Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Shakkamaan naannoo Waayit Hawuusitti dhukaasa bane qondaalota nageenyaan ajjeefame
Shakkamaan keellaa Waayit Haawus biratti dhukaasa bane qondaalota nageenyaa waliin walitti dhukaasuun booda Sanbata galgala ajjeefamuu poolisiin beeksise.
Miidiyaan michuu BBC, CBS shakkamaan kuni Naasiir Beest akka jedhamu, nama ganna 21 akka tahe, seenaa dhibee sammuu akka qabu gabaaseera.
Pireezidantiin Ameerikaa Donaaldi Tiraamp ''tarkaanfii si'ataafi ogummaan guutame,'' humnoota nageenyaa dinqisiifateera.
Maxxansa miidiyaa hawaasaarra kaa'een namni ajjeefame kuni ''nama seenaa hokkoraa qabuufi caasaa leellifamaa biyya keenyaa waliin rakkoo qabaachuu malu dha,'' jedhe.
Dhukaasni miilanaa kuni baatii tokko dura dhukaasa affeerraa irbaataa gaazexeessitootaa Waayit Haawusitti qophaa'e irratti dhukaasa banameen booda dhagahame.
Taateen Sambata kaleessaa mudate kuni qorannoorra kan jiru yoo tahu daandiin Waayit Haawus geessu hamma halkanitti cufamee turuu mala
Kaleessa gara galgalaa sa'atii 12:00 shakkamaan kuni qawwee borsaa isaa keessaa baasee daandii 17th street jedhamutti ''dhukaasuu jalqabe'' kunis dhihoo Waayit Haawus waajiraaleen mootummaa jirani dha.
Qondaaloti tikaa nama dhukaasa bane kanatti yeroosuma deebisanii dhukaasa banan. Ergasii hospitaala geeffamus achitti lubbuunsaa darbeera.
Dhukaasa kanaan namni achi ture tokko miidhamus qondaaloti nageenyaa odeeffannoo dabalata hin kennine. Humni nageenyaa taatee kanaan miidhame hin jiru.
Akka dhaabbati tikaa biyyatti jedhutti yeroo taateen kuni mudate Tiraamp Waayit Haawus turan. ''Oppireeshiniifi eegdonni taatee kanaan miidhaman hin jiran,'' jedhe.
Shakkamaan boodarra dha miidiyaaleen US Beest akka jedhamu kan adda baasan humnooti tikaas nama kana beeku jedhe CBS.
Qorannoo taasifamaa jirutti maddeen dhiyeenya qaban akka jedhanitti namni kuni bara 2025 Waayit Haawus yeroo galuuf yaalu qabamee hidhamee ture. Sana boodas mana yaalaa dhukkuba sammuu seenee ture. Waashingitan keessa ji'oota 18f jiraateera.