Magaalaa xiqqoo 'fokkisuun' itti kabajamu

Maxxanfame

Namni nama kaaniin fokisaa/fokkistuu akkasumas godeessa/godeetti jechuun ibsa. Tarii, namni ofiin akkana of jedhee hin waamu ta'a.

Gandi amma isinitti himuuf jennu garuu fookkisuun/goduma leellifti. Sanuu waggaa dheeraa dura eegale.

Waggoota 140 darbaniif ''goduma'' kabajuun gandi 'Piobbico' [Piwobikoo] jedhamtuufi biyya Xaaliyaanitti argamtu garuu bakka namoonni ''fakkisoo'' ta'an keessatti argaman ta'un gurra horatteetti.

Tulluu Appenaayin fi galaana Adiriyaatik gidduu, giddugala Xaaliyaanitti argamti bakki kuni.

Manneen ganda kanaas bara jiddugala Awuroppaa kan agarsiisan yoo ta'u, naannawa isaa bosonatu marseera.

Gandi kun bareeddus bareedina ishii caalaa garuu ''goduma'' jiraattota ishiin beekamti.

Erga bara 1879, kilabiin ''Club dei Brutti [kilabii fokkistotaa]'' jedhamu magaala xiqqoo ummanni 2,000 keessa jiraatu kana keessatti hundaa'eera.

Oduun kanatti dhiyaatan biroo:

Miseensonni kilabii kanaa ''namni eenyummaa isaati malee waan alaa mul'atuun madaalamuu hin qabu,'' jechuun falmu.

Yaadni waggaa dheeraa dura eegale kun amma guddatee warraaqsa idil-addunyaa ta'eera.

Yeroo ammaa 'Waldaan Ummata Goduma Fokkistoota' miseensota 30,000 ol qaba.

Kilabiin kuni jalqaba dubartoota magaalatti dhirsa hin qabnef jaarsa barbaaduf dalaga ture.

Tura keessa garuu hawaasni ganda kanaa bareedinni keessoo kan alatti qaamaan mul'atu akka caalu dubbachuun hojii isaanii taasifatani.

Sababa kanaafis, bara 2007'tti maqaa namoota 'godumanin' addabaabayii magaalatti irratti siidaa dhaabame.

Har'a, miseensa kilabii kanaa ta'un salphaadha.

Miseensonni buleeyyii kilabii kanaa sadarkaa fokkisummaa kennaniin akka miseensa ta'an ni ta'a. Yeroo galmaa'an sadarkaan kennamus hanga ''akka malee fokkisaa'' kan jedhu ni gaha.

Dhuguma jiraattonni fokkisoodhaa?

Jiraatonni magaalicha magaalaa xiqqo waan taatef hundi keenya walbeekna yaada jedhu qabu.

Magaalaa kanatti waa'ee bareedinaafi fokkisuu namuu hin dhiphatu jedha pirezidantiin kilabichaa Jiwovaani Aluwigii.

Magaala kana keessatti kan jirataanis ta'e miseensonni kilabii kanaa garuu fokkistootadha jechuu miti.

Kilabiin kuni bareedina keessoo leellisuun waan namni namaan jedhuf gurra hin kenniinaa jedha.

Waggaa waggaatti ji'a Fulbaanaatti ummanni addunyaa guutuu walitti dhufun 'festivaalaa fokkistootaa' irratti hirmaata.

Festivaala kana irratti pirezidantiin kilabichaa kan filatamu yoo ta'u miseensota haaraas ni galmeessu.

Yeroo kanattis nyaata qe'eetti qophaa'e sooratu.

Kaayyoon guddaa kilabichaa bareedinni namaa keessoo namaati jechuun namni akka of ta'u jajjabeessu.

''Kilabii kana keessa jirta jechuun ni fokkista jechuu miti, inumaa keessoon kee ni bareeda jechuudha jetti jiraattuun magaalatti maqaan ishee hin dhahamne.

Yoo kabajne, kanneen bareeda miti jedhanii yaadan akka hin yaaddofne isaan gargaara.

''Akka hin bareedne kan ati yaaddu waan ati hin bareedneef miti, garuu namoonni kaan akka ati akkana yaaddu waan si taasisaniifi,'' jedha pirezidantiin kilabichaa waggoota 8 darbanif pirezidantii ta'e.