Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jaalallee haaraa Lamiin Yamaal baafate eenyu?
Taphataan Baarseloonaa Lamiin Yamaal jireenya dhuunfaa isaa kubbaan ala jiru ariifatee gara miiidyaatti fiduun isaa akka inni ajandaa tahu isa godheera.
Waggaa 18 osoo hin guutiin hariiron jaalalaa Lamiin Yaamaal keessa ture dubbii ijoo miidiyaa ture.
Artistii Arjeentiinaa umuriin waggaa torba isa caaltu Niikoo Nikool waliin hariiroon jaalalaa jalqabe osoo hin turiin adda cite.
Yamaal jireenya ishee waliin dabarse hundaa miiidyaa hawwaasaa irratti maxxansaa ture. Hariiroo ji'ootaaf qofa tureen booda adda bahuu isaaniis akkasuma ibse.
Maaltu akkas isa ariifachiise kan jedhanis hin dhabaman. Erga ishee waliin adda bahuu ibsee garuu kubba miilaa irratti xiyyeeffachuun gahumsa guddaa ittiin beekuma irra gahe.
Yamaal waan dirree keessaa irrattan xiyyeeffadha jedhee erga beeksisee Baarseloonaa waliin waancaa Laaligaa mo'ataniiru.
Waggaa tokko osoo hin guutiin garuu ammas lammii Ispeen magaalaa Siiviyaa keessa jiraatti Inees Gaarshiyaa jedhamtu waliin jaalala keessa jiraachuu beeksise.
Umuriin ishee waggaa 21. Waggaa sadiin Yamaaliin hangafti.
Yaamaal fuula Inistaagiraamii isaa irrattis osoo wal dhungatanii suuraa ka'an maxxaseera. Waancaa Addunyaaf miidhamarraa bayyannachaa kan jiru Yamaal kanatu deebisee ajandaa isa godhe.
Duraan lamaan isaanii daandii Giriik irra harka wal qabatanii osoo deemanii argamuun hamiin ture.
Garuu yeroo baarseloonaan waancaa Laaligaa mo'achuun afeerraa Irbaataa magaalaa qarqara galaanaa jirtu, Kaasteldefilsitti qopheessu miiidyaaleen dhugaa jiru argatan.
Ines Gaarshiyaa afeerraa sana irratti lamiin Yamaal waliin argamteetti. Suuraa kilebichi qopheesse irrattis waliin kaateetti.
Garuu isheen eenyu?
Ines Gaarshiyaa namoota Ispeen keessaa dhiyeenya kana saffisaan miiidyaa irratti beekamaniifi guddataa jiran keessaa ishee duraati.
FaashInii fi haala jireenya ishee miidiyaa irratti dhiyeessuunis beekamti. Infuleensera miidiyaa jabduu jedhamuunis beekamti.
TiikTok irratti hordoftoota walakkaa miliyoonaa qabdi. Inistaagiraamii irratti ammoo gara 150,000 qabdi.
Haala uffannaa faashinii, imala fi jireenya ishee waliigalaa qooduun beekamti.
Inesh Gaarshiyaa hanga dhiyeenyaatti waa'ee hariiroo jaalalaa ishee miidiyaa irraa dhoksuun jiraachaa turte.
Erga Lamiin Yamaal waliin maqaan ishee ka'uu jalqabee garuu beekkamtiin ishee hedduu dabale. Miidiyaalee gurguddoo fi dhaabbilee bashannanaa hedduun barbaadamtuu taate.
Ines Gaarshiyaa faashinii beeksiisuu qofa osoo hin taane biraandii mataa ishees qabdi.
Faashinii kun uffata dubartootaa yoo tahu sagantaawan adda tahan irratti akkamiin uffachuun akka tahuu fi maaltu amma faashinii akka tahe beeksifti.
Dhiyeenya kana ammoo pirojektii Kookoo [ Coco] jedhamu dhaabbata faashinii Kiloozet Baarseloonaaa jedhamu waliin jalqabdeetti.
Akkasuma imala adda addaa taasiftuu fi bakka jirtu hordoftoota isheef qooduun beekamti.
Imala bashannanaaf ammoo maaltu akka barbaachisuu fi maaltu akka barbaachisu qooduun beekamti.
Amma erga maqaan ishee Yamaal waliin ka'ee beekkamtiin ishee akkaan dabaleera. Xiyyeeffannoo miiidyaalee hedduus taateetti.
Lamiin Yamaal dandeettii kubba miilaa isaa guddisuu qofa osoo hin taane beekkamtii fi jireenya dhuunfaanis guddataa jira.
Ammayyuu umuriin isaa waggaa 18. Waancaa Addunyaa fi Shaampiyoonsi Liigii irraa kan hafe waancaawwan adda addaa Baarseloonaa fi Ispeen waliin mo'ateera.
Amma Waancaa Addunyaaf biyya isaa Ispeen waliin qophaa'aa jira.
Amma biyya isaa Ispeenii fi Baarseloonaa injifannoo gurguddaaf dhaqabsiisuuf itti gaafatamummaa guddaan irra kaa'ameera.
Akkasumas qeeqawwan adda addaa jireenya dhuunfaa isaa waliin dhufan ilaalchisee dhiibbaa guddaan miiidyaalee irraa isa mudata.
Yamaal garuu bilchinaa fi guddina gama hundaan agarsiisuu itti fufeera.
Lamiin Yamaal Inistaagiraamii irratti hordoftoota miliyoona 43 ol qaba. Lamiin Yamaal Liyonel Meesii booda Baarseloonaatti taphataa urjii waggoota hedduuf ilaallu tahuuf deema.
Lakkoofsa Mesii Baarseloonaatti kan fudhate Yamaal biyya isaaf Waancaa Addunyaa irratti akkuma Mesiin jalqaba lakkoofsa 19 uffachuun hiriire lakkoofsa 19 uffachuun kan taphatu taha.
Yamaal maatii isaa hidda dhalootaa Koongoo fi Morookoo qaban irraa dhalate.
Biyyoota lameeniifuu mirga hiriiree taphachuu qaba ture. Amma garuu amanannaan Ispeen Yamaal taheera.