adeemsarra jira.

15) Liidsi Yuunaayitid

Bara darbe sadarkaa 14ffaadhaan xumuran.

Leenjisaan liidsi Yunaaytid Daani'eel Faarkii durumarraa fedhii kilabicha leenjisuu qabu. amma kilaba hawwii isaa argatee waan fidu isumatu beeka.

Maanchsiter Siitii irraa paawundii miliyoona 45'n gara Liids kan dhufe Jeemsi Tiraaford, gooli eegaa Garee kubbaa miilaa Ingilaand Jordaan Piikfoord bakka bu'uuf hawwii qaba.

Liids Fuulhaam irraa Haarii Wilsonis bifa folqolcha fakkaatuun bitateera.

Taphataan ganna 23 Boosiniyaa Herzigooviiniyaa Taarik Muhaaremooviik Saasu'ooloo irraa paawundii miliyoona 34 bitames sarara ittisaa kilabichaa jabeessa jedhamee abdatameera.

Akkuma dorgommii bara darbee hoo'inni daandii Eelaand sababa ijoo ta'a jedhamee eegama.

16) Fuulham

Erga leenjisaan garee kanaa duraanii Maarkoo Siilvaan gara Benefikaa deemanii kilabni Fuulhaamis barana leenjisaa haaraadhaan dhufa. Leenjisaa Alvaaroo Arbelo'aan ittigaafatamummaa kana fudhateera.

Akkuma muudama namoota kaanii muudamni leenjisaa kanaas qumaaran kan guutame. Garuu Fuulhaam piriimerliigii keessatti yeroo tasgabbaa'aa ta'e dabarsuu barbaadu.

Shi'aa Chaarles Saawuzhaampitanitti ga'umsa gaarii agarsiisee ture. kanaaf isarraa waan guddaa eegu. Arbe'oolaan kilabicha gadhiiseera. Gonzaaloo Garshiyaa fi Seesar Palasiyoon Riyaal Maadriid irraa dhufaniiru.

Fuulhaamiif Tasgabbiin waan gammachiisaa isaan barbaadani.

17) Sanderland

Bara darbe sadarkaa 7ffaadhaan xumuran.

Wanti Sanderlaaandii fi Raajis Lii Biriis bara darbe galmeessisan waan raajii jedhamuudha. Haala rakkisaa keessaa bahanii gulaallii Liigii Awurooppaatiif darban.

Bara kanas ga'usa akkasii irra deebi'uu danda'uu?

Hin beekamu. Garuu cheelsii irraa Giraanit zhakaa bitachuun milkii guddaadha. Biriyaan Birooberiin waancaa addunyaa irratti Garee Neezerlaand waliin yoo taaphatu yaaddoo akkamii keessa akka jiru mul'ateera.

Garuummoo 'adurreewwan gurraachaaf' barri kuni bara itti milkaa'ina irra deebi'anii abjuu isaanii milkeessan ta'uu mala.

18) Koovantarii

Barana Piriimeerliigii Ingilaanditti guddatan.

Kilaboota bara kana gara Piriimerliigiitti guddataniif qorumsa guddaadha. Koventirii siitiin leenjisummaa Doog Kiing jalatti gara Piriimerliigiitti deebi'uun injifannoo gammachuu dhugaa uumudha. Firaank Laampaardiif akka leenjisaatti deebi'ee ka'uu akka jechuuti.

'Cuquliisonni Samii' yeroo bonaatti fedhii isaanii dhugaa mul'isaniiru. Warra barana haaraa dhufe Ipiswiich Taawunii fi Hal siitii waliin tilmaama kennaman soba taasisuuf jabaatanii falmatu.

Ta'iwoo Awoniyii sarara fuuldura gulufsiisa. Gaas Hamer Shiifiild irraa deebi'eera. Karra eegaan Kaarli Raashworz Biraayitan irraa liqiidhaan dhaabbiidhaan bara darbe fudhataniiru.

Winger Luum Tichoonaa Barnilee irraa, taphataan sarara ittisaa Awurela Amendaa Intiraakt Firaankfart irraa, taphataan sarara gidduu Gaanaa Kaaleeb Yireenkii Nordsjelaand irraa warra kilabichi mallateesifate.

Namuu kan Kiingii fi kilabni Koventirii cimanii hin deeman jechuu danda'u hin jiru.

19) Ipsiwiich

Barana Piriimeerliigii Ingilaanditti guddatan.

Leenjisaan Kilabichaa Keran Makenaan, kilabicha fiixee milkaa'inaa irraan erga gahaniin booda leenjisummaa gadhiisuun rifaatuu uumeera. Amma injifannoo kana itti fufsiisuun leenjisaa Gaarii Oneeyil harkatti kufe.

Gareen 'Ijoollee Tiraaktaraa' Amma dura yeroo Piriimerliigii keessa turan aariidhaan guutamanii ture. barana miira biraatiin dhufu jedhamee eegama. Jijjiirraa taphattootaa keessattis maallaqa qabatanii gabaa keessatti mumul'achaa jiru.

Erga Piriimerliigiitti guddachuu mirkaneeffatanii booda taphattoota akka Abdoowul Otaaraa fi Juliyoo Insiisoo dabalatee jijjiirraa taphattoota 12tiif hanga ammaa Paawundii miliyoona 150 kiishaa baasaniiru.

Dayizen Meedaa, kan kilabni Seeltik waancaa Iskootilaand akka injifatuuf gargaare Piriimerliigii keessatti ga'umsasaa akka mul'isu abdatama. Leesister Siitii irraa kan dhufe Abdul Fatawus dhiibbaa akka uumuu danda'u tilmaama argateera.

Yoo Ipsiwiich milkii kan dhabu ta'e garuu fedhii dhabuu yookan yaalii taasisuu dhabuurraa kan maddu akka hin taane baramuu feesisa.

20) Haal Siitii

Barana Piriimeerliigii Ingilaanditti guddatan.

Maqaa masoo 'Qeerransoota' jedhuun kan waamaman Haalsiitiin waggaa sagaliin booda leenjisaa Sergeej Jakirovikiin durafamanii gara Piriimerliigiitti deebi'an.

Kuni qofti gahaadhaa? Haal siitiin yaaliin inni taasisu haalan gammachiisaa akka ta'uu danda'u natti dhagahama.

Hanga ammaatti taphattoota 11 mallatteesisaniiru. Adeemsa kana keessattis rikardii bittaa taphattootaa isaanii si'a lama cabsaniiru. Yeroo karra eegaa Giriik Konistantinoos Tolakis Olompiyaakoos irraa bitanii fi taphataa Senegaal Nobel Mendy Rayo Valekaanoo irraa bitan.

Ammas taanaan garuu baayyonni wan hin oolledha jedhanii kan yaadan Haal Siitii namuu qeequu hin danda'u. qeeqamuun maalif malaafree?