Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Yeroo waliigalteen dhukaasa dhaabuu danqamee jirutti USfi Iraan haleellaa walirratti gaggeessaan

Humi Waraanaa US misaa'eloota Iraan rukuttee kuffisuu ibsuun haleellaa of-ittisuu Iraanirratti gaggeessuu beeksifte.

Guduunfaa

Yeroo waliigalteen dhukaasa dhaabuu danqamee jirutti USfi Iraan haleellaa walirratti gaggeessaan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Haleellaa diroonii Iraan Buufata Xiyyaaraa Kuweet irratti raawwatteen hedduun miidhaman

    Haleellaa diroonii Iraan Roobii ganama buufata xiyyaaraa Idil-addunyaa Kuweet irratti raawwatteen balaliin addaan citeera.

    aleellaa kanaanis namoonni hedduun madaa’aniiru.

    Haleellaan buufata xiyyaaraa Kuweet irratti raawwatame kun erga Tehraan fi Waashingten wal haleeluu jalqabaniin booda kan raawwatedha.

    Dhaabbileen oduu Iraan lama Iraan marii dhukaasa dhaabuu dheeressuuf Ameerikaa waliin taasiftu addaan kutuun ishee Kibxata gabaasanii ture.

    Tiraamp garuu gabaasa kana kuffisuun mariin gaggeeffamaa jira jedhanii ture.

    Dubbi-himaan humna Ittisaa Kuweet Birgaader Jeneraalii Sa’ud Abdulaziiz Al-Otahibii akka jedhanitti, “haleellaan diroonii hedduun” buufata xiyyaaraa kana irratti xiyyeeffataniiru.

    Haleellaa kanaan gamoo keessummeessaa imaltootaa (Terminal 1) irratti miidhaa cimaan qaqqabuu fi ''namoonni hedduu'' madaa'uu himan.

    Torban darbe keessa Waraanni Ameerikaa Iraan Kuweetiifi Baahireen irratti haleellaa raawwachuu himachuun deebii waraanaa akka fudhatu ibsee ture.

    Har'ammoo Iraan buufataalee waraanaa US biyyoota Galoo Galaanaa keessa jiran irratti haleellaa misaa'elaafi diroonii gaggeessuu hordofee Ameerikaan haleellaa kana raawwachuu kan ibsite.

    US odoola Iraan Qeshim jedhamuufi Ulaa Hormuuz irratti haleellaa kan gaggeesse yoo ta'u, haleellaa kana kana ofirraa tarkaanfii ittisuuti jette.

  2. Ameerikaa fi Iraan haleellaa walirratti gaggeessuu ibsan

    Waraanni US haleellaa Iraanirratti gaggeessuu beeksise. Iraan buufataalee waraanaa US biyyoota Galoo Galaanaa keessa jiran irratti haleellaa misaa'elaafi diroonii gaggeessuu hordofeeti US haleellaa kana raawwachuu kan ibsite.

    US oddoola Iraan Qeshim jedhamuufi Ulaa Hormuuz irratti haleellaa kan gaggeesse yoo ta'u, haleellaa of-ittisuuti jedhame.

    Iraan gamasheen misaa'elaafi diroonii fayyadamuun buufataalee waraanaafi helikoptaroota US buufataalee US keessa jiran irratti haleellaa gaggeesse jette.

    Ajaji Guddugalaa US, Iraan misaa'eloota baalistikii lama gara Kuweetitti dhukaasuufi sadi ammoo Bahireenitti dhukaasuushee ibsuun, misaa'elota kanneen humnoota waraanaa biyyoota kanneenii waliin ta'uun qolachuu beeksise.

    Haleellaan kun kan dhagahame mariin dhukaasa dhaabuu dheeressuufi waraana dhaabuuf waliigaltee gochuu yeroo danqamee jirutti.

    Eegdonni Warraaqsa Islaamaa gamasaaniin "nageenya Ulaa Hormuuz jeequun waraana UStiif balaa guddaa fidee dhufa" jedhe.

  3. Ashamaa!

    Tamsaasa kallattii BBC Afaan Oromoo har'aa eegalleera!

    Iraan buufataalee US irratti haleellaa gaggeessuu ibsite. US ammoo misaa'elota Iraan qolachuun haleellaa gaggeesssuu beeksifte.

    Odeessa biyya keessaafi idiladdunyaa isin biraan keenya.

    Dhiyaadhaa!